Waraana Yuukireen: Yukreenitti namoonni nagaa 2,000 ol ajjeefaman

Namoonni 2,000 ajjeefaman daa'immanfaa dabalatu

Madda suuraa, Tajaajila Yeroo Atattamaa Yuukireen

Daqiiqaawwan muraasa darban keessatti qondaaloti Yukreen namooti nagaa 2000 weerara Raashiyaa torbee darbe jalqabeen ajjeefaman jedhan.

Lubbuu baraartonni kudhanis ajjeefamuu Tajaajilli Yeroo Atattamaa biyyattii himeera.

Lubbuu baraartonni haleellaa Raashiyaa booda ibidda manneeniifi iddoo garagaraatti qabate 400 dhaamsaniiru, meeshaalee dhuka’an 416 immoo fashaleessaniiru

‘’Guyyoota torba darbanitti, Raashiyaan buufataalee konkolaataa, gamoowwan mana jireenyaa, hospitaalota fi oolmaawwan daa’immanii dhibbaan lakkaa’aman barbadeessitee,’’ jedhe dhaabbatichi.

Gama biraan Raashiyaan kibba Yukreen naannoo buufatni niwkileeraa guddaaa jiru qabachuu himteetti.

Raashiyaan qaama addunyaalessaa oomisha niwukileeraa to’atutti kibba Yukreen iddoo buufatni niwkileeraa guddaa jiruufi Zaapoorizyizyaa jedhamu qabachuu himte.

Hojjettoonni buufata niwkileeraa hojii idilee isaanii itti fufaniiru. Ejansiin Annisaa Atoomii Addunyaa (IAEA) Raashiyaa eeruun himeera.

Oppireetariin buufata niwkileeraa Yukreen hojiin nagaan itti fufee akka jiru quba akka qabu hime.

Buufatni niiwkileeraa Zaapoorizyizyaa biyyoota 15 oomisha aannisaa niwkileeraa qaban keessa jaha qaba jedhe IAEA’n

Magaala dhiyoo buufatni niiwkileeraa jiru kanatti jiraattonni karaa cufaa jiru gabaasni jedhu bahaa jira.

Addatti immoo qondaaloti buufata niiwkileeraa Yukreen IAEA’n iddoowwan dhiyoo buufatichaa jiraniifi loltoota Raashiyaan qabaman haala nageenyaa eegsisuuf akka qindeessu gaafataniiru.

Waraanni akkauma itti fufeen, marii nagaa Roobii har’aa, galgala keessa irra deebiin akka jalqabu Rooyitars gabaaseera

‘’Bakka buutonni keenya marii itti fufuuf qophii dha,’’ jedhe dubbi himaan Raashiyaa, Kireemliin irraa.

Kunis itti fufa marii jalqabaa Belaaruus, daangaa Yukreen irratti argamtutti adeemsifamee, bu’aa malee raawwateeti.

Gama Raashiyaan gorsaa Puutiin Vilaadmiir Mediinskiitu biyyattii bakka bu’uun hirmaata.

‘’Waan hundi akka jirutti itti fufa jedheen yaada. Homtuu hin geeddaramu. Ejjennoo keenyarraa hin sochoonu,’’ jechuun gorsaa pireezidantii Putiin kan biroo Oleeksii Ariistooviich TV Suspilne’tti himaniiru.

Mariin kuni eessatti geggeefama kan jedhurratti waan barame hin jiru.