Waraana Raashiyaa -Yukireen: Afriikaan dhiyeessi boba’aan bakka Raashiyaa bu’uu dandeessii?

Hojetaa boba'aa

Madda suuraa, Getty Images

Weerara Yuukireen booda erga Gamtaan Awurooppaa (EU) boba'aa Raashiyaarraa fidu xiqqeessuuf murteessee booda, biyyootni Afrikaa kanneen EU’n abdataa jiru keessatti argamu.

Pooland fi Bulgaariyaan maallaqa Ruubilsiin (maallaqa Raashiyaa) kaffaluu didnaan, Raashiyaan dhiyeessii addaan kutuun ishee Awurooppaa yaachiseera.

Raashiyaan kuusaa boba’aa uumamaa addunyaa guddicha qabdi. Boba’aa dhiyeessuunis ishee guddittiidha. Dhiyeessi boba’aa Awurooppaa keessaa %40 Raashiyaa irraa dhufa.

Dhuma waggaa kanaatti EU’n dhiyeessi %75’n hir’isuun, bara 2030’tti boba’aa kosii irraa madduun of danda'uuf yaada qaba.

Ta’us, ogeessi diinagdee annisaa Kaarool Naakle akka jettutti, dhiyeessitoonni boba’aa Afrikaa gurguddoon – Aljeeriyaa, Masirii fi Naayjeriyaa - waliin ta’aniiyyu boba’aan isaanii kan Raashiyaan Awurooppaaf dhiyeessiturra walakkaa gadidha.

“Ammatti hanqina dhiyeessi Raashiyaa irraa uumame bakka bu’uu waan danda’an miti.”

“Oduun gaarii biyyoota dhiyeessii Raashiyaa bakka bu’uuf dandeetti qaban biraa fedhiin jiraachuu isaati, Afrikaanis bakka gaariirra jirti. Invastimantii hedduu arguuf jirra,” jechuun dubbatti.

Ta’us, kun yeroo fudhata. Sababiin isaas, dhiyeessitoota boba’aa ardichaa gurguddoo waliin wantoonni furamuu qaban jiru.

Aljeeriyaan qajeelfama madda annisaa geeddaruu EU irraa buufachuuf sadarkaa gaarirra jirti.

Biyyi Afrikaa Kaabaa kun dhiyeessituu boba’aa nannichaa ishee guddittii fi yeroo ammaa Awurooppaa waliin hariiroo gaarii qabdi.

Ji’a darbee Ministirri Muummee Xaaliyaan Maariyoo Diraagii, bittaa boba’aa %40’n dabaluuf jecha, waliigaltee dhiyeessi boba’aa haaraa Aljeeriyaa waliin mallatteessaniiru.

Naayijeeriyaan oomisha boba'aa akka dabaltuuf gaafatamaa jirti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaan oomisha boba'aa akka dabaltuuf gaafatamaa jirti

Ta’us, sababa fayyadamni boba’aa biyyatti keessa jiru waan dabaleef, Aljeeriyaan kana dhiheessuu dandeessi kan jedhuurratti yaaddoon akka jiru Itti-aanaan hoogganaa Qorannoo Dinagdee Baankii Daldalaa FBNQuest, Uwaa Osaadiye ibsaniiru.

Dabaluunis, hangi boba’aa Aljeeriyaan Awurooppaaf dhiyeessitu sababa waldhabdee Morookoo waliin jiruun guddaa hir’iseera.

Yaddoon jiraatus, waligalteen kun Xaaliyaan, kan Awuroppaa keessatti boba’aa Raashiyaa bituun lammaffaa taateef, tarkaanfii gaarii jalqabaadha.

Dabalataanis, ministeeronni Xaaliyaan gara Angoolaa fi Koongoo-Biraazaaviilitti imaluun waliigaltee boba’aa haaraa taasisaniiru.

Xaaliyaan bara 2023’tti boba’aa Raashiyaa irratti isa hirkatte hambisuuf Moozaambiik keesssattis filannoowwan ilaalaa jirti.

Haaluma kanaan omishtuun boba’aa uumamaa Afrikaa Lixaa, Naayijeeriyaan, erga waraanni Yuukireen eegalee as biyyyotii Awurooppaa irraa gaaffiin boba’aa dhiyaateeraafi.

Yeroo ammaatti, Ispeen, Poorchugaal fi Firaans oomisha warshaa Naayjeeriyaa LNG’fgabaa ijoodha.

Piroojektiin boba’aa Naayjeeriyaa LNG haaraa, Train 7 jedhamu, bara 2025’tti oomisha isaa %35’n ni dabala.

Ta’us, waliigalteen biyyoota bitan, harki caalaan Awurooppaa keessa jiran waliin gaggeeffameera.

Naayijeriyaa LNG’n dhiyeessii dabaluuf jecha, piroojektiiwwan dabalataa, Train 8, irratti qorannoo taasisaa jira.

“Afrikaa keessa dandeettiin guddaa jira, garuu yeroo gabaabaaf hangisaa kan murtaa’ee ta’a jedheen yaada, sababiin isaas piroojektiiwwan boba’aa hojiirra ooluuf yeroo dheeraa fudhatu,” jetti Kaarool Naakle.