Biyyoonni G-7 gatii boba'aa Raashiyaarraa itttiin bitan murteessuf walii galan

Madda suuraa, Getty Images
Biyoonni dureeyyii (G-7) gatii boba'aa Raashiyaa irraa ittiin bitan murteessuf walii galan. Kunis Mooskon galii achirraa argattuun waraana Yukireen keessatti gaggeessitu akka hin deeggareefi jedhame.
Ministiroonni Faayinaansii biyyoota kanaa gatii daangessuun kun boba'aa jikita fi peetirooliyeemii irratti kan taasifamu yoo ta'u gatii boba'aa akkaan ol ka'e gadi deebisuuf gargaara jedhan.
Daangeffamni gatii boba'aa biyyootni G-7 kun jedhan kan murtaa'u galteewwan teekinikaa garaa garaa irratti hundaa'uni jedhame.
"Hanga dhumaatti Yukireen bira dhaabbachuu keenya ittuma fufna," jedhan biyyoonni G-7.
Raashiyaan gama isheetin biyyoota gatii boba'aa ittiin bitan irratti daangeffama kaa'uu barbaadanitti boba'aa hin gurguru jechaa jirti.
"Kubbaaniyyaawwan gatii boba'aa irratti daangessuu kaa'an warreen boba'aa Raashiyaa hin arganne keessati," oduu himaa Kirimiliin kan ta'an Dimitirii Peeskov.
Biyyoota G-7 warri jedhaman UK, US, Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii fi Jaappanidha.
Biyyooni kun warreen addunyaa irratti diinagdee cimaa qaban ta'anii daldaala fi sirna faayinaasii addunyaa to'ataniidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministiroonni Faayinaansii biyyoota dureeyyii G-7 kun kora karaa onlaayinii taa'aniin akka jedhanitti gatii boba'aa ittiin bitan daangessuun kan barbaachise galii Raashiyaan gurgurtaa boba'aa irraa argattu akkasumas dandeettii "weerara waraanaa ishee" xiqqeessufiidha.
Akkasumas sababa waraanatiin "addumatti diinagdeen biyyoota galii gadi aana fi giddu galeessaa" akka hin miidhamneef murtoo kana irra geenye jedhan.
Gatii boba'aa Raashiyaa daangessuu jechuun biyyoonni dambii kanaan walii galan boba'aa fi omishaalee petrooliyeemii Raashiyaa karaa galaana irraa dhiyaatan gatii jedhameen ykn isaa gadiin bitachuu danda'u jechuudha.
Raashiyaan Yukireen irratti waraana erga labsiteen booda gatiin boba'aa akka malee ol ka'ee jira, kuni ammoo Raashiyaaf galii guddaa argamsiisee jira.
Gamtaan Awuroppaa Mudee 5, 2022 irraa kaasee boba'aa difdifa Raashiyaa irra qoqqobbii kaa'uf karoorsee jira.
Kuni ammoo boba'aa difdifa karaa galaana irraa fi ujummoodhan dhiyaatu irratti hojiirra oola jedhame.
Chaayinaa fi Indiyaan biyyoota Raashiyaa wajjin hariiroo daldalaa guddaa qaban yoo ta'an adeemsa biyyoota G-7 kana hin hordofan jedhu xinxaaltonni.
Chaansilariin UK Naadim Zahaawwii G-7 weerara [Raashiyaan Yukireen irratti] gaggeessite irratti waliin turan jechuun daangeffamni gatii (price cap) boba'aa taasifamu "dandeettii Puutin waraana isaa ittii deeggaru danqa" jedhan.












