Badhaasa Giraamii 2022: Pireezidantiin Yuukireen badhaasa muuziqaa guddicha irratti haasawa jabaa taasise
Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin badhaasa muuziqaa guddicha Giraamii 64ffaa irratti haasawa viidiyoo durfamee waraabame taasiseen muuziqeessitoota addunyaatiin Yuukireeniif sagalee ta'aa jedhe.
"Muuziqeessitoonni keenya 'toksiidoo' (suufii) osoo hin taanee, uffata sibiilaa uffadhaa" jechuun sirbitoonni addunyaa bebbeekamoo akka Leedii Gaagaa fi Jastiin Biibar argamanitti dubbate.
"Warra madaa'anii hospitaala jiraniif sirbu, warraa isaan dhagahuu hin dandeenyeefillee yoo ta'ee muuziqaan cabsee seenuuf humna qaba" jedhe.
Callisa boombiiwwan Raashiyaatiin uumame muuziqeessitoonni muuziqaa isaaniitiin akka guutan waamicha dhiyeesse.
Bifa dandeessan kamiinuu nu gargaaraa, garuu cal jechuun miti. Callisa jiru muuziqaan bakka buusaa," jedhe.
Ergaan Zeleniiskii kan darbe weellisaan beekamaan Joon Leejendi wallee isaa 'Free' jettu wallisuun dura ture.
Weellisaan Ameerikaa beekamaan Joon Leejendi waltajjii irratti weellistoota Yuukireen Miikaa Niwutan fi Suzaanaa Igliidaniin dabaalamuun weellise. Dhiyeenya Yuukireen irraa kan baqatte Liyuubaa Yaakimchuuk ammoo walaloo dhiyeessite.

Madda suuraa, Getty Images
"Rain down freedom until we're all free" - "Hanga bilisoomnutti bilisummaa nutti roobsi" jechuun Joon Leejendi wayita weellisu suuraan namoota waraana Yuukireeniin miidhamanii mul'ataa ture.
Xumura wallee isaa irratti hirmaattonni sagantichaa buqqaatota Yuukireeniif akkamiin deeggarsa gochuu akka danda'an himameera.
Osoo Joon hin weellisiin dura kan dubbatan Zeleniiskiin, "callisa magaalaa barbadooftee fi namoota ajjeefamanii caalaa wanti faallaa muuziqaa ta'e maali?" jechuun gaafate.
"Waraanichi eenyu lubbuun ooluu akka qabuu fi eenyu callisa bara baraa keessa turuu akka qabu filachuuf hiree nuuf hin kennu" kan jedhe Zeleniiskiin, biyyi isaa bilisummaa ofii eeggachuuf lolaa akka jirtu hime.
"Jiraachuuf, jaalachuuf, dhagaahamuuf" lolaa jirra jedhe.
Wayita haasawa isaa goolabu dhiironnifi dubartoonni biyya isaatii "akkuma warra waltajjii Giraamii gubbaa jiranii bilisa akka ta'an" hawwii qabu ibsuuni.
Guraandhala darbe erga waraanni Raashiyaa Yuukireen weerareen as muuziqeessitoonni, pirodiyuusarootni fi DJwwan Yuukireen hedduun waraanatti seenanii jiru. Gariin ammoo waraanicha gabaasuu fi waraanaaf maallaqa walitti qabuun hirmaachaa jiru.















