Loltuun Raashiyaa booji’ame yommuu ajjeefamu viidiyoon mul'ise

Suuraa viidiyoorraa fudhatame

Viidiyoon yemmuu humnootni Yukireen loltu Raashiyaa booji'ame dhukaasanii ajjeesan mul'isu kan fakkaatu ba'eera.

Viidiyoon kun kan waraabame, daandii Lixa magaalaa gudditti Yuukireen Kiiv, bakka humnootni Raashiyaa keessaa ba’aa turanittidha.

BBC’n viidiyoo kana qorachaa tureera – wanti hanga ammaatti arganne kunooti.

Akeekkachiisa: Suuraa fi gabaasa nama jeequu malan of keessaa qaba.

Viidiyoon kun maal mul’isa?

Loltooti afur gadi ciisanii, isaan keessaa tokko harkisaa duubatti hidhamee jiru viidiyoon kun ni agarsiisa.

Reenfa namaa dhokfame

Socho’aa hin jirani, isaan keessa tokko garuu lubbuun kan jiruu fi harganaa kan jiru fakkaata.

Loltuun biraa (kan fuulli isaa viidiyicha irratti hin argamne) irra daddeebiin hanga inni socho’uu dhabutti itti dhukaasa.

Sana booda viidiyichi yemmuu loltoonni naannicha jiran gocha kanaaf deebii kennan mul’isa.

Reeffi lafarra jiran hundi uffata loltootaa uffatanii jiru, dhiigni hedduunis ni mul’ata.

Fuula namoota du’anii keessaa tokko ni mul’ata – warri kaan sadii fulli isaanii lafatti gadi jedhee waan jiruuf hin mul’atu.

Viidiyoon kun yoomii fi eessatti waraabame?

Gochi kun kan uumame daandii ijoo magalaa Dimyitrivkaa kan magaalaa Irpin fi Buchaa walitti qabsiistu irratti akka ta’e ni mul’isa.

Suuraaleen viidiyicha irratti mul’atan kan marsariitii Google Street View waliin tokko akka ta’an barameera.

Suuraan saatilaayitii daandichaa Bitootessa 31 irratti fudhatame, dhiiga lafaratti lola’ee jiruu fi konkolaatota waraanaa viidiyicha irratti mul’atani agarsiisa.

Viidiyoon kun guyyaa kamirra akka warabaame sirritti baruu hin dandeenyu, ta’us gaadidduu dandiirra ture irratti hundaa’uum waaree boodarra waraabame.

Viidiyoon jalqabaa kan maxxanfame Bitootessa 30 ganamaan ture, kana jechuun viidiyoon kun Bitootessa 29 waaree booda ykn isa dura waraabame jechuudha.

Namootni du’an kun looltoota Raashiyaa ta’uu isaanii akkamiin beekna?

Hubannoon inni ijoo wanta viidiyicha irratti dubbatameedha.

Loltoota reeffa kunneen bira dhaabbatan keessa tokko, “Kunooti egaa, eegdoonni waraana Raashiyaa,” jedha.

Dabalataanis, konkolaataa qullaa mallattoo V irratti kaafamee jiru ni mul’isa – kun mallattoo loltoonni Raashiyaa konkolaattota isaani irratti kaasuun beekamudha.

Namoota lafarra jiran keessa lama, ambaarri adii kaawwatanii jiru, kun ammo kutaalee Yukireen tokko tokko keessatti kan loltoonni Raashiyaa eeyyummaa adda baasuuf kaawwatanidha. Faaya diimaa fi bildimaas ni fayyadamamu.

Namootni nagaanis bakka tokko tokkotti ambaarri adii kana akka kaawwataniif gorfamuu isaani gabaasaleen himan jiru.

Looltoonni Yuukireen gocha kana irratti hirmaachuu isaani sirriitti beeknaa?

Loltoota viidiyicha irratti gariin isaanii ambaarri cuqulisaa fi alaabaa Yukireen uffannaa isaanii irratti hodhame qabu, kun ammoo eenyummaa loltoota Yukireen ibsuuf akka oolu kan baramedha.

Ta’us eenyummaa isaanii irratti ragaa mirkanaa’aa miti.

Viidyicha irratti akka dhageenyutti loltooti kun Afaan Raahiyaan odeessu, afaan kun amma Yukireen keessatti bal’inaan fayyadamama.

Walakkeessa viidiyichaa irratti fuula loltuu tokko ni sirritti agarra – namicha hareeda qabu. Fuulli loltoota biroo tokko tokko viidiyicha irratti sirritti ni argama.

Suuraa loltoota lamaa viidiyoorraa fudhatame

Eenyummaa isaa adda baasuuf softiweeri baaymeetrikii fayyadamneerra – kun teeknolojii fuula nama tokko fudhachuun suura namootaa kuufame jiru keessa kan sirritti wal simu argachuun eenyummaa adda baasudha.

Sooftiweeriin kun fuula kana kan nama Joorjiyaa Yukireen waliin hidhata qabu waliin wal simsiiseera, ta’us eenyummaa isaa waan hin mirkaneeffanneef maqaa isaa hin ibsinu.

Yeroo kaameraan gara namicha hareeda qabutti deebi’u, namni biraan boodarra “ Ulfinni Yuukireeniif haa ta’u,” jedha, yeroos namichi hareeda qabu kun “Ulfinni goototaaf haa ta’u,” jechuun deebi kenna.

Sana booda namni jalqaba sun haala gammachuu fakkaatuun dhaadata – ta’us sagaleen isaa ifa miti – wanti jecha “Gruziny” fakkaatu dubbata, kun ammoo Afaan Raashiyaan warra Joorjiyaa jechuudha.

Sagaleen kan dhumu yeroo namichi: “ Gara lafa keenyaatti hin dhufinaa,” jedhudha.

Kana irratti deebii akka kennaniif Ministeera Ittisaa Yuukireeniin gaafanneerra.

Wantoota viidiyoo kana irratti mul’atan biroo adda baasne mirkaneessuuf yaalaa jirra, yeroo odeeffannoo dabalataa argannu ni gabaafna.