Dubartoonni kosii qulquullessan lotorii doolaara mil1.2 injifatan

Dubartoota lotorii mo'atan

Madda suuraa, Arun Chandrabose

Waxabajjii darbe keessa hojjettoonni qulqullinaa dubartoonni 11 bulchiinsa Kibba Hindii Keeraalaa jedhamutti maallaqa walitti qabuun tikkeettii lootarii bitatan.

Torban darbe ammoo lotorii ‘jackpot’ Ruupii miliyoona 100 ykn doolaara miliyoona 1.2 injifachuu isaanii baranii baay'ee gammadan.

Dubartoonni kunneen balfa uumamaan dafanii hin bosbosne kan akka pilaastikaa maatii magaalaa Parappanangadi kutaa bulchiinsa Keeraalaa Malappuram keessa jiraatanirra walitti qabu.

Dubartonni kunneen yeroo baayyee guyyaatti qarshii 250 argatu - kaffaltii ji'a ji'aan maatiin kaffalan irraa -darbee darbee ammoo maallaqa koporeeshiniin biyya keessaa balfa addaan walitti qaban gurguree galii argatu keessaa qoodasaanii argatu.

Maallaqichi, jireenya isaanii gaggeessuuf gahaa akka hintaane ifatti dubbatu. Dubartoonni kunneen irra caalaan baasii barnoota ijoollee isaanii fi baasii biroof maallaqa liqeeffatan.

Sababa kanaaf darbee darbee lootarii walin bitachaa turan.

Lootariin kun kutaalee Hindii hedduu keessatti seeraan ala, ta'us mootummaan Keeraalaa addatti sagantaa loltorii baay'ee jaallatamu geggeessa - kutaa biyyattii keessatti lootariin dhuunfaa dhorkadha.

"Yeroo tokkotti, badhaasa Ruuppi 1,000 injifannee qoodaddanne," jette MP Raadha, dubartiin yeroo baayyee tikkeettii garee kanaaf bittu.

Dubartoonni 11 ta'anii tikkeetti lotorii waliin bitatan badhaasa lotorichaa injifatan

Madda suuraa, ARUN CHANDRABOS

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a darbe gareen kun lootarii badhaasa baampaara moosoon (lootariin badhaasa yeroo addaa kan akka ayyaanaaf kan kennamu) tikkeettii Ruuppii 250 bitachuuf murteessan.

Kuttimalu, dabartii ganna 72, jalqaba irratti yeroo Raadhan maallaqa walitti qabaa wayita turtetti akka gaddite dubbatti.

"Ergasii Cherumannil Babi (miseensi garee kanaa kan biraa) Ruuppii 25 akka qabduu fi walakkaa isaa tikkeettiidhaaf naaf liqeessuuf fedhii akka qabdu natti himte," jechuun BBCtti himti.

Kanaaf dubartoonni lamaan qooda tikkeettii isaaniif tokkoon tokkoon isaanii Ruuppii 12.5 yoo galchan dubartoonni sagal kaan ammoo tokkoon tokkoon isaanii Ruuppii 25 kaffalan.

"Yoo lotoricha injifanne qooda walqixa akka argannu walii galle," jetti Aadde Kuttimaluun. "Maallaqa guddaa akkasii ni injifanna jennee hin yaadne!"

Dubartoonni kunneen carraan lotorii bahee guyyaa tokko booda injifachuu isaanii kan beekan yoo ta'u, isaan keessaa tokko abbaan warraa ishee bu'aa qorannoo akka ilaalu gaafatte.

"Badhaasa Baampaar kana tikkeettii yeroo bitanneef kun yeroo afraffaadha," jetti Aadde Raadhan."Yeroo afraffaarratti carraa arganne!"

Cherumannil Babi(karaa bitaatiin) maallaqa Aadde Kuttimaaluuf liqeessite

Madda suuraa, ARUN CHANDRABOSE

Aadde Babin, maanguddoo ganna 62ti, gareen kun 'jackpot‘ injifachuu amanuutu na rakkise jedhan.

"Carraa akkasii argadhee hin beeku," jedhan. Lolaa hamaa bara 2018 Keeraalaa mudateen manni ishee lolaan maca‘e. Amma mana ijaaratte, liqaa kaffalachuuf karoorfattee jirti.

Dubartoonni garee kana keessa jiran kaanis seenaa wal fakkaatu qabu. K Biinduu dubartii ganna 50 yoo taatu, bara darbe sababa dhibee kaleetiin abbaa warraa ishee du’aan of biraa dhabde.

Maatiin kun maallaqa kalee bakka ittiin jijjiirraniif argachuu hin dandeenye.

"Maallaqa daayaliisiisiidhaaf qusannuun tikkeettii lootarii bita ture," jetti. "Ijaarsa mana keenyaa osoo hin xumuriin nu dhiisee godaane. Amma xumuruun qaba."

Aadde Biinduun maallaqa kana intala ishee ganna 15 kaffaltee ittiin barsiisuuf barbaaddi.

Laakshmiin dubartii ganna 49 yoo taatu , halkan lootarii isaanii injifachuu isaanii dura maatiin ishee waa'ee egeree isaanii yaadda'aa akka turan dubbatti.

Abbaan warraa ishee hojii ijaarsaarratti kan bobba’e yoo ta'u, hojii argachuuf rakkachaa ture.

Leelaan ammoo dubartii ganna 56ti, wal’aansa baqaqsanii yaaluu intala isheef maallaqa akkamitti akka kaffaltu yaadda’aa turte.

"Ani duraanuu cidha isheetiif maallaqa liqeffdheen ture," jetti.

Gareen kun gibira mootummaa erga kaffalee booda Ruuppii miiliyoona 63 ni argatu.

Aadde Babii fi Aadde Kuttimaaluun Ruuppii miliyoona 6.3 wal qixa kan qoodan yoo ta’u, warri kaan ammoo tokkoon tokkoon isaanii Ruuppii miliyoona 6.3 argatu.