Waraana Raashiyaa-Yuukireen: Akkamiin baqattoonni Yuukireen daldala saal-qunnamtiif adamfamaa akka jiran

Akka UN jedhutti namoonni miliyoona 10 ta'an sababa waraana Raashiyaan Yuukireen irratti banteef jiruu baqattummaaf saaxilamanii jiru.
Hedduun achuma Yuukireen keessa iddoo waraanni hin geenyetti yoo baqatan, miliyoona 3.5 kan ta'an daangaa qaxxaamuruun biyyoota ollaa jiru.
Sababa dhiirotni umurii ganna 60 gadii akka lolaniif dirqamni irra kaa'ameef kan biyyaa baqatan hedduun dubartootaafi daa'immani.
Baqattoonni ofiinuu rifaatuu keessa jiranii fi garam akka deemuu qaban qixaan hin beekne, orma ykn namoota arganii hin beeknetti siquuf dirqamu.
Waraana jalaa miliqaniiru ta'a garuu Yuukireeniin alattillee guutummaatti nageenyi isaanii kan eegame miti.
"Warreen nama adamsanii fi daddabarsaniif wanti Yuukireen keessatti uumame rakkoo miti," jedhan barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutereez tiwiitarii irratti. "Isaaniif carraadha - qiyyaafannaan isaanii ammoo dubartootaa fi daa'immani."
Daddabarsitoonni namaa waraana duras Yuukireenifi biyyoota ollaa keessa caasaa diriirfatanii socho'aa turan. Amma ammoo hurriin waraanaa daldala isaanii guddisuuf dawoo gaarii ta'eef.
Dhaabbata Mirgoota Namoomaa irratti hojjetu 'Homo Faber' jedhamu buufatni isaa Poolaandi magaalaa Luubliin ta'e keessatti qindeessituu kan taate Kaaroliinaa Weerzibiiniskaa akka jettutti daa'immaniif yaaddoo guddaatu jira.
Daa'imman kophaa isaanii imalan achi buuteen isaanii dhabame akka jiran himti.
Waahillan koo waliin ija keenyaan arguuf jecha gara daangaa Poolaandi-Yuukireen imalle. Achitti dubartoonta burjaaja'anii fi daa'imman booyan hedduu agarre.

Hedduun isaanii nyaatni fi dhugaatiin kennameefi jajjabeeffamaa turan. Garuu wanti hundi sirrii hin turre.
Shamarree Margareetaa Husmaanoov jedhamtuu ganna 20 keessa jirtu Yuukireen Kiyiiv irraa baqatte agarre. Erga iddoo daangaa geessee torbee lama ta'eera garuu achuma turtee baqattoonni akka ishee harka namoota dogoggoraa akka hin seenne gargaaruuf murteessite.
Miidhaa wayiif saaxilamuu akka dandeessu sodaa akka qabdun gaafadheen. Eeyyeen jettee naaf deebifte.
"Kanaafi kanan waa'ee nageenya isaanii yaadda'uuf. Dubartootaa fi daa'imman waraana hamaa baqatanii as dhufu. Afaan Poolaandi ykn Ingilizii hin dubbatan. Maaltu akka ta'aa jiru hin beekan waan ta'eef waanuma namni hundi itti himu amananii fudhatu.
"As namni kamuu dhufuu danda'a. Guyyaa jalqabaa asitti tola ooltummaa eegale, dhiirota Italii irraa dhufan sadi agarre. Dubartoota babbareedoo daldala saal-qunnamtiif gurguratan barbaadu turan.
"Poolisiin waamee, booda sirrii akkan ture mirkanaa'e. Agartee sodaa duwwaa miti. Haala hamaadha kan as jiru."

Akka Maargareetaan jettutti amma qondaalonni haala fooyyee qabuun qindaa'anii jiru. Poolisoonnis buufata baqattoonni itti simataman ni eegu.
Namoonni (irra hedduu dhiironni) torbanoota jalqabaa gabatee maqaa iddoowwan dhaquuf nama hawwisiisanii qabatanii achi dhaabbatan amma hin jiran.
Haata'u malee maddeen biroo irraa qulqulleeffachuun akka danda'ametti ammallee namoonni yaada badaa qaban uffata tola-ooltummaa uffatanii naannawa san socho'an jiru.
Eleenaa Mooskivitinaa hubannoo uumuuf jecha facebook irratti barreessiti. Amma nagaan Deenmaark kan geesse Eleenaan karaa Skype na waliin haasofte. Wanti ishiin keessa dabarte sodaachisaadha.
Ishii fi ijoolleen ishii Yuukireen irraa daangaa qaxxaamuruun Romaaniyaa seenan. Daangaa irraa konkolaataa isaan fudhatu eeggataa turan.
Namoonni tola oltota fakkaatan dhufanii eessa qubattee akka jirtu erga gaafataniin booda, deebi'anii dhufanii Siwiizarlaand biyya bareedaa akka ta'eefi achi deemuu akka qabdu akkasumas hanga achiitti konkolaataa dubartootaan guuteen akka ishee geessan itti himan.
Akka Eleenaan jettutti dhiironni kunneen ishii fi inatala ishiitti ija babaasaa waan turaniif, intalli ishii akka malee sodaattee akka turte himti.
Mucaa ishee dhiiraa kan kutaa biraa keessa ture akka itti agarsiiftu gaafatanii, erga sirnaan ilaalanii booda, isaan waliin malee nama biraa waliin imaluu akka hin qabne rincicuu himti.
Waraqaa eenyummaa isaanii akka itti agarsiisaniif yoo gaafattu aaranii dheekkamuu isaaniis himti.
Akka irraa deemaniif jecha dubartoonni kaan wayita konkolaataa guutan aka isaan waliin deemtu itti himte. Akkuma isaan bahaniin ijoollee ishee fudhattee baqatte.

Elzibeetaa Jarrmuliskaa dubartoota Poolaandi 650 qindeessuun baqattoota deddeebisuun gargaarsa kenniti.
Iddoo baqattoonni buufatan dhaqxee waraqaa eenyummaa qondaalotatti erga agarsiiftee booda, namoota gara magaalaa guddoo Poolaandi Waarsaaw deemuu barbaadan gaafatti.
Konkolaataan ishii osoo baay'ee hin turiin baqattootaan guute.
Baqattoota kana keessaa Naadiyaa fi ijoolleen ishii sadi ni argamu. Maqaa Masoo Elaa jedhuun kan beekamtu Elzibeetaa Jarrmuliskaa daa'immaniif bishaan, chokoleetii fi kiniinii wayita imalan akka isaan hin dhukkubne gargaaru kenniteefii imala eegalte.

Naadiyaan haleellaa qilleensarraa magaalaa keessa jiraataa turte Karkiiv irratti raawwatamaa ture baqattee baate.
Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarraniirra gahu raadiyoo irratti dhageessullee baqachuu malee filannoo hin qabdu turte.
Baqattoonni namoota akka Elaatiin daangaa irraa nagaan fuudhamanis sana booda rakkoon isaan hin mudatu jechuu miti.
Namoonni hedduun battala waraanni dhaabbateen gara qe'ee isaanii deebi'uu fedhanillee, baatilee itti aanan bakka bulan, waan nyaatan fi waan ittiin ofii fiijoollee isaanii gargaarsan barbaadu.
Kun ammoo rakkoof akka saaxiluu danda'a.
Dubartiin naannoo daangaatti dubbisne tokko kan ofii isheetii yeroo shamarummaa ishii daldala saal-qunnamtiitti seentee akka turte himtu, dubartoonni maallaqa yoo dhaban, nama isaan gargaaru yoo hin qabaanne salphaatti waan kanatti akka seenan gowwoomfamuu danda'u jetti.
Sababni ishiin tola ooltummaan dubartoota waraana baqatan gargaaraa jirtuufis kana ta'uu himti.
Amma jireenya sana keessaa baateetti, ijoolleen ishii seenaa ishii kana akka beekan waan hin feeneef maqaa himachuu hin barbaadne.
Gamtaan Awurooppaa baqattoota kana gargaaruuf, ijoolleen isaanii barnoota akka argatan gochuuf murteessee jira.

Biyyoota akka Polaandi, Jarmanii fi UK keessatti namoonni hedduun baqattoota karra isaanii bananii simachaa jiru. Hunduu garuu gaarummaaf qofa miti.
Dubartiin Yuukireen Jarmanii Duesedoolfitti mana namicha tokkoo buufatte, abbaan manichaa waraqaalee eenyummaa ishii ergaa humnaan irraa fudhatee booda mana akka qulqulleessituuf ishii dirqisiisuu facebook irratti barreessite.
Saal-qunnamtii waliin gochuufis gaafatee ishiin didnaan mana isaatii akka ari'e barreessite.
Poolaanditti dhaabbata miti-mootummaa daddabarsa namoomaa dhaabsisuuf hojjetu 'La Strada' jedhamu damee Warsaaw kan hoggantu Ayiriin Deevid taateewwan akka kana waraanni jiraatus jiraatuu baatus hedduu fi baratamoo ta'uu himti.
Haata'u malee waraanni wayita jiraatu ammoo dubartoonni burjaaja'anii waan baqataniif miidhaan gahu akka malee dabala jetti.
Shamarran kunuunsaa fi qananii fedhu, kun salphaatti kiyyootti akka kufan isaan taasisa jetti.
Shamarran Yuukireen hedduun intarneetii irratti dhiirota hin beekneen gara biyyoota akka Meeksiikoo, Tarkii, UAE fi kaan akka imalan afeerraan godhamuuf akka malee dabaleera jetti Ayiriin.
Tikeetiin xiyyaaraa bitamee ergamaaf, kennaawwan adda addaan gowwoomfamu jetti.
Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa aanga'oonni biyyoota Awurooppaa baqattootni kun rakkoo gara garaaf akka hin saaxilamne eegumsaa fi gargaarsa gochuu akka qaban gaafatu.














