Waraana Yukireen: Karaawwan sadi waraanichi hammaachuun Nato affeeru

Madda suuraa, Getty Images
Ministiroonni Nato torbee kana Yuukireeniif deeggarsa waraanaa akkamii taasisuu akka qaban akkasumas waraana kana keessatti hanga kamitti hirmaachuu akka danda'an irratti Biraasels keessatti mari'achaa ba'an.
Waraana kana keessatti qormaati guddaan Nato mudate, osoo kallattiin Raashiyaa waliin waraana keessa hin seenin akkamiin tumsa waraanaa ga'aa Yukireeniif akka kennuudha.
Mootummaan Yukireen garuu ifa baasee deeggarsa Nato gaafataa ture.
Taankii, xiyyaarota waraanaa fi diroonii akkasumas misaa'eloota ammayyaa kanneen haleellaa Raashiyaa qolachuu danda'an irra deddeebiin gaafatti Yukireen.
Nato irraa garuu akkaataa gaafateen deebiin hin argattu, sababni isaa Nato'n waraanichi ni hammaata jedhee sodaata.
Raashiyaan meeshaalee waraanaa nukileraa fayyadamuun waraanni kun daangaa Yuukireen irra darbee gara biyyoota Awurooppaa guutuutti babal'achuu danda'a sodaan jedhu sammuu qondaaltota lixaa dhuunfateera.
Wayita waraanni kun eegalu Pireezdantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin qabeenya nukileraa isaaniin dhaadataniiru, yeroo barbaachisetti fayyadamuuf akka of qopheessanis himanii turan.
Aab Putiin akka warri lixaa meeshaa waraanaa nukileraa fayyadamuurraa of qusatan waan beekaniif sodaachisa akkasii fayyadamu.
Biyyoonni lixaa waggoota 77f nukilera waraanaaf itti fayyadamanii hin beekan, Raashiyaan garuu fayyadamaa turuu fi ammas muraasa muraasa akka fayyadamtu himti.
Warri Nato yoo meeshaa waraanaa nukileraa fayyadamuun eegalame, rakkoon inni uume bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru, Yukireen, irratti ta'ullee garuu dhiibbaansaa addunyaa mara walga'a jechuun yaadda'u.
Waraannis waraana Raashiyaa fi warra lixaatti geeddarmuu danda'a jechuun qaamoleen Nato keessatti karoora baasuurratti hojjetan.
$800min new military assistance, including...
800 Stinger anti-aircraft systems that can shoot down planes
2,000 Javelins, shoulder-held anti-tank weapons that shoot heat-seeking rockets
6,000 AT-4 anti-armor systems, a Swedish-produced, single-use, unguided anti-tank weapon
Kanaafuu waraanni Raashiyaa fi Yukireen kun haala akkamiin gara biyyoota Awurooppaa guutuu walga'ee, Nato of qusataa jirus hirmaachisuu danda'a laata?
Ministiroonni Ittisaa biyyoota lixaa haalota addunyaa kanarraan ga'uu danda'an (scenarios) hedduu sammuusaanii keessaa qabu, waliin dhiphatu.
Kanneen keessaa sadan isaanii kunooti:
1. Inni jalqabaa yoo Naton misaa'ela doonii Raashiyaa barbadeessu Yukireeniif gumaache, loltoonni Yukireen misaa'ela kana doonii Raashiyaa karaa Odesa dhufutti dhukaasuun humnoonni waraanaa hedduunii fi namoonni dooniirra hojjetan 100 caalan dhumuu danda'u. Haleellaa takkittiidhaan lubbuu haga kana galaafachuun seenaa keessatti waan ta'ee hin beekneedha, Pireezidanti Putiinis kanatti deebii kennuuf ni rakkatu.
2. Haleellaan misaa'elaa qindaa'aan Raashiyaa gaggeessitu, meeshaalee karaa miseensota Nato kanneen akka Poolaand yookiin Silovaakiyaa Yukireen seenan irratti qiyyaafachuu hin hafu. Haala kanaan gama daangaa Naton lubbuun namoota hedduu kan galaafatamu yoo ta'e, Naton seera cabuu hin qabne keewwata 5 tumatee ture cabsuun waraanatti seena. Humna qabu miseensotasaa hundarraa walitti guuree biyya haleelamte keessa qubachiisee achirraa lola. Kun waraana hamaa fi sodaatamuudha.
3. Wayita waraanni Donbas keessatti gaggeeffamaa turetti warshaan tokko dhohuun keemikaalli summaa'aan naannootti dhangala'ee ture. Balaan uumame hammaataa fi rifaasisaa ta'us akka carraa garuu lubbuun namaa hin darbine. Garuu osoo akka kan Siiriyaa, Ghouta osoo lubbuun namaa hedduun darbeera ta'ee silaa Naton deebii kennuuf dirqama qaba. Raashiyaan beekaa gaaza summaa'aan uummata fixuu eegallaan Naton ammoo Raashiyaa irratti tarkaanfii fudhata, kun ammoo waraanicha daran hammeessa.
Haalonni eeraman kunneen qabatamaatti mudachuuf carraan qaban gadi aanaadha.
Biyyoonni lixaa weerara Raashiyaa irratti irree tokkoon deebii kennuurratti hanqina qabaatanis, hedduunsaanii garuu osoo bu'aa isa dhumaa (waan dhumarratti mudachuu malu) hin herregin Raashiyaaf deebii kennaa jiru.













