Cheelsii bituuf warra fedhii agarsiisan keessaa eenyutuu carraa caalaa qaba?

Romaanoo

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Roomaan Abraamoovich waggoota 19n dura ture Cheelsii paawundii miiliyoona 140n kan bite

Roomaan Abraamoovich waggoota 19 dura kilabii Cheelsii Paawondii miiliyoona 140n kan bite yoo ta'u, wayita ammaa kanattis Kilabiin kun Paawundii biiliyoona 3 ni baasa jedhameti yaadama.

Maallaqni gurgurtaa kilaba kanarraa argamu ammoo namoota waraana Raashiyaafi Yukireeniin miidhamaniif akka oolu himameera.

Liigiiwwan Beezboolii Chikaagoo keessatti gareewwan gurguddoo ta'an keessaa tokko kan ta'e, abbaan qabeenyaa Chigaagoo Kabsiin, 'Z Riiktis Faamilii' 'Loord Kuu' jedhamaniifi wal ta'insi abbaa qabeenyaa Biritaaniyaa Niik Kaandiin hogganamu Cheelsii bitachuuf kanneen dorgaman keessatti argamu.

Kilabiin Liiginii Piriimiyeerii Ingiliiz, Cheelsiin, erga abbaa qabeenyaasaa Romaan Abraamoovichiin gurgurtaaf dhiyaateen booda guyyaan dhumaa caalbaasiisaa Jimaata kaleessaa ture.

Deeggaraa Cheelsii kan ta'eefi caalbaasii kana irratti kan hirmaate Kaandiin, Paawundii biiliyoona lamaa ol akka dhiyeessu beeksiiseera.

Kaandiin Kooriyaa Kibaa keessatti kan hojjetu yoo ta'u Kooriyaa kibbaatiin alattis invastimantii dabalataa argachuus himeera.

Abraamoovich kilabicha gurguruuf yaalii taasiaa yeroo jiranitti mootuummaa Yunaayitd Kingdam ammoo Chelsii dabalatee qabeenyaawwan isaa kaanirralleen dhorkaa kaa'eera.

Mootummaan UK tarkaanfii kanarra kan gahe waan Raashiyaan Yukireen weerarteef yoo ta'u, Abraamooviich ammoo pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin hidhata cimaa qaba jechuunidha.

Kanaarraa kan ka'eenis dhaabbanni invastimantii Ameerikaa Reeyiin Giroop jedhamu kilabicha akka gurguruuf itti-gaafatamummaan kan kennameef yoo ta'u, kilabicha gurguruuf akka dandeessisuufis hayyama haaraa mootummaa UK irraa ni baafata jedhameeti eegama.

Guyyaan kilabicha caalbaasiin gurguruuf bahee dhumni isaa Jimaata kaleessaa ta'ulleen, hirmaattoonni caalbaasichaa tokko tokkoo hanga Sanbataafi Dilbataatti dhiyaachu akka danda'an tilamaamamaa jira.

Kilabicha bitachuuf qaamooleen 20 ol ta'an fedhii kan qaban ta'ulleen, caalbaasicha keessatti akka hirmaatan kan mirkanaa'e garuu 10-15 kan ta'an qofaadha.

Kanaaf, Cheelsiifi dhaabbanni Raayiin Giruup torban dhufu keessa kaadhimamtoota caalbaasichaaf dorgoman ifa ni taasisuu.

Kaadhimamtoonni kunneenis caalbaasicha itti fufuuf hayyamni mootummaa kan isaan barbaachisu yoo ta'u, kunis madda maallaqaa isaaniifi boodas maallaqichi eessatti akka gahu irratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.

Kana malees, gurgurtaan kilabii kamuu waliigaltee abbaa qabeenyaa Pirimeer Liigii argachun waan barbaachisuuf, Cheelsiinis adeemsa kana keessa darba.

Dorgomtoonni Cheelsii bitachuuf carraa olaanaa qaban kami fa'i?

  • Tilmaamni dursaa kan kennameef gamtaa dura taa'aa Liivarpuul kan ta'an Maartiin Biriiteeniin durfamudha. Gamataa kanattis dursaa qophii Olompikii Landan kan turan Seebaastiyaan Koo itti makamaniiru.
  • Z Rikiitis Faamiil, abbaa qabeenyaa garee Chikaagoo Maajer Liigii Beezbool yoo ta'u, invastaroota caalbaasiif dhiyaatan dursaa jira.
  • Biliyeenarri Siwiizarlaand Haansidiirg Wiis fi daldlaan Ameerikaa Toodii Boohilii Cheelsii bitachuuf gurma'aniiru. Amma ammoo hoji raawwachiiftuun dubbi himaa Ameerikaa Barbaraa Chaaron, namni daldalaa Biritaaniyaa Jonaataan Gooldistaayin, akkasumas gaazexeessaan Biritaaniyaa Daani'eel Fiinkelsiteeyinis itti makamaniiru.
  • Dhaabbanni Eeteelsi Paartiners Invastimant jedhamu wiirtuun isaa Landan ta'eefi nama Poorchugaal hojii uumuudhaan beekamu RukkaarddooSilvaatiin durfamus dorgomaa carraa ballaa qabudha.