Waraanni Sudaan lola waggaa lamaa booda masaraa mootummaa deeffate

Madda suuraa, Sudan TV
Waraanni Sudaan masaraa mootummaa magaalaa Kaartum jiru gartuu humna addaa (RSF) irraa deeffachuu ajajoonni waraanaa himan.
Viidiyoofi suuraawwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaniifi BBC'n mirkaneesse loltoonni gammachuun qawwee yoo mirmirsan, yoo kadhannaaf jilbeeffatan mul'isa.
Waggaa lama dura ture waraanni Sudaan morkataa isaanii Humna Addaa (RSF) Sudaaniin kan masaraa keessaa baafame.
Dhimma kanarratti RSF waan dubbate hin qabu.
Dubbii himaan waraana Sudaan Nabiil Abdallaa miidiyaa mootummaarratti as bahuun waraanni biyyattii masaraafi gamoowwan ministeerotaa gidduugala Kaartum jiran to'achuu ibsan.
''Humnoonni keenya loltoota diinaa balleessuun meeshaa waraanaa baay'ee to'ataniiru,'' jechuun dabaluun dubbatan.
''Hanga injifannoon guutuu ta'utti lola akka itti fufnu mirkaneessuu barbaadna.''
Magaalaan Kaartum bakka wal waraansi Sudaan waggaa lama dura keessa eegale yoo ta'u, bakka lolli cimaan keessatti taasifamedhas.
Humni Addaa Sudaan erga waraanni eegalee magaalaa guddoo biyyattii gara caalu akkasumas lixa Sudaan to'atee tureera.
Maagaalaa Kaartum deebisanii to'achuun waraana Sudaaniif milkaa'ina guddaadha.
Waraanni biyyattii torbanoota muraasa darban giddugaleessa Sudaanitti olaantummaa fudhataa jira.
Gaafa Kamisaa, kanneen ijaan argan dhiheenya masaraa mootummaatti dhukaasni akkasumas haleellaan qilleensaa akka ture dubbatan.
Viidiyoo guyyaa Sambataa waraabameen, ajajaan RSF Mohaammad Hamdaan Dagaaloo masaraan mootummaa akka jalaa hin baane akka falman dubbatanii turan.
Magaalota gama kaaba biyyattii jiranirratti haleellaa cimsuufis dhaadatan.
Qaamolee wal waraanan lamaan mariitti fiduuf yaaliin garagaraa taasifame ija hin godhatiin hafeera.
Waraanni Sudaan keessaa rakkoo namoomaa addunyaa guddicha geessisuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksiseera.
Badii kanaaf immoo waraanni biyyattiis ta'e RSF ni himatamu.












