Weerara Yukreen: Roomaan Abiraamoovich maaliif kilaba isaa Cheelsii gurguruuf murteesse?

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa kilaba Cheelsii Roomaan Abiraamoovich kilabicha gurguruuf murteessuu beeksise.
Abbaan qabeenyaa Chelsii kun fuula marsariitii kilabichaa irratti ibsa baaseen, "murtee baayyee ulfaataafi nama dhukkubsu" murteessuu isaa ibseera.
Abbaan qabeenyaa lammii Raashiyaa kun galiin kilaba Chelsii gurguruu irraa argamu namoota waraanaan miidhamaniif oola jedheera.
"Galiin kilaba Chelsii gurguruu irraa argamu guutummaan guutuutti lammileen Yukireen sababa waraanaan miidhamaniif oola," jedhe abbaan qabeenyaa umuriin isaa ganna 55 ta'e kun.
Erga Raashiyaan Yukireen irratti waraana bantee booda Abiraamoovich Sanbata darbe akka beeksisetti, "itti-gaaftamniifi itti-waamamni" Chelsii Faawondeeshinii kilabichaatti akka dabarsu dubbatee ture.
Kun ammoo kilaba Chelsii liqii maallaqa Paawondii biliyoona 1.5 keessa akka seenu kan godhe Abiraamoovich kilabicha gurgurtaaf dhiyeessu tilmaama jedhu uumeera.
Roomaan Abiraamoovich kilaba isaa keessatti qabxiin barbaadu argamuu baannaan manaajeroota gara laafina tokko malee ari'uun beekama.
Dureessi lammii Raashiyaa kun Pirezidant Vilaadmiir Putiin waliin baayyee walitti dhiyaata jedhama, garuu inni kana ni waakkata.
Kana hordofee ammoo namichi dureessi Haans Joorj Wiis jedhamu akka bitatuuf gaafatamuu isaa gaazexaan Siwiidin Biliik Roobii gabaaseera.
Wiis ammoo akka beeksisetti, yaaddoo qoqqobbii paarlaamaa irraa kan ka'een," Chelsii saffisaan gurguruuf" barbaade.
Chelsii bituudhaaf Abiraamoovichiif gaaffiin akka dhiyaatef BBC Soprt kan hubate yoo ta'u, kilabiin kun hanga Paawondii Biliyoona sadii baase jedhamee tilmaamama.
Abiraamoovich ibsa baaseen akka jedhetti, "Yeroo hunda murteewwan kiyya kanan murteessu fedhii kilabichaa ilaalcha keessa galchuunidha".
"Haala amma jiruun kilabichaaf, deeggartoota isaaf, hojjetootaafi ispoonsaroota isaa, akkasumas michoota isaa ni fayyada jedhee waanan amanuuf kilabicha gurguruuf murteesseera," jechuun ibse Abiraamoovich.
BBC Sport akka hubatetti Faawondeeshiniin Chelsii kilabicha to'achuudhaaf ammallee waliif hin galle. Abiraamooviich ibsa Sanbata baaseen waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante osoo hin kaasiin hafuu isaatiif ammoo qeeqameera.
Taphattoonni garee kibbaa miilaa kanaa ammoo oduun kun dursee akka isaan qaqqabu hin taasifamne jedhameera. Taphattoonni oduu kana kan dhagahan tpha AFA Cup marsaa shanaffaa taasisuuf bakka jiran magaalaa Luutan Taawon irraa dirree seenuuf daqiiqaan muraasni yeroo hafuttidha.
Tapha sanaanis 3fi2 durfamuu irraa ka'anii mo'achuudhaan gara nuusa xumuraatti darbuu danda'eera.
Abiraamoovich bara 2003 Chelsii Paawondii miliyoona 140 baasee akka bitate ni yaadatama.

Madda suuraa, Artyom Geodakyan
Abiraamoovich kilabichaan bu'aa argamsiisanii?
Kilabicha erga bitatee kaasee Chelsii jiijjiiruu irra darbee Piriimer Liigii keessatti sadarkaa cimaatti dorgomaa ta'uudhaaf maallaqa hangamitu akka barbaachisu fakkeenya ta'eera.
Abiraamoovicha kilabichaaf Paawondii Biliyoona 1.5 ol kan liqeeffate yoo ta'u, kanaan ammoo milkaa'ina guddaa argamsiiseera.
Erga inni abbaa qabeenyaa kilaba kanaa ta'ee kilabichi waancaa gurguddaa argachuu danda'eera. Shaampiyoonsii Awurooppaa si'a lama, Piriimer Liigii si'a shan, AFA Cup si'a shan, Yuroo Liigii si'a lama, akkasumas Waancaa Liigii si'a sadii mo'achuu danda'eera.
Hagayya darbe keessa Suppar Kaappii ueafa kan mo'ate yoo ta'u, Guraandhala keessa ammoo Waancaa Kilabootaa mo'ateera.
Manaajeroota 13 kan jijjiire yoo ta'u, kilabicha gabaa taphattoota jijjiiruu keessatti Paawondii biliyoona lama baasii godheera.
Gareen dubartootaa Chelsiis Abiraamoovich jalatti milkaa'aniiru.
Abiraamoovich maaliif gurguruu filate?
Biliyeenaroonni Raashiyaa xiyyeeffannoo qoqqobbii Gamtaa Awurooppaa jala galaniiru.
Kun ammoo Everten waliin hariiroo kan qabu abbaa qabeenyaa lammii Raashiyaa ta'e Aliiver Usmaanooviich waan ilaallatudha.
Mootummaan Yunaayitid Kingidam hanga ammaatti Roomaan Abiraamoovich irrattis ta'e Aliiver Usmaanooviich irratti dhorkaa hin keenye.
Bakka bu'aa Leebar Paartii kan ta'e Kiriis Biraayaan,"Qoqqobbii baayyee sodaachuu isaatiin mana isaa bor gurguruuf. Appartaamaan mana jireenyaa isaa biroos itti fufa," jechuun Kibxta darbe bakka bu'oota ummataatti waa'ee Abiraamoovich duubate.
Gaafa Roobii yeroo ministirri muummee UK booris Joonsan gaaffilee dhiyaataniif keessumsiise keessatti gaggeessan Leebar Paartii Keeyir Istaarmer Abiraamoovich maaliif akka qoqqobbiin irra hin kaa'amiin gaafatee ture.
"Saarkaa amma jiruun dhimmaa nama dhuunfaa kam irrattiyyu yaada kennuun sirrii miti," jechuun deebii kenne Booris Joonsan.
Dubbi himaan Raashiyaa garuu gaaffii gaggeessaa Leebar paartii kana fudhatama dhabsiisuun, Abiraamoovich kan qoqqobbii isarra keessi waan tokkoyyu kan hojjete hin qabu jedheera.
Wiis ammaa itti dabaluun, "Abiraamoovich viillaawwan isaa Awurooppaa keessaa qabu hunda isaanii gurguruuhaaf yaalaa jira. Chelsiis dafee gurguruu barbaada," jedheera.
"Aniifi namoonni biroo sadii Chelsii Abiraamoovich irraa akka bitannuuf Kibxata darbe nuuf dhiyaatee ture."
Dubbi himaan Abiraamoovich dhimma kana irratti yaada kennuudhaaf hayyamamaa hin taane.















