Xayyaarri waraanaa Sudaan iddoo jireenyaa namaatti kufe

Loltoota qawwee baatan

Madda suuraa, Getty Images

Xayyaarri waraanaa Sudaan ollaa jireenyaa Omdurmaan keessatti kufee caccabuun namoonni 46 yoo lubbuu dhaban, 10 kan tahan ammoo miidhaan irra gaheera jedhe miidiyaan biyyaalessaa Sudaan.

Xayyaarri Raashiyaan oomishte Antoonoov jedhamu Kibxata kaleessaa buufata humna qilleensaa Waadii Seeyidnaa jedhamuu erga ka'ee booda kufe.

Sababiin balaa xiyyaaraa lubbuu anga'oota waraanaafi namoota nagaa galaafate ifa tahuu baatus- odeeffannoon maddeen humna waraanaa irraa argame rakkoo teeknikaa tahuu malaa jedha.

Humni Addaa (RSF) waraana biyyattii waliin lolatti jiru jeettii loltuu Kibba Daarfuritti lafaan dhahuu himuun guyyaa tokko booda oduun balaa kanaa dhagahame.

Waraanni Sudaanitti adeemaa jiru Kaartuumiifi Omdurmaan dabalatee lafa bal'aa barbadeesseera.

Namoonni kumaataman lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miiliyoona kudha lama ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Ministeerri fayyaa gareen balaa hatattamaa daa'imman dabalatee namoota madaa'an gara hospitaala dhihoo jirutti geessaa turan jedheera.

Komaandarri waraanaa gameessi, namoota du'an keessaa tahuu Rooyitars maddeen eeruun gabaaseera.

Yeroo xayyaarichi kufe dhohinsi guddaan dhagahamuu fi manneen baayyee manca'uu namooti ijaan argan dubbachuu AFP'n gabaaseera.

Balaan kuni ollaa kana keessatti humnii ibsaa akka addaan citu godheeras jedha gabaasichi.

Waraana biyyattiifi Humni Addaa(RSF) wal-dhaansoo aangoo keessa galuun booda Sudaan bara 2023 baatii Eblaa kaasee waraana waliinii keessa jirti.

Lolli kuni biyyattii lamatti kan hire yoo tahu waraanni kaabaafi baha biyyattii to'achaa jira, RSF ammoo naannoo Daarfur gara caalu, akkasumas lixaa fi kibba biyyattii qabatee jira.

Torbanoota muraasaan as waraanni biyyattii Kaartuum gartokkoo fi naannolee marasan deebisee RSF harkaa fudhataa jira.

Sarara diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.