Romaan Abraamooviich: Daa'ima abbaafi haadha hin qabnerraa hanga biliyeenara addunyaatti

Romaan Abraamooviich

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Romaan Abraamooviich

Romaan Abraamooviich kan osoo daa'ima waggaa sadii jiruu abbaa fi haati irraa du'an, ammaan tana sooreessoota addunyaa kanaa dursa maqaa dhaahaman keessaa tokko.

Abbaan qabeenyaa kun wayita ammaa walitti dhiheenyi cimaan pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin qabu maqaa gaarii fi daldala isaa jalaa miidhaa jira.

''Namoonni guyyoota sadii ykn afuriif narraatti xiyyeeffatu, isa hin caalu. Narratti hin xiyyeeffatan. Eenyuu akkan ta'e dafanii dagatu. Kun ammoo anatti baay'ee tola,'' jedhee ture Romaan Abraamooviich wayita garee piriimer liigii Ingiliiz Cheelsii Landaniitti wayita bitetti.

Haata'u malee tibbana addunyaa hundi waa'ee abbaa qabeenyaa kanaa dubbataa jira. Mootummaan UK ammoo qabeenyaawwan nama kanaarra dhorkaa kaa'eera.

Dhorkaan kunis kilabiin kubbaa miilaa Cheelsii fi manneen jireenyaa isaa kan dabalatuudha. Dhorkaa qabeenyaatiin alattis mootummaan UK dhorkaa imalaas irra kaa'eera.

Mootummaan UK ammoo kanan kana raawwadhee sababii Abraamoviich pireezidant Puutiin kan Yuukireen irratti weerara raawwate waliin hidhata qabuuf jedha.

Abraamoviich umurii isaa baay'ee daa'imummaatiin bu'aa bahii hedduu keessa darbuun amma biliyinaroota addunyaa kanarratti dhiibbaa taasisan keessaa tokko ta'u danda'e.

Abbaafi haadha dhabuurraa irraa gara biliyeenarummaa

Roomaan Abraamooviich magaalaa Saaraatov karaa Kibba-Lixa Raashiyaatiin dhiheenya daangaa Yuukireeniirratti argamtu keessatti bara 1966tti dhalate.

Haatiisaa osoo inni daa'ima waggaa tokkoo jiruu ture dhukkuba dhiigni summaa'uutiin kan irraa dute. Waggoota lamaan booda ammoo abbaansaa hojii ijaarsaa irratti balaa mudateen lubbuunsaa darbe.

Isaan boodas Abraamooviich biyya haalli qilleensaa isaa baay'ee diilallaa'aa ta'etti haala jireenya baay'ee cimaa ta'een firoota isaa biratti guddate.

''Dhugaa dubbachuudhaaf ijoolluummaan kiyya baay'ee gaarii hin turre. Yeroo daa'imummaa keenyaa ijoollee gargar qoodu turan. Daa'imni tokkoo kaarootii nyaataa, kaan ammoo karamellaa nyaata. Ijoollee lamaaniifu kan isaan nyaatan waan mi'aawaadha. Yeroo daa'imummaa keenyaa garaagarummaa akkasii kana adda hin baafnu,'' jedhee ture Abraamooviich gaaffiifi deebii Gaaridiyaan waliin taasisee turen.

Roomaan Abraamoovichi yeroo dargaggummaa isaa

Madda suuraa, EAST2WEST NEWS

Ibsa waa'ee suuraa, Roomaan Abraamoovich yeroo dargaggummaa isaa

Abraamoovich wayita waggaa 16 ture barnoota isaa adda kutuudhaan hojii makaanikummaa hojjataa kan ture yoo ta'u, Mooskoo keessatti ammoo meeshaa pilaastikii ijoolleen ittiin taphattu gurguraa ture. Booda humna ittisaa gamtaa Sooviyeetiittis makamee ture.

Yeroo sanatti hogganaa Gamtaa Sooviyeetii kan turan Miikaa'eel Gorbaachoov bulchiinsa hojii uumuuf mijatu diriirsuu isaanii hordofee, Abraamooviich urgooftuu gurguruun maallaqa gaarii walitti qabachu eegale.

Gamtaan Sooviyeetii bittiinaa'u hordofees kubbaaniyoonni boba'aa harka mootummaatii bahuun abbootii qabeenyaatti gurguramu eegalan. Garaa umurii jalqaba waggaa 20tti kan argamu Abraamoovich carraa kanatti fayyadame.

Caalbaasii waliin dhahameera jedhameen Abraamoovich kubbaaniyaa boba'aa 'Sibneefit' jedhamu bara 1995 irratti doolaara miliyoona 250 mootummaa irraa bitate. Waggaa 10 booda jechuunis bara 2005tti kubbaaniyaadhuma sana deebisee doolaaraa biliyoona 13n mootummaatti gurgurate.

Abookaatoowwan Abraamooviich wayita dhaabbanni kun bitamutti adeemsi seeraan alaa kamuu hin raawwatamne jedhanii morman illeen, bara 2012tti wayita mana murtii UK tokkotti dhiyaatetti Abraamoovich adeemsa bittaa dhaabbatichaa saffisiisuuf jecha kanfaltiin raawwatamuu ofiin dubbatee ture.

Bara 1990moota keessa ammoo damee daldalaa alumuniyeemii Raashiyaa to'achuuf mormii cimaatu ture. ''Guyyaa sadii sadiin namni ta'e ni ajjeefama ture,'' jedha Abraamooviich. Ajjeechaan kunis daldaltoota alumuniyeemii wal dorgoman irratti ture.

Haala kana kan hubate Abraamoovich nageenya ofiisaa fi kan maatii isaa eeguuf jecha haala kanaan daldalicha keessaa of baase. Haata'u malee sirna daldalaa hin tasgabboofne keessa taa'uunillee Abraamooviich doolaaraa biliyoona walitti qabachu danda'eera.

Imala gara siyaasaatti

Pireezidantii Raashiyaa kan turan Booriis Yeelsiin waahilasaa gaarii turan. Siriiyyuu tibba tokkotti addunyaa siyaasaa Moskoo keessatti cimee hirmaachuun Kireemiliin keessatti manni jireenyaa akka kennamuuf taasifamee ture.

Bara 1999tti pireezidant Booriis Yeelsiin aangoorraa yoo bu'an, Ministira muummee kan turaniifi basaasaan duraanii dhaabata tikaa Raashiyaa (KJB) Vilaadimiir Puutiin akka Booriis Yelsiin bakka bu'aniif kanneen deeggaran keessaa Abraamooviich tokko turan.

Puutiin aangoo akkuma qabataniin baatiiwwan jalqabaa irratti Gamtaan Sooviyeetii diigamuu hordofuun abbootii qabeenyaa maallaqa horatan irratti xiyyeeffannaa taasisanii ture.

Kanneen Puutiiniif deeggarsa taasisuu hin dandeenyes biyyaa kan bahan yoo ta'u, kaan isaanii ammoo gara mana hidhaatti darbataman.

Roomaan Abraamoovich Vilaadmiir Putiin waliin

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Roomaan Abraamoovich Vilaadmiir Putiin waliin

Abraamooviich Puutiin waliin hiriiruu filate.

Bara 2000tti Abraamooviich bulchiinsa Kaaba Baha Raahiyaa miidhamaa jedhamu Chukotikaatti bulchaa ta'uun tajaajilanii ture.

Abraamooviich maallaqa mataasaatti fayyadamuun lammiilee tajaajilawwan hawaasummaa akka argatan taasisuu isaa hordofees fudhatama olaanaa argatulleen, bara 2008 fedhiidhuma ofiisaatiin aangoo gadhiise.

Aangoon na gaha jedhulleen hojii daldalaa garuu cimsee itti fufe. Konkolaatawwan, manneen jireenyaa, hojiiwwan kalaqaa gatii jabaa walitti qabuun beekama.

Kubbaa miilaafi Abraamooviich

Bara 2003tti ammoo ija laafaadha kan jedhamu Abraamooviich kilabii kubbaa miilaa Ingiliizii Cheelsii paawundii miliyoona 140n bituun leelliiftoota kubbaa miilaa biratti maqaa horate.

Abraamooviich erga Cheelsii biteen booda kilabichi yeroo shan piriimiyer liigii Ingiliiz injifachu kan danda'e yoo ta'u, Shaampiyoons liigii tokko akkasumas waancaa FA shan mo'ateera.

Osoo mootummaan UK dhorkaa irra hin kaa'iin guyyoota shaniin dura Abraamooviich Cheelsii gurgurtaaf dhiyeessee ture.

''Guyyaa tokko qaamaan Istaamfoord Biriijitti (istaadiyeemii Cheelsii Landan jiru) argameen nagaa isiniitti dhaama,'' jechuun deeggartoota Cheelsiif ergaa dabarsee ture.

Abraamooviich kubbaa miilaa qofaa osoo hin taanee mana jireenyaa kutaa 15 kan paawundii miliyoona 150tti tilmaamamus Landan keessaa qaba.

Gaa'ilasaa yeroo sadii kan hiike Abraamooviich, dooniiwwan gurguddoo bashannanaa addunyaa kanaa kanneen jedhaman keessaa Soolaariis fi Ikiliips kan jedhaman kan isaati.

Qabeenyaan walii galaa Abraamooviich doolaara biliyoona 13.2 akka ta'u kan tilamaamamu yoo ta'u, addunyaarrattis sooreessaa 128ffaa ta'u Bloomberg ibseera.

Foorbiis ammoo qabeenyi walii galaa Abraamooviich biliyoona 12.3 akka hin caalleefi sooreessoota addunyaarratti argaman waliin sadarkaa 142ffaa irratti akka argamu himeera.