Waraana Yukireen: Gamtaan Awurooppaa boba'aa Raashiyaa irraa bitu adda kutuuf karoora dhiyeesse

Pireezidantii Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen

Gamtaan Awurooppaa waraana Yukireeniin walqabatee Raashiyaarraa boba'aa bituu adda kutuu dabalatee yakka waraanaa kanneen qooda qabaachuun shakkaman irra qoqqobbii kaahuuf karoora dhiyeesse.

Pireezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula Von der Leyen karoorri haaraan gamtichi qopheesse Raashiyaarraa dhiibbaa godhamu haala Awurooppaa hin miineen jabeessuu akka ta'e dubbatan.

Boba'aa jikita Awurrooppaan Raashiyaarraa bittu ji'a jaha keessatti guutummaatti adda kutuuf karoorri bahuu pireezidantittiin himaniiru.

Hoogganoonni waraanaa yakka waraanaa Buchaa fi Mariipooliin shakkaman irrattis qoqqobbii haaraan akka kaahamu ibsaniiru.

''Eenyu akka taatan ni beekna gaafatamtoota ni taatu'' jechuun paarlaamaa Awurooppaatti kan dubbatan Von der Leyen karoorri haaraan warra Kireemliin irraa waraana baneef ergaa cimaadha jedhaniiru.

Madda boba'aa isheef Raashiyaa irratti akkaa ol kan hirkattu Awurooppaan, akkamiin hirkannaa gaazii Raashiyaa jalaa akka baatu yeroo dheeraaf itti yaadaa turte. Dhuma bara kanaatti boba'aa harka lama sadaffaan hir'isuuf murteessitee hojjechaa jirti. Ammammoo ji'oota jaha keessatti bittaa boba'aa jikitaa adda kutuuf karoorsite.

Siloovaakiyaafi Haangariin kan hangaa ol boba'aa Raashiyaarra hirkatan filannoo hanga argatanitti yeroon waggaa tokkoo kennameeraaf. Dubbii himaan mootummaa Haangarii ammatti filannoo amansiisaa akka hin arganne dubbataniiru.

Karoorri haaraan kun ambaasaaddaroota EU'n erga raggaasifamee duuba guyyoota dhufan muraasa keessatti xumurama.

Karoorri haaraan kun baankiiwwan Raashiyaarrattis kan xxiyyeefate yoggaa ta'u, hanga ammaa sababa kaffaltii gatii boba'aaf jecha baankiin guddichi Raashiyaa Sberbank qoqqobbii jala hin galle.

Amma garuu baankiin kuniif baankiiwwan Raashiyaa biroon lama sirna daddabarsa maallaqaa SWIFT keessaa akka bahan murtaaheera.

Namoota dhuunfaa Awurrooppaan qoqqobbii irra kaahuuf karoorsite keessa Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Raashiyaa, Paatriyaark Kiriil fi maatiin dubbii himaa mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peeskoov ni argamu.

Yukireen akka injifattu barbaanna kan jedhan pireezidantiin Komishinii Awurooppaa, waraana duuba Yukireen haala bayyanattu irrattis akka hojjetan himaniiru.