Gabaan misaayelaafi boombii nuukileera bara 2030tti %73n akka dabalu qorannoon mul'ise

Meeshaa waraanaa Niikuleeraa

Madda suuraa, Getty Images

Gabaan misaayelotaa fi boombiiwwan nuukileeraa addunyaa waggootii 10 keessatti, sadarkaa amma 2020 keessa jiru irraa %73 dabaluun gabaa doolaara biiliyoona 126 akka ga’u, gabaasi Qorannoo Gabaa Allied tilmaame.

Akka dhaabbata qorannoo Poortilaand jiru kanaatti, yeroo sababa Covid-19 faandiin gara dame fayyaatti darbetti dameen ittisaa ‘hedduu miidhamee’ ture, bara 2020 keessatti doolara biiliyoona 73 kan ture gabaan kun %72.6’n ni dabala jedha.

Waldhabdeen siyaasaa akka dabalaa deemee fi baajatii waraanaa guddachaa deemuun isaa gatiin kun hanga 2030’tti wagga waggaan %5.6’n dabalaa deemuu akka malu qorannoo kan eeruun Rooyitars gabaaseera.

Pirezdaantiin US Joo Baayden torbe darbe baajata biyyaleessaa nagaa seena keessatti isa guddaa ta’e akka kennamuuf gaafateera. Baajati kun xiyyeeffannoo isaa dursaa miisaayeloota doonii bishaan jalaa, boombiiwwanii fi misaayelotaa lafaa kan nuukileera ta’an ammayyeessuu irratti taasisa.

Gaabasni kun meeshalee waraanaa nuukileera kan salphaatti xiyyaraan ykn miisaayeloota lafaan dhukaafamuu danda’aniif fedhiin gabaarra jiru dabalaa akka deemu tilmaamuun, kun gabaa kana akka dursu ibseera. Ta’us bara 2020tti gabaan misaayeloota doonii bishaan jalaan dhukaafamanii %25'n gabaa kana to’atee ture.

Bara 2020’tti Ameerikaan Kaabaa gabaa addunyaa walakkaa ol to’attee kan turte ta’us, guddinni gabaa kanaa gara fulduraatti caalatti biyyootii naannoo Ashiyaa-Paasifikii dursaan kan akka Indiyaa, Paakistaanii fi Chaayinaa kan kuusaa nuukileera isaanii guddisuu fedhan irraa akka dhufu qorannoon kun tilmaameera.

''Ta’us, waliigalteewwan idil-addunyaa fi seerootni adda addaa yaalii nuukileeraa hir’isaa jiru,'' jedha gabaasi kun. ''Kun guddina gabaa kanaa ni miidha.''

Dhiibbaan waliigalteewwan farra nuukileeraa fi yaaliin biyyootiin taasifamu, lakkoofsa meeshalee nuukileera kuusaa seenanii ykn diigamuuf dabaree eegani dabaluu akka danda’u ni tilmaamama.

Meeshaalee waraanaa atattamatti fayidaarra oolanii(active weapons) bara 2020 keessa gabaa meeshaa waraanaa harka olaanaa qabateera jedha habaasichi. Sababni ammoo inveestimeentii bittaa fiixeewwan dhukaa'aa niikuleeraati jedha.

Biriteen, Chaayinaa, Firaans, Raashiyaa fi US jalqaba wagga kanaatti ibsa waliini baasaniin waraanaa nuukileeraan injifataan hin jiraatu kanaaf hafuu qaba jedhaniiru.

Biyyootni hudhannoo Niikuleeraa qaban eenyu fa'i, hangam qabu?

Addunyaarratti biyyootni sagala meeshaa waranaa niikuleeraa qabu.

Isaanis Chaayinaa, Firaans, Indiyaa, Israa'eel, Kooriyaa Kaabaa, Paakistaan, Raashiyaa, US fi UK dha.

Raashiyaan dhuka'aa niikuleeraa 5,977 qabdii jedhamee kan tilmaamamu yeroo ta'u, Nato keessaa ammoo sadii US, Firaansiifi UK'n walitti 5,943 qabu.

Kana keessaa US dhukaa'aa niikuleeraa 5,428 qabdi.

Baayyina fiixee niikuleera dhuka'aa qabaniin kan itti aanan Chaayinaa, Paakistaan, Indiyaa, Israa'eelii fi Kooriyaa Kaabaati.