Mootii Haayilesillaasee lammii Itoophiyaa doktarummaa kabajaa jalqbaa argataniifi kaan

Haayilesillaaseen yeroo badhaas doktara kabajaa fudhatan

Madda suuraa, © The Ann Arbor News.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qondaalli mootummaa aangoorra jiru ykn muudama qabu doktarummaa kabajaaf akka hin kaadhimamne qajeelfama ajaju baase.

Qajeelfamni kuni yunivarsiitiiwwan marsaa saddeetiif barattoota hin eebbisifneefi barnoota sadarkaa PHD hin kennine doktarummaa kabajaa akka hin laanne jedhus qaba.

Ibsi ministeericha irraa bahe gaafa Adoolessa 15,2017 qaamota ilaallatuuf ergamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Namni kabaja kanaaf kaadhimamu ulaagaa biyya keessaafi idil-addunyaa guutuu qabu jedhameera.

Doktarrri kabajaa eenyuuf kennama?

Doktarummaan kabajaa namoota damee bobba'anii jiraniin hawaasa isaaniif gumaacha guddaafi hiika qabu taasisaniif kennama.

Namoonni kabaja kana fudhatan barnoota idilee doktarummaaf isaan gahu qabaachuun dirqamaa miti. Namoonni barnoota idilee otoo hin qabatiin badhaafamanillee jiru.

Dhimmooti akka ulaagaatti ilaalaman gumaacha addaa tajaajila hawaasaaf kenname, milkaa'ina aartii, barnootaafi dameelee kaanin namni tokko milkeesse dha.

Namoonni siyaasaa, artistoota, barreessitoota, saayintistoonni fa'i kabaja kana warreen badhaafaman keessaati.

Namoonni beekamoo aadaa hawaasaa irratti dhiibbaa gaarii taasisanillee yeroo baayyee tahuu baatus kabaja kana argachuu danda'u.

Namni jalqabaa addunyaa kanaa doktara kabajaa argatan hogganaa 'kabajaa' Yunivarsiitii Oksifard Liyooneel Wuudviil yoo tahan, isaanis bara 1470 keessa kabaja kana Yunivarsiitii Oksifard irraa argatan.

Namni kuni boodarra abuuna bataskaan Ingilaand Saalisbarii tahuusaanii ragaaleen yunivarsiitii Keembiriij ni agarsiisu.

Doktarummaan kabajaa erga kennameen namni sun yoo yakkaan yoo irratti murtaa'e, waan naamusa hawaasaa cabsu dalageefi waa'ee seenaasaa dhugaan faalleesuu yoo bahe kabajni kuni irraa mulqamuu danda'a.

Namoonni akka addunyaatti addatti doktarummaa kabaja kanaaf qaqqaban muraasni eenyu fa'i ?

Mootii Haayilesillaasee- lammii Itoophiyaa jalqabaa doktarummaa kabajaa argatan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootiin Haaylessillaasee bara 1954 Yunivarsiitii Ameerikaa Mishigaan irraa doktarummaa kabajaa(honorary Doctor of Civil Law ) jedhamu argachuu isaanii ragaan mana kitaabaa uummataa Ameerikaa Ann Arbor District Library mul'isa.

Ragaan ifatti galmaa'e kuni akka agarsiisutti mootichi lammii Itoophiyaa jalqabaa kabaja kana argatani dha.

Bara 1954 hanga 1966tti Yunivarsiitii Okisfardiifi Keembriij akkasumas yunivarsiitii Afrikaa keessaa ammoo Yunivarsiitii Maakereree dabalate yeroo isaaniitti hoggantummaafi dhiibbaa idl-addunyaa irratti taasisaniif doktara kabajaa 15 ol argachuusaanii ragaaleen galmee yunivarsiitiiwwan irraa argaman ni mul'isu.

Mootii Haayileessillaaseen dura lammiin Itoophiyaa kabaja kana argate ifatti kan beekamu hin jiru. Tahus bara 1997 keessa barreessaan Itoophiyaa beekamaa Kabbada Mikaa'el Yunivarsiitii Finfinnee irraa doktarummaa kabajaa argataniiru.

Mootii Haayilessillaaseen hundeeffama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif gumaacha taasisaniifi akkasumas Gamtaa Afrikaa ammaa duraan Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jedhamuun hogganoota hundeessan keessaa tokko yoo tahan dura taa'aan dhaabichaa jalqabaa tahuunis tajaajilaniiru.

Waraana Addunyaa Lammffaan booda cichoomina isaan nagaa, dippiloomaasiifi wal tumsa addunyaa irratti agarsiisaniin jajamaniiru.

Yeroo Xaaliyaaniin bara 1936 Itoophiyaa weerarte haasaan seena-qabeessa dhaabbata Liig of Neeshinitti taasisan mallattoo farra faashizimii tahee galmaa'e.

Mootichi biyya isaaniitti daldalli garbaa akka dhaabbatu gochuu isaaniin, barnootatti amanuun barattoota biyya alaatti erguufi Yunivarsiitii Haayilessilaasee yeroosii Addis Ababaa Yunivarsiitii ammaa bara 1950tti hundeessuu isaaniin maqaa horatan.

Kana malees biyyoota Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Gaanaa fi Zimbaabwee gita bittaa kolonii jalaa akka bahaniif deeggarsa haamilee, siyaasaafi waraanaa godhanii turan.

Mootii Haayilessillaaseen hoggantummaafi dhiibbaa isaan akka addunyaatti agarsiisan kanaan kabaja doktarummaa yeroo garagaraatti argataniif sababa taheera.

Luba doktara kabajaa baayyee fudhatan

Tiyoodor Heesbiraa

Madda suuraa, Getty Images

Namni doktarummaa kabajaa baayyee fudhachuun sadarkaa jalqabarraa jiran luba bataskaana Kaatolikii Ameerikaa, barsiisaafi barreessaa Tiyoodor Heesbiraa akka tahan maddeen dhimma kana galmeessan agarsiisu.

Akka ragaaleen galmee yunivarsiitiiwwan agarsiisanitti Tiyoodor doktarummaa kabajaa 150 tahan argataniiru.

Tiyoodoor Pireezidantii Yunivarsiitii Ameerikaatti argamu Nootardaam tahuun waggaa 35f kan tajaajilan yoo tahu caasaa bulchiinsaa mana barumsichaa barnoota geeddaruun maqaan isaanii ka'a.

Mana barumsaa xiqqoo Kaatolikii dhiirota qofa barsiisu Nootardaamiin gara yunivarsitti qorannoo kabajamaatti ceesisan.

Imaammatni yunivarsitichaa barnoota amantiin cinatti barnoota idileen carraa barnoota bilisaa akka kennutti babal'isan.

Bara 1972tti dubartoonni digrii jalqabaan yunivarsiitichatti akka galmaa'an hoggantummaan hojjechuun isaanii wal-qixxummaa koorniyaa mana barumsaa Kaatolikii olaanoo akkaan jijjiire.

Pireezidantii Ameerikaa bara 1957 Waayit D. Eseenhaawariin Koomishinii Mirgoota Siviiliin filataman, gareelee siyaasaa wal-morman gidduutti akka riqichaa tajaajilaa turan ragaaleen waa'ee isaanii barreefaman ni himu.

Lubni kuni pireezidantiiwwan Ameerikaa ja'a dhimma godaansaa, barnoota olaanoo akkasumas mirga siiviilii irratti gorsaa turan. Bataskaana Kaatolikii Vaatikaan bakka bu'uun waltajjii gurguddaa irratti dhiibbaafi gaaffii naamusaa meeshaan waraanaa niwkilaara qabu dubbachaa tura.

Mirga dhala namaa keesumaa kan baqattootaa irratti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin kan hojjetan yoo tahu lubummaa isaanii fayyadamuun dhiibaa gaarii gochaa turan.

Sonawwan amantii fi walabummaa barnootaa gidduutti madaalli akka jiraatu hojjechaa turan.

Dhimma naamusaa, hoggantummaa, mirga siviilii fa'i irratti kitaabota barreessaniiru.

Gumaacha hawaasaaf taasisan kanaan Lubni Tiyoodor medaaliyaa kabajaa isa olaanaa Presidential Medal of Freedom Ameerikaa dabalatee doktarummaa kabajaa 150 tahan argataniiru.

Dubartii jalqabaa doktarummaa kabajaa badhaafamte

Juuliyaa Waard

Madda suuraa, Getty Images

Seenaan hirmaannaa addabaabaayi dubartoota addunyaa qixaan galmaa'e argachuun dhimma nama dhibu dha.

Juuliyaa Waard Haawu (honorary Doctor of Laws (LL.D.) dubartii jalqabaa doktarummaa kabajaa bara 1870tti Kooleejii Ameerikaa Taaftis irraa argatte dha.

Juuliyaan lammii Ameerikaa waloo, feministii, fi garbummaan Ameerikaa keessatti akka dhaabbatu nama falmaa turte.

Faaruun isheen yeroo waraana waliinii Ameerikaa bara 1861 hanga1865 qopheessite The Battle Hymn of the Republic bulchiinsoti Ameerikaa yeroosii Kaabaafi Kibbaan wal-qqodanii lolatti turan akka tokkooman labsaa turte.

Bara dubartoonni himaannaa siyaasaa keessaa qollifatamanitti dubartiin kuni sochii farra garbummaafi dubartoonni mirga filachuu irratti akka hirmaatan sagalee haqaa ta'aa turte.

Kanaafis dandeetti hog-barruufi dhaga'amtummaa ishee fayyadamuun hojiirra oolchiti.

Dubartiin yeroo dubartoonni filannoo siyaasaa keessatti hirmaachuun hin eeyyamamnetti dubartoota kaan waliin Waldaa Mirga Filachuu Dubartoota Ameerikaa kanneen hundeessan keessaa tahuu ragaan Godambaa Biyyaalessaa Dubartoota Ameerikaa agarsiisa.

Juuliyaan, ''Haadholiin Ameerikaa nagaaf'' jechuun dubartoonni addunyaa waraana akka morman waamaa turte. Sochiin ishee kuni warraaqsi mirga dubartootaa akka hundaa'uuf sababa taheera. Gumaacha kanneeniif ture badhaasa doktarummaa kabajaa kan argatte.

Dargaggoota umrii xiqqoo doktara kabajaa fudhatan

Vaaridizoo

Madda suuraa, Bradford University

Akka ragaan galmee wantoota dinqii Golden Book of World Records agarsiisutti ammatti namni ganna xiqqoo doktarummaa kabajaa argate Adiityaa Raajee Sangee jedhama, innis gurbaa ganna 10 fi ji'a shanii ture yeroo badhaasa kana fudhatu.

Badhaasa kabajaa kana Yunivarsiitii Gaayitasbarg Ameerikaa bulchiinsa Meeriiland irraa bara 2024tti fudhate.

Adityaan umriisaa ganna shanirraa qabee hubannoo kunuunsa naannoo, ispoortii yoogaa akkasumas teeknolojii fayyadamuun guddina hawaasaaf cichooma agarsiisuun imalasaa jalqabe.

Biqiltuu dhaabuu, appiiwwan rakkoo hawaasaa furan tolchuu fa'i irratti hirmaata.

Dargaggoowwan umriin isaanii xiqqoo kaanillee doktarummaa kabajaa kan fudhatan keessaa rogeettiin barnoota dubartootaa irratti hojjettu Vaaridizoo Kaatiivuu fi Maarksas Raashfard fa'i ni argamu.

Vaaridizoo Kaatiivuu dhalattuu Zimbaabwee, Biriiteen jiraattu yoo taatu gahumsa dubartooraa fi dargaggoonni carraa barnoota olaanoo akka argataniif duula geggeessiti.

Ofiishee Yunivarsiitii Okisfard irraa seenaadhaan digrii jalqabaa kan qabdu yoo tahu, imaammata barnootaanis digrii lammataa Harvaard irraa argatteetti, yeroo ammaa kanas barnoota PHD ishee Yunivarsiitii Kileermoontitti hordofaa jirti.

Dhaabbatashee Empowered by Vee jedhamuun miidiyaa hawaasaa fayyadamtee barattoota carraa hin araganneef sagalee tahuun duula geggeesiti.

Bara 2024 shoora isheen waliingahuu barnootaa irratti hojjetteef Yunivarsiitii Biraadford, UK irraa waggaa 26tti doktarummaa kabajaa argatteeti.

Taphataan kubbaa miilaa Maarkas Raashford illee akkasuma bara 2020tti hojii inni duula hiyyuummaa daa'immanii hir'isuuf gumaacheen Yunivarsiitii Maanchastar irraa doktarumma kabajaa badhaafameera.

Namni barnoota idilee otoo hin qabaatiin digrii kabajaa argatan

Naakii Hamiltan

Madda suuraa, Royal college of Surgens of England

Bara 1967 bara Afrikaan Kibbaa bittaa appaartaayidii jala turte Haamiltan Naakii Yunivarsiitii Keep Taawunitti akka biqiloota kunuunsa qacaramee hojjeta.

Namni kuni yeroo qacarame afaan Ingiliffaa dubbachus tahe barreessuu akka hin dandeenye ragaaleen ni ibsu.

Seenaa Afrikaa Kibbaa maddeen garaagaraa akka agarsiisanitti Hamiltan man'ee bineeldotaa qulleessurraa gara laaboraatorii bineeldotaa qorichi hadoochu kennamutti ce'e.

Piroofeesar fayyaa Yunivarsitii Keep Taawun kan turan Roobart Gooyteez bineensota irratti qoricha hadoochu kennuun yeroo baqaqsanii wal'aanuu yaalan morma satawwaa jabeessanii qabachuun gargaaraa akka ture himama.

Gumaachi isaa guddaan garuu kan dhufe yeroo inni wal'aansa baqaqsanii yaaluu irratti hirmaate dha.

Barnoota fayyaa idilee otoo hin qabaatiin wal'aansa fayyaa onnee irratti hirmaachuun maqaa horate.

Addunyaan wal'aansa buqqaasanii dhaabuu(tranplant) onnee kan dalage Piroofeesar Kiristiyaan Baarnaad akka tahetti beeka. Hojiisaa duuba garuu Haamiltan Naakiitu jira.

Bara sana namni gurraachi nama irratti wal'aansa baqaqsanii yaaluu akka godhu kan sababa bifa isaaf hin eeyyamamne tahus Piroofeesara Kiritiyaan garuu laaboraatorii wajjin galee akka hojjetu isa affeeran.

''Nama gurraacha Afrikaa kamifiyyuu nama fakkeenya tahuu danda'u dha dandeettii guddisuuf barnoota idilee ykn waraqaan ragaa sin barbaachisu,'' jechuun isa jajaniiru.

Namni kuni bara 2003tti Yunivarsiitii Keep Taawun irraa fayyaa maastarsii kabajaa badhaafamaniiru.