'Aanga'oonni Badhaadhinaa doorsisa waraanaa itti fufaniiru' - Minsitira Ertiraa

Madda suuraa, SM
Ministirri Beeksiisa Ertiraa Obbo Yemaanee Gabramasqal aanga'oonni paartii Badhaadhiinaa doorsisa waranaa of eegannoo malee Ertiraarratti gaggeessan itti fufaniiru jechuun himatan.
Obbo Yamaanen Roobii kaleessaa Fulbaana 3, 2025 toora X isaaniirra barreeffama qoodaniin, aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa kanneen ''nama arrabsan'' Ertiraarratti ''doorsiisa waraanaa'' akka barbaadaniitti gaggeessan itti fufaniiru jedhan.
Ministirichi kana kan jedhan erga Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad marii ETV irratti taasisaniin dhimma Galaana Diimaa kaasuun dogoggorri raawwatame dhiheenyatti ni sirrata jedhaniin boodadha.
MM Abiy marii gorsaa dhimma hawaasummaasaanii waliin taasisaniin, ijaarsi Hidha Haaromsa Abbayyaa xumuramuu ilaalchisee yeroo dubbataniitti, akkuma seenaan waggaa kuma tokkoo Itoophiyaa jijjiirametti haalli Itoophiyaan itti ulaa galaanaa dhabdes ''boru ni sirreeffama. Baayyee cimaa miti'' jedhaniiru.
Ministirri Beeksiisa Ertiraa Obbo Yamaana Gabramasqal barreeffama X irratti baasaniin, aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa seenaa durii Ertiraa, kan bara jidduu galaafi seenaa ammayyaashee ni faallessu jechuun himatan.
Haasaan aanga'oota Paartii Badhaadhinaa ammaa akka murtee ummata Ertiraa waliin wal qabatu kan kaasan Obbo Yamaanan, murteen ummataa dursa fedhii biyya Ertiraa weeraraan qabatte gaafachuu ykn akka murtee ummataa fudhattuuf haal-dure haalli itti dhiyeeffamu hin turre, jiraachuus akka hin dandeenye ibsan.
Obbo Yamaanan kan kan jedhan, dhiheenya kana Daareektarri Quunnamtii Alaa fi walta'iinsa Waraanaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa, Meejar Janaraal Tashoomaa Gammachuu, ''Itoophiyaa sababoota amansiisoo afur ittiin ulaa galaanaa gaafattuun qabdi'' jechuun qabxiilee tarreessan keessaa tokko, Asab yeroo sanatti mootummaa ce'umsaa Itoophiyaatiin dabarfame kennamudha jedhanii ture.
Ertiraan yeroo walabummaashee labsitetti haalli itti Asab gara Ertiraa deeme kaasuudhaan kan ibsan Janaraalichi, yeroo sanatti kan ture mootummaa ce'umsaa waan tureef, ''waan hanga ulaa galaanaa gahu kennuuf bakka bu'iinsa seeraa'' hin qabu ture jechuun dubbachusaanii hordofeeti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Mootummaan ce'umsaa mootummaan ummataan bakka hin buufamne ulaa galaanaa dabarse kennuuf 'ittigaafatamummaa' hin qabu.''
Itoophiyaan waggaa 30 dura Ertiraan walabumaashee labsachuu hordofee biyya ulaa galaanaa hin qabne taate.
Itoophiyaan isaan booda daldala al-ergiifi alaa galaniif buufata Jibuutii fayyadamaa jirti.
MM Abiy dhimmi ulaa galaanaa argachu dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti erga jedhaniin booda biyyoota lamaa jidduutti mudamni cimaa dhufeera.
Ministirri Mummee Abiya ulaa galaanaa karaa nagaatiifi tasgabbiin argachuu akka barbaadan ibsanilleen, pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqiin garuu ''dubbii barbaachaan'' himataniiru.
Yadni ''ulaa galaanaa birmadummaa'' jedhu taateewwan xiyyeeffannaa hawwachuu qaba kan jedhan Pirezidanti isaayaas, gootummaa akka fedhee kana duuba humnootiin biraa jiru jedhanii ture.
Ministirri Beeksiisaa Obbo Yamaan Gabramasqal barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniin, Ertiraan bara 1940 irraa kaasee bilisummaashee argachuuf qabsaa'ushee kaasuudhaan, kan ammoo seera idil-addunyaatiin beekkamtiin kennameef kan hin haqamneedha, mirga biyyaaleessaa fi siyaasaa ta'u barreessan.
''Kun eenyuunuu kan kuffiifamu ykn kan biyya biraa kamuu ykn qaama idil-addunyaa kamuu waliin galuun barbaachisu miti.''
Itti aansuudhaanis murteen ummataa bara 1993tti gaggeeffame kaasuudhaan, biyyi Ertiraa weeraraan qabatte dursa fedhiinishee gaafatamuu ykn murtee ummataa akka fudhattuuf haaldureen dhiyaachuufii haalli itti barbaachisu akka hin turree fi jiraachu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Dhumarrattis deebiin Ertiraa inni dhumaa haaluma Pirezidanti Isaayyaas jedhaniin ''mana keessaniitti sassaabamaa'' kan jedhu ta'u dubbataniiru.
Walitti dhufeenyi Ertiraafi itoophiyaa waggaa 20 oliif addaan citee ture erga Ministirri Mummee Abiy gara aangootti dhufaniin booda fooyya'ee kan ture yoo ta'u, loltoonni Ertiraa waraanaa Tigraay waggaa lamaaf gaggeeffamee ture keessatti mootummaa Itoophiyaa maddii hiriiruudhaan lolaa turuunsaanii ni yaadatama.
Haata'u malee mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti waliigalteen Piritoriyaa erga mallattaa'een booda ifatti wanti jedhame jiraachu baatulleen hariiroon biyyota lamaanii qabannaa'aa dhufeera.
Isaan booda ammoo erga itoophiyaan ulaa galanaa argachuuf fedhii qabaachu iratti ibsiteen booda biyyoonni lamaan wal himachu eegalan.












