Gatiin gabaa addunyaa dabaluu hordofee Itoophiyaan gatii boba’aa dabalte

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Gatiin boba'aa gabaa addunyaa dabaluu hordofee Itoophiyaan gatii boba'aa har'arraa eegalee hojiirra oolu ifa gootetti.
Ministeerri Daldalaa Itoophiyaa baatii afur dura gatii baase fooyyessuun har'a A.L.I Ebla 30, 2014 irraa eegalee gatii haaraa baasen daballiin mul'ateera.
Gatii fooyyessuun kan barbaachise sadarkaa idil-addunyaatti gatiin boba'aa waan dabaleefi jedheera ibsa ministeerichi baase.
Waraana Raashiyaafi Yukireen hordofee sadarkaa addunyaatti gatiin boba'aa haalaan kan ol ka'e yoo ta'u biyyootarrattis dhiibbaa diinagdee fida jedhamee sodaatameera.
Hammi Raashiyaan oomisha boba'aa addunyaaf dhiheessitu gabaa addunyaa keessaa 10% ni gaha.
Itoophiyaan gatiin boba'aa alaatii dabaluus lammiileen akka hin hubamneef mootummaan tumsa (subsidy) gochaa tureera, gochaas jira.
Taatullee yeroo keessa mootummaan tumsa kana salphisaa adeemuuf yaada qaba.
Ibsa ministeerichi baasen baatii afran darbe gatii boba'aa tumsuuf (subsidy) gatiin baase rakkoo keessa isa buusuu hime.
''Fandii gatii boba'aa tasgabbeessuuf silaa giddugaleessaan birriin biiliyoona 10 fayyadamtootatti darbuu qabu,'' akka hin darbiin hafeefi hanqina itti uumuu ibse ministeerichi.
Jijjiiramni gatii baatii afur booda taasifame gatii boba'aa qinxaaboorratti daballiin akka jiraatu taasiseera.
Eega baatii Mudde keessa gatiin murtaa'ee as gatiin boba'aa sadarkaa idil addunyaatti ''sadarkaa olaanaan'' dabaluu mootummaan ibseera.
Ministeerichi baatii Mudde keessa Benziniin metiriik tooniin dolaara 870 akka gurguramaa ture eeruun, ji'a afur booda garuu dolaara 1028'n gurguramaa akka jiru ibse.

Dabalataan Naafixaan metiriik tooniin dolaara 730 inni gurguramaa ture dhibbantaa 55 yookiin dolaara 408 dabaluun yeroo ammaa dolaara 1138'n gurguramaa akka jiru ibse.
Ministeerichi osoo mootummaan deeggarsa gatii boba'aaf taasisu dhaabee magaalaa Finfinneetti gatiin naafxaa litirii tokko birria 73 akkasumas benziniin birrii 66.78 gurgurama ture jechuun ibse.
Gatii amma ifa ta'e mootummaan tumsa itti gochuu ibseera. Taatullee, 85% mootummaa akkasumas 15% ummati akka danda'u taasifamuu ibsame.
Gatiin Muddeefi Ebla hangam jijjiirama qaba?
- Beenzinii: Birrii 31.74 irraa 36.87'tti guddate [daballii 15% ]
- Naafxaa adii: Birrii 28.94 irraa 35.43'tti guddate [daballii 22%]
- Gaazii adii/ Kerosinii: Birrii 28.94 irraa gara 35.43'tti guddate [daballii 22%]
- Naafxaa gurraacha salphaa: Birrii 23.73 irraa gara 52.45 guddate [daballii 121%]
- Naafxaa gurraacha jabaa: Birrii 23.29 irraa gara 51.78 guddate [daballii 121%]
- Boba'aa xiyyaaraa: Birrii 58.77 irraa gara 78.87 dabale [daballii 33%]















