Itoophiyaa fi Ertiraan addunyaarratti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa keessa jirurratti ramadaman

Loltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Nageenya ilaalchisee biyyoota addunyaarra jiran keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan sadarkaa gadi aanaarratti akka argaman gabaasni waggaa haala nageenya biyyootaa tarreesse mul'ise.

Global Peace Index (GPI) gabaasa nageenya biyyoota 163 addunyaarra jiran gamagameen Itoophiyaa fi Ertiraan qabxii gadi aanaa ta'e argachuudhaan tarreeffama kana keessatti gara dhumaarra taa'aniiru.

Itoophiyaan biyyoota 163 keessaa 25 dursuun sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu Ertiraan ammoo Itoophiyaarra ol siqxee sadarkaa 132ffaa irratti argamti.

Dabalataan gamagama haala nageenyaa kana keessatti biyyoota Afrikaa 44 hammataman keessaa Itoophiyaan 36ffaa yoo taatu, Ertiraan ammoo sadarkaa 32ffaa qabatteetti.

Haaluma kanaan biyyoota gamagama kana keessatti hammataman keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan tarree nageenya biyyootaa idil-addunyaa bara 2025 keessatti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa ta'e keessa jiru keessatti ramadamaniiru.

Tarree sadarkaa nageenya biyyoota addunyaa agarsiisu kan qopheesse dhaabbata Inistitute for Economics & Peace (IEP) Ayislaand addunyaarratti biyya naga qabeettiidha jechuun jalqabarra kaa'eera.

Tarreeffamni nageenya biyyaalessaa nageenya biyyoota addunyaa ilaaluudhaaf agarsiiftuuwwan 23 gargaaramuun haala nageneyaafi tasgabbii biyyootaa galmeessa.

Haalli sadarkaa nageenyaa biyyootaa kun kan bahu nageenya hawaasummaa, walitti bu'iinsawwan biyya keessaafi alaa qabanii fi ijaarsa loltummaa gaggeessaniinidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasni sadarkaa nageenya biyyoota addunyaa 2025 qormaatawwan jajjaboo nageenya Itoophiyaa fi Ertiraa keessatti mul'atan kaa'eera.

Waraana Kaaba Itoophiyaa dhuma bara 2020 dhalateen, keessumaa naannoo Tigraay keessatti waraana gaggeeffamerraa kan ka'een nageenyi biyyattii keessa jiru dhabamaa deemuu gabaasni kun yaadateera.

Walitti bu'iinsi kun tasgabbiin dhabamuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti uumame dabalatee buqqaatii jumlaatiif, rakkoowwan namoomaaf, akkasumas rakkoon nageneya bal'aa akka jiraatu taasiseera. Kun ammoo nageenyaa fi tasgabbii biyyattii haalaan miidheera.

Walitti bu'iinsa hidhannoon gaggeeffamuun alattis, tasgabbii dhabuun siyaasa Itoophiyaa sadarkaan nageenya ishee gadi aanaa akka ta'uuf dhimmoota murteessan keessaa ta'uu gabaasa kana keessatti eerameera.

Walitti bu'iinsawwan uumaman furuudhaaf dhukaasa dhaabuufi marii dabalatee carraaqqiiwwan taasifaman gadi aanaa fi kan hin xumuramiin ta'uu gabaasa kana ke

Mootummaan Itoophiyaa marii nagaarratti fooyya'insa hanga tokko agarsiisullee, garaa garummaa keessaa to'achuu, walitti bu'iinsawwan naannolee jiran furuufi tasgabbii waaraa mirkaneessuu dadhabuu isaatiin biyyattiin yaaddoo walitti bu'iinsaa hamaatiif akka saaxilamtu ishee gochaa jira jedha gabaasni kun.

Ertiraanis haaluma wal fakkaatuun bulchiinsa abbaa irree waggoota 30 oliif olaantummaan bulchee fi sarbama mirgoota namoomaa deemaa jirurraa kan ka'een tarree gabaasa GPI kanarratti dadhabduu taatee mul'atteetti.

Biyyattiin addunyaarratti biyyoota baayyee nama hacuucaniifi hukkaamsan keessaa tokko taatee itti fufuu ishee kan eere gabaasni kun, bilisummaan siyaasaa daangeffamuu, tajaajila loltummaa dirqamaa fi akka feeteen nama hidhuun biyyattii keessatti bal'inaan akka mul'atu kaa'eera.

Imaammatawwan keessoo kunneen dimokiraasii fooyyeessuuf ykn carraaqqiiwwan bilisummaa ummataaf taasifamu kamiyyu gufachiisuun, aangoorratti to'annoo cimaa taasisuun bu'aa nageenya gadi aanaa ta'e argamuutiif gumaacheera.

Ertiraan mootummaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun waraana kaana Itoophiyaa keessatti hirmaattee kan ture yoo ta'u, kun ammoo sadarkaa idil-addunyaatti ulaagaa nageenyaa kennamuun qabxii gadi aanaa ta'e akka galmeessitu ishee taasiseera.

Waliigalteen nageenyaa bara 2018 Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti taasifame dhibdee daangaa hanga tokko furtanillee, muuddamni biyyoota lamaanii garuu waliigaltee Piritooriyaa waraana dhiiga baayyee dhangalaase dhaabsiseen booda dabalaa jira.

Ertiraan addunyaa biroorraa adda bahuu, hirmaannaa loltummaa qabdu fi dhiittaa mirgoota namoomaa dabalatee biyya keessattis ta'e qaxanaa sana keessatti nageenyaafi tasgabbii ilaalchisee jijjiirama akka hin agarsiifne gochuu isaa gabaasa kana keessatti eergameera.

Nama achi galagalee dhaabbatu

Madda suuraa, Getty Images

Nageenya biyyoota Afrikaa biroo

Ulaagaaleen Global Peace Index biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa 26 qabachuun biyya nageenya qabdudha kan jedhamte Moriishes yoo taatu, isheetti aansee ardittiirratti tasgabbii siyaasaafi walitti bu'iinsawwan gadi aanaa ta'e galmeessuun Botiswaanaa, Namiibiyaa fi Gaambiyaan itti aanu.

Sadarkaa idil-addunyaatti bara 2025 keessa tarree nageenya addunyaan kanaan biyyoonni addunyaa 97 kan nageenyi keessatti hir'ataa dhufe jedhamaniiru.

Biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti nageenyi dhabamuun guddaa ta'e galmaa'eera.

Waggoota shanan darban keessaa biyyoota Afrikaa 44 keessaa 36 kanneen ta'an karaa tokkoon ykn karaa biraan walitti bu'iinsa keessa galuu isaanii gabaasni kun mul'iseera.

Addunyaarratti biyyoota kudhan nageenyi isaanii gadi bu'e keessaa sadii Afrikaa keessatti argamu.

Biyyoonni Afrikaa Sahaaraan gadi jiran baayyeen rakkoon nageenyaa, tasgabbii dhabuun siyaasaa dabaluu keessumaa naannoo Saahel giddu-galeessaatti tasgabbii dhabuufi shororkeessummaan mudateera.

Dimokiraatik Koongoo waliin Baangilaadish, Yukireen, Raashiyaa fi Miyaanmaar biyyoota addunyaa nageenyi isaanii baayyee gadi bu'e keessaati.

Faallaa kanaan ammoo Yugaandaan Afrikaa keessatti gama nageenyaatiin fooyya'insa guddaa kan agarsiifte akka taate gabaasni kun eereera.

Sudaan, Yemen, Sooriyaa fi Israa'el sadarkaa idil-addunyaatti biyyoota nagaa dhaban keessatti tarreeffamaniiru.

Addunyaarratti biyyoota nagaa qaban

Bara 2025 kana keessa walitti bu'iinsawwan baayyeen mudataniiru. Akkasuma ta'ee garuu biyyoonni shan addunyaarraa biyyoota akkaan nageenya gaarii qabu jedhaman ramadamaniiru.

Ayislaand, Ayerlaand, Niiwuzilaand, Ostiriyaa, akkasumas Siwiitzilaand addunyaarratti biyyoota nagaa qaban jedhamuun duraa fi duubaan sadarkaa tokkoffaa irraa hanga shanaffatti biyyoota filataman keessaa ta'uu danda'aniiru.

Ayislaand bara 2008 irraa kaasee guutummaa addunyaarratti maqaa gaarii biyya naga qabeettii jedhu qabattee hanga har'aatti itti fuftee jirti.

Bara 2025 keessa waraanawwan idil-addunyaa kan daran itti hammatanii fi biyyoonni addunyaa daangaa isaanii itti cufatan, akkasumas muddamawwan daldalaa hammaachaa itti dhufan ta'ee mul'ateera.

Tarree nageenyaa biyyoota addunyaa bara 2025 GPI baaseen erga bara Waraana Addunyaa II as lakkoofsi walitti bu'insawwan mootummoota gidduutti gaggeeffamanii sadarkaa guddaarra gaheera.

Biyyoonni baayyeen humnoota waraanaa isaanii yeroo cimsataniii fi baasiiwwan humna ittisaa isaaniitiif baasan yeroo dabalan ta'ee mul'ateera.

Tarreeffama kana keessatti biyyoota tarree duraarratti hiriiran keessaa biyyoonni hangi tokko waggoota 20 darban keessa tasgabbii qabaachuun, gama imaammatawwan nageenyaa isaaniitiin ejjennoo dhaabbataa ta'e biyyoota agarsiisan ta'anii mul'ataniiru.

Tarreeffama nageenya biyyoota addunyaa kanaan sadarkaa dhumaarra kan taa'an Raashiyaa fi Yukireen yoo ta'an, biyyoonni lamaan waggoota sadan darban keessa waraana itti fufee gaggeeffamu keessatti argamu.