Biyyoonni Afrikaa torba nageenyisaanii hunda caalaa 'hamaa' ta'e kam fa'i?

Madda suuraa, Reuters
Biyyoota Afrikaa Sahaaraan Gadii keessatti bara darbe keessa sadarkaan nageenya isaan qabanii gadi bu'eera. Qabxiin safartuu nageenyaa agarsiisanii giddu-galeessaan naannicha keessatti parsantaa 0.17n gadi bu'eera.
Biyyoonni tokko tokko nageenya foyyeessuuf fooyya'insa gaarii agarsiisanillee, naannicha keessati biyyoonni biro walakkaa ta'an garuu nageenyisaanii gadi bu'uu itti fufeera.
Yeroo ammaa kana, biyyoota addunyaarratti walitti bu'insaan hunda caalaa gaaga'aman kudhan keessaa sadii Kibba Gammojii Sahaaraatti argamu.
Akka ragaan Global Peace Index (GPI) bara 2025 agarsiisutti, lakkoofsi walitti bu'insaa naannolee keessatti mudatu erga bara Waraana Addunyaa II as sadarkaa baayyee olaanaadha jedhamerra gaheera.
Isaan keessaa walitti bu'insawwan haaraa sadii bara kana kan dhalatanidha.
Global Peace Index (GPI) gabaasa nageenya biyyoota 163 addunyaarra jiran gamagameen Itoophiyaa fi Ertiraan qabxii gadi aanaa ta'e argachuudhaan tarreeffama kana keessatti gara dhumaarra taa'aniiru.
Itoophiyaan biyyoota 163 keessaa 25 dursuun sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu Ertiraan ammoo Itoophiyaarra ol siqxee sadarkaa 132ffaa irratti argamti.
Dabalataan gamagama haala nageenyaa kana keessatti biyyoota Afrikaa 44 hammataman keessaa Itoophiyaan 36ffaa yoo taatu, Ertiraan ammoo sadarkaa 32ffaa qabatteetti.
Haaluma kanaan biyyoota gamagama kana keessatti hammataman keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan tarree nageenya biyyootaa idil-addunyaa bara 2025 keessatti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa ta'e keessa jiru keessatti ramadamaniiru.
Biyyoonni Afrikaa torba nageenyisaanii baayyee hamoo ta'an akka itti aanutti tarreeffamaniiru.
1. DR Koongoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoon kun qormaatni nageenyaa guddaa kan mudatu yoo ta'u, keessumaa jeequmsa siyaasaa fi shororkeessummaan dabalaa dhufeera. Addatti ammoo naannoo Saahel Giddugaleessaa keessatti daran walitti bu'iinsaan gaaga'ameera.
Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) naannicha keessatti biyya tasgabbii hin qabne yoo taatu, bara kanas haala hamaa kkeessa akka jirtu agarsiisa gabaasni jiru.
Akka gabaasa GPI bara 2025tti, DRC biyyoota haalli nageenyaa addunyaa irratti hammaataa ta'e qaban shanan keessaa tokkodha.
Waggaa darbe keessa DRCn ulaagaalee madaallii ijoo hunda keessatti qabxiin nagaa gadi bu'uu kan galmeessite yoo ta'u, walumaa galatti nageenyishee dhibbeentaa 4.5n gadi bu'eera.
Biyyattiin yeroo ammaa garee humnoota Ruwaandaa irraa dhufan tokko tokkoon deeggarmu jedhamee amanamu, finciltoota M23 jedhamurraa waraanni mudachaa jira.
Dhaabbanni Biyyootaa Gamtoomanii akka tilmaametti, loltoonni Ruwaandaa 3,000 hanga 4,000 ta'an lola DRC keessaa irratti hirmaachuun finciltoota humnoota mootummaa Koongoo lolan waliin tumsaa jiru.
2. Sudaan Kibbaa
Gama biraan, Sudaan Kibbaa naannicha keessatti biyya hunda caalaa nageenyi keessa hin jirredha. Addunyaarratti ammoo biyya nageenya dhabuun sadarkaa sadaffaarratti argamtudha.
Waggaa darbe keessa haalli nageneya Sudaan Kibbaa parsantaa 0.54n gadi bu'eera.
Gammachuun biyyattiin walabummaa argachuun argamee ture sababa fedhii aangootiin pirezidant Salvaa Kiirii fi itti-aanaa isaa Riik Machaar gidduutti walitti bu'insi akkuma dhalateen nagaan biyyattii boora'ee osoo hin calaliin hafe.
Waraana dhalate kanaan lubbuun namootaa 400,000tti tilmaamamu badee namoonni miliyoona 25 ta'an qe'ee isaaniirra buqqa'aniiru.
3. Maalii
Akka ragaan World Peace Report 2025 agarsiisutti, haalli jireenyaa Maalii keesa jiru daran hammaataa ta'ee itti fufeera, keessumaa ammoo bara 2025 caalaa rakkisaa ta'eera.
Bakkeewwan akka Timbuktuu, Gaahoo, Moptii fi Menaakaa keessa yeroo dheeraaf nageenyi hin jiru.
Namoonni sodaa keessa jiraatu, tajaajilawwan bu'uuraa kanneen akka fayyaafi geejjibaa guutummaatti addaan citaniiru. Haleellaawwan hidahttootaa, daandiin cufachuu fi namoonni qe'eesaaniirra abaqachuun taatee guyyuudha.
Biyyi Lixa Afrikaatti argamtu kun rakkoo nageenyaa sababa milishoota Islaamist erga bara 2012 as waraana bananiin nageenyi irraa fagaateera.
4. Burkinaa Faasoo

Madda suuraa, AFP
Erga bara 2015 as Burkinaa Faasoon walitti bu'iinsa hamaa milisoonni Islaamist hammeessaniin haala nageenyaa hamaa keessa jirti.
Keesumaa ammoo karaa daangaa kaabaa fi baha Maalii fi Niijer daangessituun rakkoo nageneyaa wal xaxaa keessa jirti.
Ka'umsa wal waraansa bara 2012 Maalii keessa tureen rakkoon nageneyaa hammaachaa deeme kun biyyattiin akka tasgabbii hin arganne godheera.
Bara 2025 kana keessa tilmaamaan daangaan Burkinaa Faasoo parsantaa 60 ta'u to'annoo mootummaatiin ala yoo ta'u, gareewwan Jihaaddistootaa buufataaleen waraanaa, bakka jireenya namoota nagaa fi bu'uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta'an irratti haleellaa gaggeessu.
Hanga ji'a Hagayyaa kanaatti namoonni miliyoona 2.3 ta'an sababa rakkoo nageneyaatiin qe'ee isaaniirraa buqqa'anii baqataniiru. Namoota buqqa'an keessaas gariin isaanii biyyuma keessa bakka gara garaatti kan da'atan yo ta'u, kanneen kaan ammoo biyyoota ollaatti baqataniiru.
Maatiin diigameera, ijoolleen mana barumsaarraa addaan citaniiru, namoonni hedduun ammoo egereen isaanii maal a'uu akka danda'u osoo hin beekiin sodaa guddaa keessa jiraachuuf dirqamaniiru.
Kun akka madaallii Afrikaa ASA dhimma nageneyaarratti gaggeessettidha.,
5. Somaaliyaa
Smaaliyaa keessatti, haalli nageenyaa ammallee akkuma gaga'ametti itti fufee jira.
Gareen hidhataa Al-Shabaab haleellaawwan boombii, balleessanii baduu, akkasumas addatta namoota dhuunfaarrati xiyyeeffachuun ajjeesuu itti fufeera.
Namoonni dhibbe hedduutti lakkaa'aman du'uu fi madaa'uun haala guyyuu biyyattiidha.
Al-Shabaab nama mootummaa waliin hariiroo qaba ykn mootummaaf ni tumsa jedhu ajjjeesuudhaaf duubatti deebiyee hin beeku. Akkasumas qaama ykn nama humnoota alaa gargaara jedhee yaadu ykn walitti dhufeenya uumeera jedhus irratti xiyyeeffatee ajjeesa.
Somaaliyaan biyya sodaa dhuma hin qabne, namoota nagaa dabalatee bakka namni kamiyyu nageenyi itti hin dhaga'amne taatee itti fufteetti.
6. Rippabilika Giddu-galeessaa Afrikaa
Haalli nageenyaa Rippabilika Giddu-galeessa Afrikaa (CAR) kan biyyoota Afrikaa Saharaan gadii hedduurraa adda ta'e miti.
Lammileen CAR lola garee masaanuu lamaan erga Coalition for Patriotic Reforms (CPC) deeggersa garee hidhattootaa dhabeen booda gidduusaaniitti jalqabee boqonnaa hin arganne.
haleellaan garee hidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduutti ture waliigaltee nagaa 2019 turellee diigeera. Waliigalteen bara 2029 ture kun waraana waggoota shaniif ture dhaabsisuu danda'ee ture.
7.Naajeeriaa
Akka ragaan World Peace Index kan bara 2025 agarsiisutti, "Naajeeriyaa keessatti ilaalchii fi muuxannoon nageenyaaf jiru" akkaan sodaachisaadha.
Akka qorannoo dhiyeenya kana gaggeeffame kanaatti Naajeeriyaan Afrikaa keessatti biyya nageenyi haala hamaa keessa jiru ta'uudhaan sadarkaa torbaffaarratti argamti.
Nageenya biyyoota Afrikaa biroo
Ulaagaaleen Global Peace Index biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa 26 qabachuun biyya nageenya qabdudha kan jedhamte Moriishes yoo taatu, isheetti aansee ardittiirratti tasgabbii siyaasaafi walitti bu'iinsawwan gadi aanaa ta'e galmeessuun Botiswaanaa, Namiibiyaa fi Gaambiyaan itti aanu.
Sadarkaa idil-addunyaatti bara 2025 keessa tarree nageenya addunyaan kanaan biyyoonni addunyaa 97 kan nageenyi keessatti hir'ataa dhufe jedhamaniiru.
Biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti nageenyi dhabamuun guddaa ta'e galmaa'eera.
Waggoota shanan darban keessaa biyyoota Afrikaa 44 keessaa 36 kanneen ta'an karaa tokkoon ykn karaa biraan walitti bu'iinsa keessa galuu isaanii gabaasni kun mul'iseera.
Addunyaarratti biyyoota kudhan nageenyi isaanii gadi bu'e keessaa sadii Afrikaa keessatti argamu.
Biyyoonni Afrikaa Sahaaraan gadi jiran baayyeen rakkoon nageenyaa, tasgabbii dhabuun siyaasaa dabaluu keessumaa naannoo Saahel giddu-galeessaatti tasgabbii dhabuufi shororkeessummaan mudateera.
Dimokiraatik Koongoo waliin Baangilaadish, Yukireen, Raashiyaa fi Miyaanmaar biyyoota addunyaa nageenyi isaanii baayyee gadi bu'e keessaati.
Faallaa kanaan ammoo Yugaandaan Afrikaa keessatti gama nageenyaatiin fooyya'insa guddaa kan agarsiifte akka taate gabaasni kun eereera.
Sudaan, Yemen, Sooriyaa fi Israa'el sadarkaa idil-addunyaatti biyyoota nagaa dhaban keessatti tarreeffamaniiru.















