Waraana Yuukireen: Haleellaawwan saayibarii Raashiyaa warri Lixaa baay'ee sodaatan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Raashiyaan Ameerikaa irratti haleellaa saayibarii raawwachuuf karoorfachuu maddeen tikaa himuu ibsuun, dhaabbileen biyyattii keessatti argamanis 'karaa dijitaalii isaanii akka cufataniif' akeekkachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuunis aanga'oonni Yunaayitid Kingdam, Mooskoon warra Lixaa irratti qiyyaafachu akka dandeessu ibsuun tikawwan saayibarii hojiiwwan eegumsaa raawwachuu akka qabaatan akeekkachiftee jirti.
Haata'u malee US fi UK Mooskoon haleellaa Saayibarii jedhame kana raawwaachuuf karoorfachu isheetiif ragaa homaatu hin dhiyeessan.
Raashiyaan gamasheetiin himannaawwan kunneen 'jibba Raashiyaa irraa kan maddu' jetti.
Haata'u malee ogeessonni damee kanaa Raashiyaan kuusaa meeshaalee waraanaa qofaan osoo hin taanee haleellaa sayibaritiinis cimtuudha jedhu.
Raashiyaan bu'aalee teekinolojii haleellaa saayibarii raawwachuuf ishee dandeessisanii fi namoota odeeffannoo intarneetii hatuun miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda'an qabdi.
Dhaabbanni Nageenya Saayibarii Rapid7 jedhamurraa kan ta'ee Jeen Eliis, ''warri Lixaa Raashiyaarra qoqqobbiiwwan hedduu kaa'usaanii hordoofe akeekkachiifni haleellaa saayibarii Baayidan dhugaa ta'u danda'a,'' jedhan.
Haleellaawwan Raashiyaa warra lixaa yaadeessan kan itti aananiidha.
Annisaa gurraacha(BlackEnergy) - haleellaa bu'uuraalee misoomaa murteessoo irratti qiyyeeffatu
Yuukireen dirree leenjii haleellaa saayibarii taasifamuun fudhatamti.
Raashiyaan tilmaamawwan haleellaa saayibarii fi meeshaalee ishee sakatta'uuf (ilaaluuf) Yuukireen irratti haleellaawwan garaa garaa raawwattee jirti.
Bara 2015tti haleellaan saayibarii Raashiyaa BlackEnergy jedhame tajaajila ibsaa Yuukireen haalaan miidhee ture. Haleellaa yeroo muraasaaf tureenis maamiltoonni ibsaa Yuukireen kuma 800 ol ta'a dukkana keessatti dabarsuuf dirqamanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Haaluma walfakkaatunis haleellaan Raahshiyaan bara 2016 jiraattoota magaalaa Kiiyiiv ibsaa malee tursiiseera. US fi UKn ammoo haleellawwan kanaaf haakaroota odeeffannoo waraana Raashiyaa itti gaafatamtoota taasisaniiru.
''Raashiyaan haleellaa walfakkaataa warra Lixaa irrattis raawwachu dandeessi'' jechuun dubbatu oggeessi nageenya saayibarii lammii Yuukireen, Maariinaa Kiroorofiil.
Raashiyaan kana kan raawwattus deebiin warra Lixaa salphaa akka hin taane hubachaatuma. Kiroorofiil akka jedhaniitti, warri Raashiyaa neetiworkii misoomaalee bu'uuraa Raashiyaa keessa harkasaanii osoo hin galfatiin hin hafne.
Haleellaan Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yuukireen irratti raawwatte yeroo dheeraaf turu hin dandeenye ture. Miidhaan qaqqabsiisaniis baay'ee hin turre.
NotPetya - Badii to'atamuun hin danda'amne
'NotPetya' haleellaa saayibarii seenaa keessatti badii olaanaa qaqqabsiise akka ta'e himama.
Ameeeriikaa, UK fi Gamtaan Awuurooppaa haleellaa saayibarii kanaaf itti gaafatamaan haakaroota odeeffannoo waraana Raashiyaati jedhu.
Haleellaan kunis appiiwwan kompitarootaa Yuukireeniitti hojiiwwan herreegaatiif oolfaman irratti kan qiiyyeeffatee ture yoo ta'u, addunyaa guutuu irratti dhaabbilee kumaatamaan lakkaa'aman miidhee ture. Kanaanis miidhaan doolaara biiliyoona 10 qaqqabeera.
Akkasums haakaroonni odeeffanoo Kooriyaa Kaabaa haleellaa saayibarii walfakkaatu raawwachuun miidhaa qaqabsiisanii ture.

Madda suuraa, Webroot
Sababii vaayirasii kompitaraa 'WannaCry' jedhamuun kompitaroota kuma 300 biyyoota 150 keessatti argaman irratti miidhaan qaqqabeera.
Kanaan walqabatees tajaajilli Fayyaa Biyyaaleessaa UK beelamawwan wal'aansaa hedduu geeddaruuf dirqamee ture.
''Haleellaawwan akkasi kunis miidhaa olaanaafi tasgabbii dhabiinsa diinagdee qaqqabsiisuu malu. Badiinsa lubbuulleen qaqqabsiisuu malu,'' jedhu Jeen Eliis.
Haleellaa saayibarii sarara boba'aa
Haakaroonni odeeffannoo waggaa tokkoon dura ujummoowwan boba'aa (Colonial Pipeline) diriirsuun walqabatee bulchiinsoonni Ameerikaa hedduun labsii yeroo muddamaa labsuun isaanii ni yaadatama.
Haleellaa kananis dhiyessiin naafxaa, beenzilaafi boba'aa xiyyaaraa hir'achuun rakkoo cimaan mudatee ture.
Haleellaan kunis mootummaa Raashiyaatiin raawwatamu baatulleen garee DarkSide kanneen teessuuma isaanii Raashiyaa godhachuun haleellaa erga raawwataniin booda maallaqa gaafataniin raawwatamuutu himama.
Kompitaroota to'annoo ujummoowan boba'aa deebisanii to'achuuf garee odeeffannoo butuuf biitkooyinii doolaara Amrriikaa miiliyoona 4.4 baasutuu kanfalamee.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa ujummoowwan boba'aa irratti raawwatame torbanoota muraasaan booda, omishaa foonii addunyaa irratti beekamaa ta'ee irrattis haleellan rawwatameera.
Haleelaa Dhaabbata Ameeriikaa JBS jedhamu irratti raawwatameen gareen haakaroota deeffannoo REvil jedhaman kanneen Raashiyaatti argaman ta'u barameera.
Kanaanis Raashiyaan haakaroonni kunneen miidhaa olaanaa akka qaqqabsiisaniif ajaja kennuu dandeessi jechuun yaaddoon umameera.
Karaa haakarootaatiin haleellaa saayibarii raawwachuun bu'aansaa tokko Raashiyaan haleellaa kana keessaa harka hin qabu jechuun mormii kasuu isheeti jedhu Pirofesar Wudwaardi.
Deebiin Ameerikaa maal ta'u danda'a?
Miseensi Nato tokko haleellaa biyya irratti raawwatamuun lubbuun yoo badee ykn miidhaan olaanaa yoo qaqqabee keewwati Nato boqonnaan 5 hojiirra oolfama jedhan.
Haleellaan biyya tokkorratti raawwatamu akka kan miseensoota hafan hunda irrattis raawatameetti ilaalama.
Ogeessoonni kun ammoo Naton gara waraana itti seenuu hin barbadneetti galchu danda'a jedhu. Naton waraana keessa seenee jechuun deebiin kan ta'u biyyoota deeggartoota dhiyoo ta'an Ameerikaafi kaan irraa ta'a.
Pireezidant Baayidan akka kanaan dura dubbatanitti, Raashiyaan osoo haleellaa cimaa Ameerikaa irratti raawwattee, ''deebii kennuuf qophiin xumurameera.''














