Hanqina boba'aa: Itoophiyaan waggaatti boba'aa hangam fayyadamti?

Madda suuraa, Getty Images
Torban darbe Finfinnee dabalatee bakka gara garaatti hir'ina dhiyeessii boba'aa mudateen, buufatawwan boba'aatti konkolaataawwan hiriira qabatanii dabaree eggachaa akka turan mullateera.
Namoonnis konkolaataa hiriira qabatee dabaree eeggatu keessa sa'aatii dheeraa turuun hojii isaaniirratti dhiibbaa uumaa tureera.
Kanaan dura boba'aa argachuuf hiriirri kan ture yeroo gatiin boba'aa jijjiiramuuf jedhu ji'oota keessaa guyyaa tokko qofa ture. Kan ammaa kun garuu isarraa kan adda ta'edha.
Rakkoo hir'ina boba'aa guyyoota darban keessa mudateef sababiin maal akka ta'e ifatti mootummaarraa ibsamuu baatus, sirna dhiyeessuu keessatti rakkoo mudate ta'uu akka danda'u ni tilmaamama.
Itoophiyaan baajata waggaa keessaa sharafa alaa gara caalu boba'aa galchuuf kan baastu yommuu ta'u, yeroo hir'inni boba'aa kun mudatu damee gara garaa irratti dhiibbaa mataasaa ni uumas.
Fedhiin omisha boba'aa Itoophiyaa waggaa waggaadhaan dabalaa kan deemu yommuu ta'u, akka odeeffannoon Baankii Biyyaalessarraa argame mul'isutti waggaa kurnan har'aa maallaqni biyyattiin boba'aaf baaste Birrii biliyoona 22.8 ture.
Waggoota darban keessa lakkoofsi konkolaataafi dhaabbileen boba'aa fayyadamaniifi pirojektoonni boba'aa fayyadaman baayyee dabaluu isaatiin, maallaqni bittaa boba'aatiif ba'u harka lamaa oliin dabaluun A L I dhuma bara 2012 Birrii biliyoona 62.05 qaqqabeera.
Itoophiyaan boba'aa eessaa argatti?
Itoophiyaan omisha fayyadamtu biyyoota boba'aa omishan gara garaa irraa kan galchitu yommuu ta'u, irra caalaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa irraati.
Yeroo ammaa boba'aa ishee barbaachisu Sawud Arabiyaa fi Kuweetirraa galchaa akka jirtu odeeffannoon dhaabbata boba'aa ni mul'isa.
Dhaabbanni Dhiyeessa Boba'aa Itoophiyaa akka jedhutti yeroo ammaa omishawwan boba'aa gara Itoophiyaa seenu ulaan tokkichi karaa Jibutii qofaadha.
Kanaaf, ji'a ji'aan dooniiwwan gurguddoo boba'aa fe'an shan fayyadamuun akka Itoophiyaa galu hoji-gaggeessaan Dhaabbanni Dhiyeessa Boba'aa Itoophiyaa Obbo Taaddasaa Haayilamaariyam BBCtti himaniiru.
Kanaan dura karaa Sudaan boba'aa biyyattiin galchaa turte kutaa Kaaba Itoophiyaaf kan barbaachisu guutullee erga weerarri koronaavaayirasii uumamee as garuu dhiyeessi karaa sanaa addaan citeera.
Itoophiyaan boba'aa hangam fayyadamti?

Obbo Taaddasaan biyyattiin guyyaatti biyyattii keessatti boba'aan Beenzila liitira miliyoona 2.5, Naafxaa ammoo liitira miliyoona 8 akka fayyadamtu BBCtti himaniiru.
Kana irratti hundaa'uudhaan fedhii boba'aa biyyaaf barbaachisu kana dhaabbileen gara garaa waliin ta'uudhaan karoora akka baasan ibsu hoji-gaggeessaan kun.
Itoophiyaan omisha boba'aa akaakuuwwan shan alaa galchiti jedhu. Isaanis: Beenzila, Naafxaa, boba'aa Xiyyaaraaf gargaaruufi tajaajilawwan industiriif kan oolan Naafxaa gosa lamadha.
Haala kanaan, waggaatti Beenzill meetirik toonii kuma 700, Naafxaa ammoo meetirik toonii miliyoona 2.8, boba'aa xiyyaaraaf fayyadaman meetirik toonii kuma 600 fu Naafxaawan industirii gara garaatiif oolan meetirik toonii kuma 70 akka alaa galu aanga'aan kun ni dubbatu.
Itoophiyaatti waqtii Bonaa baatiiwwan Muddee hanga Caamsaatti yeroo kaana caalaa omisha boba'aa baayy'see olaanaa ta'etu hojiirra oola.
"Sababiin isaas, hojiiwwan ijaarsaa baay'inaan kan raawwataman waqtii kana keessa waan ta'eef. Haata'u malee, baatiiwwan waqtii Gannaa keessa hangi fayyadamu ni xiqqaata," jedhu Obbo Taaddasaan.
Biyyattiin boba'aa waggaa keessatti na barbaachisa jechuun karoorfattuufi kan fayyadamtu yeroo ilaalamu garaa garummaa hedduu akka hin qabnellee BBCtti himaniiru.
Garaa garummaan yoo jiraatellee hanga barbaachisuun, "harka dhibba keessaa 10 dabala ykn ol ka'a malee garaa garummaa hin uumu," jechuun ibsu.
Fakkeenyaaf, Sababa weerara koronaavaayirasii geejibi kan qilleensaa qabbanaa'uu isaarraa kan ka'e boba'aan xiyyaaraa fedhii bara darbe karoorfamee tureen harka dhibba keessaa 50n hir'ateera.
Dabalataanis, Naafxaa kan dhaabbatichi bara darbe karoorsee ture waliin yeroo ilaalamu fedhiin harka dhibba keessaa 4n kan hir'ate yommuu ta'u, fedhiin Beenzilaa ammoo harka dhibba keessaa 13n dabaluu dubbatu.
Yoo rakkoon uumame filannoo maaltu jira?
Dhiyeessi boba'aa guutummaa biyyattii akka hin gufanneef botteewwan gurguddoo hedduun Jibutiirraa guyyaa guyyaan ni deddeebisu. Kanaaf, ulaa galaanaarraa hanga bakka qaqqabuun irra jiraatuutti qaqqabsiisuuf kiiloomeetiriiwwan hedduu deemanii boba'aa dhiyeessu.
Akka Obbo Taaddasaan jedhanitti boba'aan ulaa galaaanaa ittiin seenu gahuu qofa osoo hin taane dubbiin ijoon bakka itti barbaadamu qaqqabee hojiirra ooluudha.
Kanaaf, dhiyeessii boba'aa keessatti qaamonni dhimmi ilaallatu hedduu kan jiran yommuu ta'u, gufuun gara garaa ammoo mudachuullee danda'a.
Adeemsa dhiyeessuu kana keessatti rakkoowwan uumaman ammoo hir'inni boba'aa akka dhalatu gochuu danda'a jedhu.
Haata'u malee, rakkoowwan kanneeniifi kan biroo uumamaan jiraniifi nam-tolchee ta'an uumamanii toorri boba'aan ittin dhiyaatu danqamee yoo jedheef jecha filannoon biraan falamuu dubbatu.
Kutaa biyyattii bakka gara garaa keessatti yeroo rakkoon mudatu dhiyeessii boba'aa barbaachisu guutuudhaaf kuusaawwan boba'aa of eeggannoodhaaf jiran keessaa fayyadamuun ni danda'ama jedhan.
Adeemsa dhiyeessii boba'aa
Omishaaleen boba'aa ulaa galaanaa ittiin dhufan irraa ka'ee hanga warra fayyadaman bira ga'utti adeemsi jiru walxaxaadha kan jedhan hoji-gaggeessaan kun, kun ammoo rakkoo dhiyeessii yeroo gara garaatti mudatuuf sababa tokko ta'uu akka danda'u himu.
Omishaaleen boba'aa, "karaa baayyee dheeraa konkolaataawwan dhangala'aa fe'an gurguddootiin geeffamu. Yeroo tokko tokko boba'aan fageenya kiiloomeetira kuma lama geejjibsiifameeti kan warra fayyadaman bira ga'u," adeemsi kun ammoo jijjiiramuu feesisa jedhu.
Baasiin ittii deddeebisaniifi guyyaatti inni gaafatus dhiyeessii boba'aa irratti dhiibbaa ni qabaata. Biyyoonni biroon boba'aa deddeebisuudhaaf malawwan gatiin isaanii qaala'oo hin taaneefi saffisoo ta'an akka fayyadaman ni beekama.
Boba'aan ulaa irraa hanga giddu-galeessa biyyaa qaqqabutti ykn ammoo hanga bakkawwan itti kuufamutti ujummoowwan gatii jabeessa hin taaneen, ta'uu baannaan ammoo baaburaan deddebifamuu akka qabu gorsu Obbo Taaddasaan.
Dabalataanis, odeeffannoo sochii konkolaataawwan boba'aa deddeebisanillee salphaatti argachuudhaan dhiyeessii isaa saffisiisuudhaaf tekinooloojiidhaan osoo deeggaramee kan caalaa ariifatu ta'a.
"Fakkeenyaaf, Konkolaataan boba'a qabate eessa akka jiru eenyuyyu hin beeku. Bilbila bilbiluudhaan eessa geessaniittu kan jedhaman. Haata'u malee, tekinooloojiiwwan akka GPS osoo fayyadamuun danda'amee ni fooyyeessa," jedhu.
Kun ammoo sarara dhiyeessiirra haalawwan jiran dursanii adda baafachuudhaan sirreeffama barbaachisu taasisanii filannoo barbaaduuf gargaara.














