Biyya 54 tuffattee addunyaa bakka bu'uu hin dandeessu- Aanga'oonni Afrikaa maaliif UN komatan?

Madda suuraa, UN
Kora 80ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) US, magaalaa Niw Yoorkitti Dilbata (Fulbaana 21, 2025) irraa eegalee gaggeeffamaa jiru irratti dhimmi nageenyaa, jijjiirama qilleensaa fi dhimmi Filisxeem ajandaa ijoo ture.
Gama biyyoota Afrikaatiin ammoo dhimmi xiyyeeffannaa guddaa argate dhimma bakka bu'ummaa Mana Maree Nageenyaa UN keessaa argachuuti.
Dureewwan biyyoota Afrikaa haasaa kora kanarratti taasisaniin UN jaarmiyaa addunyaa hundaaf dhaabbate ta'ee osoo jiruu sagalee Afrikaaf bakka hin kennine jechuun komataniiru.
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ''sagalee biyyoota 54 tuffataa dhaabbata biyyoota gamtoomanii ta'uu hin dandeessu. Kun abadan ta'uu hin danda'u,'' jechuun komii jabaa UN irratti dhiheessan.
Yeroon Afrikaan ajaja addunyaarraa darbu qofa teessee eeggattu obba'eera kan jedhan Pirezidant Ruutoon ''murteewwan waa'ee nageenyaa, tasgabbii fi misoomaa osoo nuti quba hin qabaatin darbu. Sagaleen keenya keessa jiraatee hin beeku,'' jechuun kun fudhatama akka hin qane dubbatan.
''Qoollifatamuun Afrikaa fudhatama hin qabu. Haqaa fi bakka bu'ummaa dhabuun fudhatamummaa dhaabbata kanaas gadi buusa,'' jedhan.
Dhimmoonni Mana Maree Nageenyaa keessatti ka'an ykn hojiin mana marechaa garri caalu dhimmoota Afrikaan walqabata.
''Afrikaan ergama nageenya eegsisuu UN jalatti loltoota hedduu bobbaasti. Akkasis ta'ee garuu ardiin mana maree nageenyaa keessaa teessoo dhaabbii hin qabne Afrikaa qofa,'' jedhan Pirezidant Ruutoon.
''Teessoo dhimma keenyarratti murtee ijoon irratti darburra nuti hin jirru. Kanaaf Afrikaan teessoo dhaabbii lama kan mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabuu fi teessoo dabalataa lama kan dhaabbii hin taane qabaachuun dirqama.''

Madda suuraa, UN
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addunyaan hubachuu kan qabu Mana Maree Nageenyaa UN irra deebiin ijaaruun Afrikaaf oolmaa ooluu osoo hin taane jiraachuu UN mataasaaf dhimma murteessaadha jedhan dureen Keeniyaa kun.
''Jaarraa kana keessa UN dhaabbata barbaachisaa ta'ee itti fufuu yoo barbaade dhugaa qabatamaa har'a jiru fakkaachuu qaba. Ilaalcha bara hundeeffamasaatiin har'a itti fufuu hin danda'u. ''
Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee gamasaaniin ejjennoo kan qondaala biyya ollaa biyyasaanii Wiiliyaam Ruutoon walfakkaatu qabaachuu ibsaniiru.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii tokko firoomfatee kaan qoollifachuu dhaabuu qaba jedhan.
''Bakka bu'ummaa haqa qabeessa ta'e dhibuun, loogii fi qoollifannaan UN keessatti dagaagee jira,'' jedhan.
Kanaafuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti rifoormiin bu'uuraa akka gaggeeffamu gaafanna jedhan.
Pirezidant Taayyeen mana maree kana keessatti bakka bu'ummaa Afrikaa dhaabbiidhaanis, dhaabbii kan hin taanes jiraachuun dirqama jedhan.
''Gaaffii haqa qabeessa barootaaf ture kanaaf deebii gartokkee osoo hin taane deebii guutuutu kennamuu qaba.''
Afrikaan dhiibbaa fi qoqqobbii alaa jalaa walaboomuu qabdi kan jedhan qondaalli Itoophiyaa kun ''Amma yeroo itti Afrikaan walaba taatee jaarmiyaaleen isheetiin fedhii fi faayidaa uummata isheef hojjettu ta'uu qaba,'' jedhan.

Madda suuraa, UN
Afrikaa keessaa baayyina uummata qabduun lammaffaarra kan jirtu Itoophiyaan scohii daldala galaanarraafis akkaan murteessituu ta'uu kaasan Pirezidant Taayyeen.
''Nageenyaa fi tasgabbii sochii Galaana Diimaa fi Garba Hindiif Itoophiyaan ga'ee murteessaa ta'e qabdi.''
Itoophiyaan dhiheenya kana ajandaa ulaa galaanaatti ba'uu cimsitee kan jirtu yoo ta'u kanaan walqabatee Gaanfa Afrikaa keessatti muddamni haaraan dhalateera.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii diinagdeen biyyoota sababa ulaa galaanaa hin qabneef booddeetti hafuu hin qabu ejjennoo jedhu qaba.
Jalqaba Hagayya 2025 korri sadaffaan akkaataa biyyoota ulaa galaanaa hin qabneef carraa uumuun danda'amurratti fuulleffate wayita Turkimenistan magaalaa Awaazaatti taa'amu Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteereez dhiibbaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne jala jiran ulfaataa ta'uu dubbatan.
Biyyoonni kunneen, keessattuu gabaa addunyaarratti hirmaachuuf qormaati akka itti heddummaatu kan kaasan Antooniyoo Guteereez, ''kun haqa-maleessa. As keessatti dabaa fi shira hojjetameenis biyyoonni ulaa galaanaa dhabaniiru. Kun dhugaa ifa jirudha,'' jedhan.
Sababa ulaa galaanaa hin qabneef biyyi tokkollee duubatti hafuu hin qabu kan jedhan Antooniyoo Guteereez, furmaata rakkoo kanaaf hunduu gumaachuu akka qabu dhaaman.
Pirezidant Taayyeenis ejjennoon UN kun ejjennoo isaaniis ta'uu kora UN irratti ibsaniiru.
''Seerri idiladdunyaa kan galaanni dhala namaa hundaaf walqixa ta'uu ykn biyyoonni hunduu irraa fayyadamuuf mirga qabaachuu eeru guutummaatti dhugoomuu qaba,'' jedhan.
Itoophiyaan imaammataa fi tarsimoo faayidaa hundaa giddugaleessa godhatte hordofuun misoomaa fi nageenya biyyoota naannawa Galaana Diimaa fi Garba Hindii mirkaneessuu keessatti kutannoon akka hojjettus dubbatan.
''Itoophiyaan karaa dippiloomaasii fi marii naga qabeessa ta'een imaammata misoomaa fi nageenyaa ishee ni dhugoomsiti.''
Onkoloolessa 24, 1945 kan hundaa'e Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii miseensota dhababii 193 fi miseensota dhaabbii hin taane lama qaba.
Teessoon UN inni haadhoon US, magaalaa Niw York yoo ta'u, magaalota akka Jenevaa, Naayiroobii, Veenaa, Za Heeg keessaa ammoo waajjiraalee qaba.
Dameewwan UN keessaa akkaan murteessaa kan ta'e Manni Maree Nageenyaa miseensota dhaabbii shan qaba. Isaanis US, UK, Raashiyaa, Chaayinaa fi Faransaay.
Hundi isaanii warra meeshaalee waraanaa nukilaraa hidhatanidha.
Miseensi tokko morminaan murteen ijoon manni marechaa dabarsu hojiirra hin oolu.
Miseensota Yaa'ii Waliigalaa UNtu filata. Waliigalatti 15 ta'anii kora gaggeessu.












