Keeniyaan lammiilee gowwomfamuun lola Raashiyaaf ergamuuf turan baraarte

Madda suuraa, Directorate of Criminal Investigations-Kenya
Keeniyaan lammiileeshee maqaa hojii Raashiyaatti isinii argine jedhuun namoota seeran ala nama daddabarsaniin gowwoomfamuun Raashiyaaf akka lolaniif ergamuuf turan baraaruu beeksifte.
Poolisiin biyyattii akka beeksisetti, namoota 20 ol baraaruu beeksise. Namoonni kunneen kanneen seeran ala nama daddabarsaniin akka waan Raashiyaatti hojii argatanii gowwoomfamanii garuu Raashiyaaf akka lolanii gara Yukireenitti ergamuuf turan.
Namoonni kunneen kan baraaraman qarqara magaalaa Naayiroobitti mana jireenyaa tokko keessa dhokfamanii bakka jiranitti.
Tiki Keeniyaa hordoffii taasiseen bakka namoonni jiran cabsee seenuun, sanadoota imalaa, fi xalayaa akka waan Raashiyaatti hojii argatanii qophaa'ee fa'aa to'achuu poolisiin Keeniyaa beeksise.
Namoota seeran ala maqaa Raashiyaa deemanii hojii hojjachuu jedhuun namoonin Raashiyaaf akka lolaniif namoota erguun shakkaman keessaa tokko to'atamuun ibsame.
Shakkamaan namoota daddabarsuun to'atame mana murtiitti dhiyaatee poolisiin hanga qorannoo fixutti guyyaa dabalataa 10 irratti gaafatee to'annoo seeraa jala akka turu godhameera.
Lammiileen Keeniyaa maqaa hojii isinii argine jedhuun gowwoomfamanii gara biyyoota garaa garaatti geeffamaa jiraachuun biyyattii keessatti yaaddoo uumaa jira.
Dhiyeenya kana atileetiin Keeniyaa Raashiyaa deemee akka dorgomu gowwoomfamee erga achi gahee booda Raashiyaaf akka lolu godhame. Boodarra loltoota Yukireeniin booja'amuusaa loltoonni Yukireen viidiyoosaa erga gadi dhiisanii booda lammiilee Keeniyaa heddu naasuu keessa galcheera.
Qondaalonni Keeniyaa akka jedhanitti tikiifi dhaabbileen nageenyaa biyyattii qindoominaan tattaaffii taasisaniin garee namoota seeran ala nama daddabarsan duuka bu'uun lammiilee biyyattii waraana Raashiyaatti ergamuuf turan 20 ol osoo biyyaa hin bahin baraaramaniiru.
Gareen yakkaa seeran ala namoota daddabarsan kun lammiilee biyyattii hojii barbaachaaf dheebuu qaban irraa maallaqa guddaa fudhachuun akka waan hojiif Mooskotti erganii gowwoomsuun waraana Raashiyaafi Yukireen irratti Raashiyaaf akka lolan kan godhaniidha.
Poolisiin Keeniyaa akka jedhetti lammiileen biyyattii gara Raashiyaa deemuuf turan 22 qarqara magaalaa Naayiroobitti mana jireenyaa tokko keessatti walitti qabamanii osoo jiranii baraaraman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Gareen icciitii seeran ala namoota daddabarsu" maqaa Mooskotti hojii isinii argine jedhuun lammiileen Keeniyaa Yukireen irratti hirmaachuun Raashiyaaf akka lolan gochaa jiraachuu ibse poolisiin.
Qorattoonn akka jedhanitti, namoonni gowwoomfamanii gara Raashiyaa geeffamuuf turan dhaabbata biyya alaa waliin walii galtee mallatteessuufi hanga dolaara 18,000 kaffaluuf waliigalaniiru.
Kunis kaffaltii viizaa, kan imalaa, bakka turtiifi loojistikii addaa addaaf jedhamuun kaffaluuf akka walii galan namoonni baraaraman kunneen.
Kanneen keessaa kaffaltii duraa hanga dolaara 1,500 kan kaffalan jiru.
Wa'ee lammiilee Keeniyaa gowwomfamanii gara Raashiyaa geeffamuun akka waraana irratti hirmaatan godhamaniifi booji'amanii harka Yukireen jiranii ilaalchisee qondaalli olaanan Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa tokko hordoffiingodhamaa akka jiru dubbatanii turan.
Lammiileen biyyoota akka Somaaliyaa, Seraaliyoon, Toogoo, Kuubaa, Sirilaankaa fa'aa osoo Raashiyaaf lolanii booji'amanii harka Yukireen akka jiran Yukireen beeksisftee turte.












