Sudaanitti hidhattoonni RSF hospitaala el-Fasher haleeluun namoota 460 ajjeesan- WHO

Madda suuraa, AP
Milishaan humna addaa (RSF) Sudaan hospitaala guddicha el-Fashaar keessatti argamu haleeluun namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibse.
Hidhattoonni RSF kunneen erga magaalaa guddoo Sudaan qabatanii guyyoota booda haleellaa kana raawwatan.
Hoogganaa Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom hospitaalatti namoonni 460 ajjeefamuu wayita dhagahan ''baayyee gadduu fi rifachuu'' ibsan.
Caasaan doktarootaa Sudaan (Sudan Doctors' Network) duratti akka ibsetti hidhattoonni RSF ''namoota Hospitaala Sa'uudii keessa jiran hunda haala suukanneessaan ajjeesaniiru.''
Namoonni isaan ajjeesan dhukkubsattoota, namoota dhukkubsattoota waliin turan fi nama mooraa hospitaalichaa keessatti argan hunda.
Gareen kun lakkoofsa namoota du'anii ifatti hin keenye, garuu kutaaleen hospitaalicha keessa jiran hundi reenfaan guutaman jedhe.
Gareen doktarootaa kun hidhattoonni RSF ogeeyyii fayyaa ja'a ukkaamsanii fudhachuu ibse.
Kanneen butaman doktaroota afur, ogeessa faarmaasii fi nursii tokko yoo ta'an, milishoonni isaan butan gadhiisuuf maallaqa doolaara 150,000 gaafatan.
Haleellaa Kibxata darbe (Onkoloolessa 28, 2025) Hospitaala Sa'uudii irratti raawwate jalqaba Koree Diddaa el-Fasher (el-Fasher Resistance Committee) jedhamutu gabaase.
Koreen kun rogeeyyii naannoo uummata nagaaf quuqaman of keessaa qaba.
Erga haleellaan sun raawwatee booda uummanni hundi gaddaan liqimfamee, naannawaan sun callisa hamaa keessatti kuftee akka jirtu ibsan.
Naannoo Daarfuur keessatti magaalaan kun waraana Sudaaniif iddoo dahannoo cimaa isa dhumaa turte.
Garuu RSF ji'oota 18f erga itti marsanii magaalattii haleelanii booda Dilbata darbe (Onkoloolessa 26, 2025) qabatan.
Erga Ebla 2023 hidhattoonni RSF, kanneen deeggarsa Arabaa qaban, Daarfuur keessatti gosoota Araba hin ta'in irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuun himatama. RSF himannaa kana ni haala.
Erga el-Fasher haleelamtee booda UN, rogeeyyii fi jaarmiyaaleen gargaarsaa egeree namoota kuma 250f baayyee yaadda'uu ibsan. Jiraattonni magaalattii hedduun gosoota Arabaa kan hin taanedha.
Magaalattii keessatti kominikeeshiniin waan adda citeef waan qabatamaatti mudataa jiru hubachuun rakkisaadha.
Guyyoota muraasa darban sagantaan BBC Verify wayita hidhattoonni RSF namoota hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesan viidiyoo mul'isu dhugaa ta'uu mirkaneesseera.

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala qabatamaa magaalaa el-Fasher keessa jiru hubachuun ni ulfaata. Jaarmiyaaleen gargaarsaa rakkoon akkaan yaaddessaa ta'e magaalattii keessatti dhalateera jedhan.
Namoonni hedduun lubbuusaanii baafachuuf miilaan fageenya dheeraa, daandii balaafamaarra, imaluun bakka magaalaa el-Fasher irraa kalattii dhihaatti kiilomeetira 60 irratti argamtu Tawila seenaa jiru.
Dr Teedroos hleellaa Hospitaala Sa'uudii irratti raawwate dura, erga waraanni Sudaan eegalee buufataaleen fayyaa 184 ta'an haleelamuu fi namoonni 1,204 haleellaa akkanaan du'uu himan.
Hidhattoonni RSF magaalaa el-Fasher qabachuun biyyattii lamatti qoodeera.
RSF naannawa Daarfuur fi ollaa Kordofaan yoo to'atu, humni waraanaa Sudaan ammoo magaalaa Kaartuum, giddugala biyyattii fi kutaa baha biyyattii Galaana Diimaatti bahu qabatee jira.
Humnoonni amma wal waraanan kunneen duraan michuu walii turan. Fonqolcha mootummaa bara 2021 booda walitti dhufuun tokko ta'anii turan.
Garuu biyyattii gara bulchiinsa siiviliitti geeddaruu fi fuulduratti deemsisuu irratti karoora ba'e ilaalchisuun waldhabanii waraanatti seenan.












