Waraana Yukireen: Dureeyyiin Raashiyaa waraana lammiilee fixaa jiru morman ifatti morman

Madda suuraa, Getty Images
Dureeyyiin Raashiyaa ''dhumaatii lammiilee Yukireen'' irratti raawwatamaa jiruu fi walumaagala ''waraanni miira maraatummaan'' gaggeeffamaa jiru kun akka xumuramu gaafatan.
Dureeyyota gameeyyii ifatti waraana Raashiyaa kana morman keessaa tokko kan ta'e Oleg Tinkov ''waraana kanarraa qaama fayyadamu tokkollee hin argine,'' jechuun dhaabbachuu akka qabu Instagram isaarratti barreesse.
Aab Tinkov dureeyyii utubaa diinagdee Raashiyaa ta'an keessaa tokko ta'ee, baankii onlaayinii-Tinkoff Bank fi garee bishileettii- Tinkoff-Saxo jedhamu kan qabuudha. Dureeyyii uummata keessatti maqaa guddaa qaban kanneen gocha Pireezidanti Vilaadmiir Putiin ifatti morman keessaati.
Dureeyyiin biroon Mikhail Fridman fi Oleg Deripaska nageenyi akka bu'uuf gaafataniiru, kallattiidhaan mootummaa Raashiyaa hin qeeqne.
Dureessi beekamaan Boris Mints jedhamu garuu Aab Tinkov deeggaruun kallattiin pireezidanticha qeeqe.
Dureessi kun bara 1990oota keessa mootummaa Raashiyaa keessa hojjechaa ture, garuu Aab Putiin aangoo qabatee guyyoota afur keessatti caasaa mootummaa keessaa gussame.
UK kan jiraatu Aab Mints, ''namni qixa sirriin yaadu kamuu waraana diigumsaa kanaa fi abbaa irrummaa Vilaadmiir Putiin mormuu qaba,'' jechuun BBCtti hime.
"Lammiilee Yukreen, kanneen biyya keessa jiranis ta'e kanneen baqatan, loltoota Putiiniin dararamaa jiran waa dandeenyuun deeggaruu qabna.''
Mootummaan UK Aab Tinkov dabalatee dureeyyii Raashiyaadhaan hidhata qaban hedduurraa qoqqobbii kaa'eera, Aab Mints garuu hin qoqqobamne.
Aab Tinkov pireezidantii Raashiyaa yookiin ammoo Kireemlin waliin hidhata homaatuu akka hin qabne himaa ture.
Dureeyyiin Raashiyaa bebbeekamoon kanaan dura qoqqobbiin waraana hin dhaabsisu jechuun falmaa turan, amma garuu gocha Pireezidanti Putiin balaaleffachuutti deebi'an.














