Maalii fi 'loltoonni Raashiyaa' namoota 300 jumlaan fixan jedhe Hiyuuman Raayitis Wach

Loltoota Maalii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Maalii waggoota 10 darbaniif hidhattoota 'Jihaadistoota' ofiin jedhaniin lolaa jiru

Loltoonni Raashiyaa bitamanii hojjetan jedhamaniifi Maaliin, wayita hidhattoota garee Islaamaa ofiin jedhanirratti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa turanitti namoota 300 ta'an jumlaan fixaniiru jedhe dhaabbati mirga dhala namaaf falmu, Hiyuuman Raayitis Waach (HRW).

Ajjeechaan kun wayita oppireeshiniin garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhan irratti adeemsifamaa ture, ji'a Bitootessaa darbe guyyoota afur keessatti akka raawwate jiraattota irraa dhagahuu HRW himeera.

Namoonni kunneen bakka tokkotti jumlaan ajjeefamuusaaniin dura gareedhaan kudhan kudhan ta'anii oofamaa akka turan HRW adda baafadheera jedhe.

Namni ajjeechaa kana argee fi yeroo ajjeechaan raawwatu achi ture akkas jedhe: ''Battala sanatti shororkaa'een ture, daqiiqaa daqiiqaadhaan, sekondii sekondiidhaan yoom dabareen na ga'a jedheen rifadhee hiraarfamaa ture.

''Erga akka deemnu nutti himameellee shakkaan ture. Bakka biraa nu geessuuf natti fakkaate.''

"Wayitan bakka sanaa deemutti harka koo lamaan laphee koorra kaa'een qilleensa harganuu dhaabee rasaasa na rukutu eegaa ture. Amma rasaasa natti gadhiisuu jedheen duubaan eegaa ture,'' jechuun dabalee sodaa battala sana ture hime.

Humni waraanaa Maalii bakka ''quubsuma shororkeessitooti'' jedhamtu Moura keessatti shororkeessitoota adamsuu keessaa namoota 200 caalan ajjeesuu amaneera.

Juuntaan biyya Lixa Afrikaa, Maalii, garuu garee hidhattoota Raashiyaa bitamanii lolan, Wagner, irraa loltoota gargaarsaan argachuun lootee seentota loluuf itti dhimma bahuu haaleera.

Kibxata har'aa (Ebla 05, 2022) biyyoonni akka Jarmanii, US, Firaans akkasumas Gamtaan Awurooppaa walta'uun taatee naannawa Mopti, ganda Moura keessatti mudate irratti qorannoon qaama walabaan akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Akkasaan jedhanitti qorannoon gaggeeffamu loltoota UN ergama nagaa eegsisuuf Maalii jiranis ni dabalata.

HRW ibsa isaa keessatti kanneen yakka kana raawwatan namoota hidhaman ''itti karoorsanii jumlaan ajjeesan,'' jedhe.

"Yakka suukanneessaa, waggaa kurna keessatti mudatee hin beekne kanaaf mootummaan Maalii itti gaafatamuu qaba. Loltoota Maaliitiinis ta'e michootasaanii biyya alaatiin raawwatamus itti gaafatamummaan kan mootummaa Maaliiti.''

HRW bakki namoonni jumlaan itti ajjeefaman, Mourna, to'annoo garee al-Qaa'idaa jala jirti jedhe.

Namoonni HRW dubbise gariin kan ajjeefaman miseensota al-Qaayidaati jedhu, namoonni hedduun garuu kanneen keessaa hin qabneedha jedhan.

Kaan ammoo ajjeechaa kun saba fooyee kan raawwateedha jedhu. Saba Fulanii jedhamu kanneen heddumminaan Muslima ta'anii fi tikfattoota ta'an irratti kan qiyyaafateedha jedhan.