Waraana Yuukireen: Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii dabalataa Raashiyaarra kaa'uufi

Madda suuraa, Getty Images
Hogganootni biyyoota Lixaa Roobii irraa eegalee qoqqobbiiwwan haaraa dabalataa Raashiyaarra kaa'uuf akka jiran Ameerikaan beeksifte.
Qoqqobbiin miilanaa dhaabbilee daldaala mootummaa Raashiyaa, aanga'oota mootummaa fi abbootii qabeenyaa mootummaan hidhata qaban irratti xiyyeeffata jette dubbi himtuun Waayit Haawus Jeen Saakii.
Tarkaanfiin kun "namoota siyaasaa karaa seeraan alaa qabeenya kuufatanifi waraana Puutiin deeggaran itti gaafatamoo taasisa" jette.
Erga tibbana Raashiyaan Yuukireen Buchaatti ajjeechaa gara jabinaa raawwachuun himatamuu eegaltee qoqqobbiiwwan dabalataa akka irra kaa'aman gaaffiin dhiyaataa ture.
Kantiibaan magaalaa Buchaa Kibxata galgaa BBCtti akka himetti humnooti Raashiyaa wayita magaalattii to'atanii turanitti namoota nagaa 320 ajjeesaniiru jedhan.
Magaalaa kanatti awwaalawwan jumlaa argamuun magaalota gurguddoo biyyoota Lixaa keessatti dheekkamsa kaaseera.
Jeen Saakii akka Kibxata gaazexeessitootatti himtetti qoqqobbiin ammaa kun inveestimatiin haraan kamuu gara Raashiyaa akka hin seenne dhorkuu kan dabalatu yoo ta'u, "humna mootummaa Raashiyaa laaffisa, miidhaa diinagdee hamaafi hatattamaa Raashiyaarraan gaha" jette.
Baankiin Raashiyaa maallaqa guddaa liqeessu Sberbank kanneen irratti xiyyeefataman keessaa tokko ta'uu akka danda'u barruun The Wall Street Journal gabaaseera.
Jeen Saakiin yaada irratti kennuu diddullee, miidiyaaleen Ameerikaa shamarran pireezidanti Puutiin lamaanis qoqqobamuu akka malan akeekaniiru.
Qoqqobbiiwwan kunneen Gamtaa Awurooppaa fi biyyoota G7 waliin ta'uun kan qindaa'an ta'uus Jeen Saakii himteetti.
"G7 fi Gamtaa Awurooppaa waliin qindaa'uun qoqqobbiiwwan jajjaboo Raashiyaa gatii baasisan, gama diinagdee, maallaqa fi teekinooloojiin caalaatti gadi buusan keenya," jedhan.
Kibxata Komiishiniin Awurooppaa qoqqobbiiwwan haaraa kaa'uuf yaada dhiyeessee ture. Kunis dhagaa cilee Raashiyaa dabalatee daldala mootummaa Raashiyaa, aanga'ootaa fi abbootii qabeenyaa mootummaa deeggaran irratti kan xiyyeeffatu.

Madda suuraa, Getty Images
Qoqqoobbiin dhagaa cilee Raashiyaa irratti xiyyeeffatu kan biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa 27 martinuu irratti waliigaluu qaban, yeroo duraaf dhagaan cilee Raashiyaa gara Awurooppaa akka hin seenne uggura.
Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa waggaatti dhagaa cilee yuuroo biliyoona 4 baasu Raashiyaa irraa bitu.
Biyoonni miseensa Gamtichaa akka Jarmanii kan haalaan anniisaa Raashiyaa irratti hirkatan qoqqobbii damee kanarratti fuulleffatu kaa'uuf rincicaa turan.
Haata'u malee ragaaleen humnoonni Raashiyaa yakka waraanaa raawwachuu agarsiisan bahuu booda miirri kun waan jijjiirame fakkaata.
Walgahii mana maree nageenyaa UN irratti Kibxata kan dubbatan pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin hogganoota Raashiyaa yakka waraanaa biyya isaa keessatti raawwataniin himatee, seeratti akka dhiyaatanis gaafate.















