Hoogganaan dhaabbata boba'aa beekamaa Raashiyaa 'foddaarraan kufee du'e'

Madda suuraa, KREMLIN
Hoogganan waldaa dhaabbata boba'aa Raashiyaa Lukoil jedhamuu Raviil Maganoov magaala Mooskootti ''foddaa hospitaalaarraa kufanii'' lubbuun darbuu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasan.
Maanguddoon ganna 67 Maganoov Central Clinical Hospital keessatti waldhaansarra osoo jiranii foddaarraan kufanii miidhama irra gaheen lubbuun isaanii darbe jechuun maddeen miidiyaalee Raashiyaatti himan.
Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante dhagaahamee osoo hin turiin Dhaabbatni guddaan boba'aa gurguru Lukoil waraanichi akka dhaabatu gaafatee ture.
Hoogganaan dhaabbatichaa amma foddaarraan kufanii du'an namoota daldalaa beekamoo biyyatti erga waraanni kun eegalee haala hin amansiifneen fi iccitawaa ta'een du'an keessati.
Bitootessa darbe boordiin Lukoil waraanni Yukireen keessatti gaggeefamu atattamaan akka dhaabbatuufi miidhamtoota waraana kanaaf gadda itti dhagaahamu ibseera.
Raviil Maganoov hooggansa boordii Lukoil kan qabatan waggaa lama dura ture. Dhaabbata boba'aa dhuunfaa keessatti hojjechuu kan eegalan bara 1993 ture.
Caamsaa darbes hooggansi Lukoil, Aleksaader Subbotiin haala hin beekamneen ajjeefamuun gabaafameera.










