Injifattoonni lootarii bara haaraa lama waan hin dhiyaanneef birriin miiliyoona saddeet deebi'e

Waajjiira mummee Lootarii Biyyaaleessaa

Madda suuraa, SM

Itoophiyaatti injifattoonni tikkeettii lootarii bara haaraa lama kan tokkoon tokkoosaanii birri miiliyoona afur argamsiisan osoo hin dhiyaatiin hafusaaniitti, waliigalatti birriin miiliyoona saddeet deebi’ee galii taasifame.

Carraawwan lamaan kunneenis tikkeettiiwwan lootarii Qaammee carraa isa olaanaa Lootariin Biyyaaleessaa maxxansiisuu fi kan birrii miiliyoona 20 argamsiisu keessaa, tikkeetiiwwan lama ta’usaa Bulchiinsa Lootarii Biyyaaleessaa Itoophiyaatti Daareektarri Kominikeeshinii Obbo Teediroos Niwaan BBC'tti himan.

Tikkeettiiwwan Qaammeedhaaf dhiyaatan shan keessaa sadiif injifattoonni dhiyaachuun birri miiliyoona 12 yoo fudhatan, abbaan carraa tiikkeettiiwwan lamaanii garuu waan hin dhiyaatiin hafaniif maallaqichi gara dhaabbatichaatti deebifamee galii taasifamu himan.

Lootariin Qaammee ALI bara 2015 bahe kana keessaa tikkeettiiwwan lama kan birri miiliyoona saddeeti argamsiisan garuu nama hojii guyyaa hojjatuun kan injifatame yoo ta’u, erga carriichi baheefiin baatii sadiin booda dhiyaachuun kanfalticha fudhachuun barameera.

Injifataan gara biraa ammoo, konkolaachisaa konkolataa abbaan carraa namni jalqabaa irra hojjatu yoo ta’u, dhuma baatii Fulbaanaatti dhiyaachuun badhaasa birrii miiliyoona afuri fudhachuutu himame.

Gama biraatinis, lootooriin Qaammee ALI bara 2010tti bahuun birri miilyoona 20 argamsiisus, haaluma walfakkaatuun tikeetiiwwan lama kan carraa birrii miiliyoona saddeeti argamsiisanii, namoonni injifate osoo hin dhiyaatiin hafusaanii Obbo Teediroos BBC'tti himan.

Yeroo gara biraatti ammoo namoonni carraa injifatee akka hin dhiyaanne ilaalchisuun miidiyaatti erga himameen booda, yeroon carraa lootarii sanaa irra darbuudhaaf guyyaan shan qofti wayita hafuutti namni tokko tikeetiiwwan sadi dhiyeessuun birrii miiliyoona 12 fudhachuus yaadataniiru Obbo Teediroos.

Yeroo garaa garaattis namoonni carraa injifatan dhiyaachuun maallaqasaanii fudhachuu dhabuun irra deeddeebiin kan mudatu ta’uu kan himan Obbo Teediroos, yeroo akkasiittis maallaqichi dhaabbata Bulchiinsa Lootoorii Biyyaaleessaatiif deebi'a jedhan.

‘‘Hawaasni fedhii tikkeettii lootarii bituu olaanaa qaba. Haaluma walfakkaatunis maamiltoonni tikeetii isaanii hin ilaalle akkasumas hedduutu jira,’’ jedhan.

Taateen akkasii kunis lootarii Qaammee qofaan kan mudatu osoo hin taane, lootariiwwan kaan irrattis irra deeddeebiin akka mudatu dubbatu Obbo Teediroos.