Dureeeyyiin Raashiyaa maallaqa ‘seeraan ala’ guurratan eessatti dhoksu?

Madda suuraa, Alamy
Waggoota kurna baayyeef dureeyyiin Raashiyaa doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu kan seeraan ala guuran akka bira hin ga’amnetti dhoksaniiru.
Raashiyaan erga Yukreeniin weerarteen as biyyootni addunyaa qoqqobbii garagaraa kaa’aafi seera haaraa baasuun dureeyyii mootummaa Puutiin waliin hidhata qaban miidhuufi ‘maallaqa gurraacha’ jedhan bira gahuuf yaalaa jiru.
"Maallaqa gurraacha’ Raashiyaa hangam tahutu biyya alaa jira?
Dhaabbanni qorannoofi xiinxalaa ‘Atlantic Council’ jedhamu Raashiyaan doolaara tiriiliyoona tokko tahu biyyaa alatti dhoksiteetti jedha.
Gabaasni dhaabbata kanaan bara 2020tti bahe, tokko arfaffaan qabeenya kanaa Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi michootasaa dhihoo sooreyyii tahaniin dhuunfatama jedha.
Gabaasichi, ’’qarshiin kuni mootummaa Raashiyaan (Kireemliniidhaan) basaasaaf, shororkeessummaaf, basaasa dhaabota diinagdee irratti taasifamuuf, malaammaltummaa, oduu sobaa, siyaasaafi dhimmoota wal-qabatoo tahan biroof ooluu mala,’’ jedha.
Qarhsiin ‘maallaqa gurraacha’ jedhamu kana akkamiin guurratan?
Dhaabbanni xiinxalaa fi qorannoo Ameerikaa biraa ‘National Endowment for Democracy’ jedhamu Puutiin michoota isatti dhiyaatan bajata mootummaa irraa akka hatan ni jajjabeessa, kana malees daldaloota dhuunfaa irraa maallaqa nyaatuu intarpiraayizoota bu’aa qabanimmoo butaniiru,’’ jedha.
Haala kanaan jedha qorannichi qabeenya dhuunfaa biiliyoonaan lakkaa’amu horataniiru.
Hoggantoonni garee mormituu Raashiyaa Booriis Neemtsoov fi Vilaadmiir Miloov bara 2004-2007tti qarshiin doolaara biiliyoona 60 tahu dhaabbata boba’aa guddaa ‘Gazprom’ jedhamurraa gephii michoota Puutiin galeeraa jedhaniiru.
Sanadni ‘Pandora Papers’ jedhamuufi garee gaazexeessitoota addunyaa gabaasa qorannoo hojjetan, ‘International Consortium of Investigative Journalists’ jedhamaniin gadhiifame namoonni Puutinitti dhiyaatan duroomaa akka dhufan ibsa, kunimmoo isas qabeenyasaa akka fedhe akka sochoosu gargaareera jedha.
Maallaqni kuni eessa taa’a?
Seenaan akka agarsiisutti qarshiin baayyeensaa biyya Qophiroos jedhamtutti kuufama- kunis haala gibiraa dureeyyota invastimatii qabaniif kennamuun hawwatamaniitii jedhama. Biyyi odolaa kanas ‘’Moskoo Meeditaraaniyaanii irra jirtu,’’ jechuun kan waaman jiru.
Akka ‘Atlantic Council’ jedhutti maallaqni Raashiyaa doolaara biiliyoona 36 tahu bara 2013tti qofa biyya kana galeera. Qarshiin kunis dhaabota ‘shell campanies’ jedhamaniifi maqaan waraqaarra jiran, waajira kan hin qabneefi abbaa qabeenyaa isaanii sirrii baruuf rakkisoo tahaniin darba ykn qabama.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2013tti, Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa biyya Qoophiroos kana herrega baankii dhaabota akka kanaa kumaan lakkaa’amaniin dhuunfataman akka cuftuuf amansiisee ture.
Biyyoonni odolaa ‘British Virgin Islands’ jedhamanis akkasuma lafa tujaaronni kunneen qorshii isaanii kaa’ani dha.
Gabaasni ‘Global Witness’ baaseen immoo bara 2018tti dureeyyiin Raashiyaa maallaqa doolaara biiliyoona 44.5 tahu iddoowwan baqa gibiraaf tolan kunneen keessa kaa’aniiru.
Maallaqa kana keessaa gariin magaalota gidduugala diinagdee tahan Niiw Yoorkii fi Landan galuun invastimeentiif oolee galii argamsiiseera.
Dhaabbani farra malaammaltummaa ‘Transparency International’ akka jedhutti qabeenya UK keessaa kan doolaara biiliyoona lama tahu dureeyyii Raashiyaa yakka qarshii wajjin wal-qabatuun himatamaniin dhuunfatama.
Bal’inni maallaqa seeraan ala kuufachuu Raashiyaa kuni bara 2014 dhaabbata Organized Crime and Corruption Reporting jedhamuun saaxilamee ture. Innis bara 2011-2014tti baankoti Raashiyaa doolaara biiliyoona 20.8 tahu dhaabota 5,140 tahaniifi biyyoota 96 irraa maallaqa seeraan ala argame seera qabeessa taasisuun harkatti galfataniiru..
Maallaqni kuni akkamiin dhokfama?
Karaan baramaa dureeyyiin Raashiyaa qarshii isaanii biyya alaatti dhoksan dhaabota lafa irra hin jirreefi maqaan waraqaarra jiraniin.
‘’Dureeyyiiwwan kunneen ogeessota seeraa, odiitaroota fi ogeeyyii baankii filatamoofi qaxalee tahan qacaruuun mala seera qabeessa tahe tolchuun maallaqa isaanii dhoksu akkasumas seeraan akka hin gaafatamne taasisu,’’ jedha ‘Atlantic Council’
‘’Dureessi tokko dhaabbata lafarra hin jirre garagaraa gatii qabaatuuf maallaqani isa tokko irraa gara isa biraatti saffisaan akka daddarbu taasisa.’’

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Sanadni ‘Panama Papers’ jedhamu odeeffanno bara 2016tti baaseen kaampaaniin tokko qofti dureeyyii Raashiyaaf dhaabota lafarra hin jirreefi maqaan qofa jiran 2,071 qopheessee ture.
Maallaqa dureeyyii kunneen saaxiluuf tarkaanfii akkamiitu fudhatamaa jira?
Raashiyaan Yukreen erga weerarteen booda biyyoonni maallaqa kana argachuuf tarkaanfii garagaraa fudhachaa jiru.
Ameerikaan garee ‘KleptoCapture’ jedhamu bobbaasuun maallaqa kana faana akka bu’u gochuuf jirti.
Gareen kuni Waajira Haqaan kan hogganamu yoo tahu maallaqa seeraan ala kuufame to’achuu taha jiruunsaa.
Mootummaan UK illee akkasuma qajeelfama namoonni madda qabeenya isaanii akka beeksisan ajaju jabeessuuf tarkaanfii fudhateera.
Manni murtii maddi maallaqaa abbaa tokoo maal akka tahe yoo hin beekamne akka hin sochoone ajaju isa dandeessisa.
Kana malees UK’n seera lammiileen biyya alaa qarshii guddaa biyyattii keessa yoo invast godhan mirga ykn eeyyama jiraataa akka argatan godhu haqxeetti.
Biyyi Maaltaa jedhamtus biyyoota dureeyyiin Raashiyaa qarshii isaanii dhoksuuf filatan yoo taatu paaspoortii ‘golden passport’ jedhamuuf jarri kunneen lammummaa akka bitan isaan dandeessisaa ture haqxeetti.
Bulgaariyaa fi Qophiroos illee tarkaanfii wal-fakkaataa fudhatanii jiruu.















