Ijoollee dubaraa Vilaadmir Puutin irra qoqqobbiin kaa’ame

Intalli Putiin katerina Tikhonova damee barnootaa fi biizinasii keessa hojjetti

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan US waayiloota Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi ijoollee isaa dubaraa irra qoqqobbii kaa’e.

Kanneen qoqqobbiin irra kaa’ame keessaa Ministeerri Haajaa Alaa Raashiyaa Sergeeyi Lavroov fi baankileen gurguddoo ni argamu.

Murteen kun kan dhufe erga odeeffannoon haaraa miidhaa loltoonni Raashiyaa Yukireen keessatti geessisan keessuma kan magaalaa Buchaatti uumame ifa ta’ee booda.

Raashiyaan garuu, ragaa malee, kun wanta qondaaltota Yukireeniin qindaa’edha jetti.

Suuraaleen saatilaayitii lammileen nagaa yeroo Raashiyaan magaalaa Bucha to’atetti akka ajjeefaman mul’isus, Roobii darbe Putin kun gocha ''himata hamaa fi jallaa bulchiinsa Keyiivdha,'' jedhaniiru.

Qoqqobbiin US keessee Waayit Hawuusiin beeksisame kunneen of kessatti qabata:

  • tarkaanfii investimentii Raashiyaa haaraa dhorku
  • Baankii dhuunfa guddicha Raashiyaa, Alfa Baankii fi dhabbata diinagdee Sberbank kan qoqqobu
  • Dhaabbilee mootummaa gurguddoo fi ijoorra qoqqobbii kaa’uu
  • Qondaaltootaa mootummaa Raahiyaa fi maatii isaani irra qoqqobbii kaa’uu

Mootummaan UK gama isaan dureessota saddeet fi Srebank fi Baankii Liqaa Moskoo dabalatee baankilee Raashiyaarra qoqqobbii dabalataa kaa’eera.

Gaamtaan Awuroppaas, yaaddoon yakka waraanaa dabalaa akka deemeen, gabaa kasalaa Raashiyaa addaan kutuu ykn dhiisuu irratti mari’achaa jira.

Wiixineen qoqqobbii haaraa kun Waashiingitaniin utuu hin beeksifamniin dura, Pirezdaantiin yuukireen Volodmiir Zeleenskii “murteessu dhabuu kamiyyu hin simadhu” jedhee ture.

Roobii haasaa paarlaamaa Ayirish irratti taasisaniin, biyyootii Awuroppaa tokko tokko kan “waraanni fi yakki waraanaa hanga kisaaraa diinagdee hamaa miti,” jedhanii amanan qoqqobbii cimaa akka deeggaraniif amansiisuun barbaachisaadha jedheera.

Dabaluunis, “ zayiiti Raashiyaa maashinii waraana Raashiyaa sooru hin danda’u,” jedhaniiru. Ministeerri haaja alaa Yukireenis dabaluun, boba’aa fi zayiita irra qoqqobii kaa’uun kan barbaachisu dandeettii itti Raashiyaan waraanaa isheef fandii dhiyeessitu irratti dhugumaan miidhaa uumuufi jechuun Tiwiitara gubbaatti barreeaniiru.

Biyyootiin miseensa Gamtaa Awuroppaa, kan akka Jaramanii, annisaa Raashiyaa irratti guddaa hirkatanii waan jiraniif, kallattiin dame kanaratti tarkaanfii fudhachuuf murteessuu hin dandeenye.

Ta’us garuu, yeroo jalqabaaf, Komiishiniin Awurooppaa Kibxata, gabaa kasalaa Raashiyaa dhorkuuf yaada dhiyeesseera, kun ammo miseensota 27 hundaan walii galamuu qaba. Awurooppaan wagga waggaan kasala doolaara biiliyoona 4.4 ta’u Raahiyaa irraa bitti.