Haleellaa dhiheenya magaalaa Kaartuumitti raawwateen 120 kan ta'an du'an

Madda suuraa, Reuters
Wiixata darberraa eegalee haalli Sudaan keessa jiru akkaan yaaddessaa ta'eera. Loltoonni mootummaa fi mormitoonni dhukaasa walirratti cimsan.
Haleellaa handaara magaalaa guddoo biyyattii Kaartuumitti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 120 ta'an ajjeefamaniiru jechuun jaarmiyaan tola ooltummaa tokko akka gabaaseera.
Akkaataa gabaasa kanaatti magaalaa Omdurman iddoo Dar-Salam jedhamutti haleellaa raawwateen kan lubbuun darbe kunneen namoota nagaadha.
Lakkoofsi namoota du'anii kun kanuma ammaaf bira ga'ameedha malee kana caaluu akka danda'u kan ibse ammoo jaarmiyaa ittisa balaa tasaa Ombada Emergency Response Room jedhamu.
Lubbu baraartonni hanqinni meeshaalee wal'aansaa jiraachuu himan, sababa kanatti ogeyyiin fayyaa namoota haleellaa boombiin miidhaman hedduu yaaluuf qoramaa jiru.
Ji'oota 21 kan lakkoofsise waraanni Sudaan lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'amanii galaafateera.
Namoota miiliyoona 12 caalan qe'eerraa buqqiseera.
Biyyattiin beela hamaa keessatti kufuuf qarqara irra geesseetti, UN balaa dhala namaa mudate keessaa kun isa akkaan hammaataadha jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humni waraanaa biyyattii fi Humni Addaa (RSF) jedhamu kallattii egeree biyyattiirratti waldhabuu hordofeeti waraanni Sudaan kan eegale.
Jaarmiyaan ittisa balaa tasaa Ombada Emergency Response Room jedhamu eenyu haleellaa Omdurman kan akka raawwate adda hin baasne.
Tola ooltonni fi hojjettoonni jaarmiyaa yeroo balaa tasaa sababa dhukaasaa iddoo balaan kun itti mudate deemanii adda baasuuf akka rakkatan himan.
Kutaan Omdurman irra-jireessi loltoota mootummaa harka jira, loltoonni RSF ammoo magaalaa Kaartuum to'atanii jiru.
Torbanoota darban loltoonni mootummaa haleellaa eegalaniin Omdurman deebisanii to'achuuf yaalaa turan.
Kanaanis bakkeewwan sadi to'achuun meeshaalee waraanaa loltoota RSF irraa booji'aniiru.
Jiraattonni handaara yaa'a laga Naayil haleellaan addanatti raawwatu hammaateera jedhan.
Qe'een namootaa barbadaa'aa akka jiruu fi guyyuu lubbuun namaa gaaga'amaa jiraachuu himan.
''Naannoon sun waraana yeroo dheeraaf tureen barbadaa'eera. Rasaasi qe'ee jiraattotaarratti rooba, haleellaan boombii namoota hedduu galaafataa jira,'' jedhe jaarmiyaan Ombada Emergency Response Room jedhamu.
Gareen lameenuu namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuuun himatamu. Haleellaa raawwatuun kan dhumaa jiran hojjettoota fayyaa fi gargaarsaati.
Loltoota mootummaas ta'e kan RSF seera waraanaan ala ba'uun qiyyaafannaa isaanii osoo adda hin baasin manneen jireenyaa lammiilee nagaarratti dhukaasa roobsaa jiru jechuun himate jaarmiyaan kun.












