Waraana Yuukireen: Booriis Joonsan gara Yuukireen imaluun Kiivitti Zeleniiskiin wal-argan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Booriis Joonsan "Yuukireen deebitee ni kaati" jedhan

Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan gara biyya waraanaan goolamaa jirtu Yuukireenitti maluun Kiivitti pireezidantii Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin wal-argan.

Waajjirri MM UK imala kana uummata Yuukireen "waliin dhaabbachuu agarsiisa" ittiin jedheera.

Marii anga'oonni lamaan Kiivitti godhan booda UKn deeggarsa meeshaalee waraanaa, konkolaataawwan sibiilaa 120 akkasumas sirna misaa'elaa haleellaa doonii qolatu Yuukireeniif kennuuf waadaa galteetti.

Zeleniiskii dabalatee aanga'oonni olaanoo mootummaa Yuukireen deeggarsa UK dinqisiifatanii jiru.

Imalli Booriis Joonsan gara Kiiv godhan dursamee hin himamne ture, Kiiv jiraachuun isaatuu kan barame jalqaba wayita imbaasiin Yuukireen Landan jiru suuraa isaafi kan Zeleniiskii tiwiitarii gubbaatti baasedha.

Booda dubbi himaan waajjira MM UK, Booriis Joonsan qaaman pireezidanti Yuukireeniin wal-arguufi, uummata Yuukireen waliin dhaabbachuu agarsiisuuf gara Kiiv akka imalan beeksise.

Hogganoonni lamaan marii booda Kiiv keessa miilaan imalan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganoonni lamaan marii booda Kiiv keessa miilaan imalan

Hogganoonni lamaan marii isaanii booda ibsa waliin kennan irratti, MM Booriis Joonsan pireezidant Zeleniiskii fi garee isaa akka malee jajuun dubbate.

Yuukireen humnoota Raashiyaa karra Kiiv irraa of-duuba deebiste kan jedhan Booriis Joonsan, hoggansa cimaa Zeleniiskii fi jagnummaa uummata Yuukireen dinqisiifatan.

"Har'a UKn lola kana keessatti cichoominaan isaan waliin akka dhaabbattu ifa godheera, yeroo dheeraaf isaan waliin jirra," jechuun dubbatan.

UKn deeggarsa waraanaa fi diinagdee taasiftu akka itti fuftuufi tumsa biyyoota addunyaa waliin ta'uun waraanichi xumura akka godhatu akka hojjetan himan.

Yuukireen biyya walabaa fi bilisa taatee itti fufti jechuunis dubbatan.

"Lammileen Yuukireen jabina leencaa agarsiisan, ati ammoo Voloodimiir, barooda leenca sanaati" jechuunis Zeleniiskii jajatan.

Boris Johnson speaks to a resident during a walk around central Kyiv with President Volodymyr Zelensky

Madda suuraa, Reuters

Boris Johnson walks around central Kyiv with President Volodymyr Zelensky

Madda suuraa, Reuters

Aab Zeleniiskiin "deeggarsa barbaachisaa fi guddaa" UKn biyya isaatiif gootuuf galateeffatanii, biyyoonni Lixaa kaanis dhiibbaa Raashiyaa irratti godhan akka dabalan gaafatan.

"Gama qoqqobbiin dhibbaa irratti gochuu qabna. Qabeenya anniisaa Raashiyaa guutummaatti qoqqobuuf yeroon amma," jedhan.

Jimaata darbe pireezidantiin Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Von Der Leyeen akkasumas hogganaan imaammata alaa EU Jooseep Boorel gara Kiiv imaluun Zeleniiskii waliin marii godhanii turan.

Haata'u malee Booriis Joonsan hogganaa biyyoota miseensa G7 erga waraanni dhalatee booda gara Kiiv imale isa jalqabaati.

Boris Johnson and Volodomyr Zelensky

Madda suuraa, Reuters

Daawwannaan MM Booriis Joonsan kun UK deeggarsa meeshaa waraanaa paawondii miliyoona 100 Yuukireeniif akka gootu beeksiftee guyyaa tokko booda.

Humnooti Raashiyaa kallattii Kiiv fi naannawa ishiitiin hiriiran guutummatti naanicha keessaa kan bahan yoo ta'u, Raashiyaan gama Bahaan haleellaa raawwattu cimsitee itti fuftee jirti.