Waraana Raashiyaa: Loltootni Raashiyaa Kiiv guutummaatti gadhiisanii bahuu Peentaagoon mirkaneesse

Dubartii magaalaa Borodiyaankaa

Madda suuraa, Getty Images

Loltoonni Raashiyaa naannolee Kiiv fi Charniiv keessaa guutummaatti bahuu isaanii qondaalonni ministira ittisaa Ameerikaa (Peentaagoon) mirkaneessan.

"Humnoonni Raashiyaa dhiyeenya Kiiv fi Charniiv turan guutummaatti naannicha gadi dhiisanii bahuun, Beelaaruus fi Raashiyaa keessatti gurmuu jabeeffachuufi," jechuun qondaalli Peentaagoon Roobii gaazexeessitootatti hime.

Dubbi himaan Peentaagoon Joon Kirbii boodarra "naannawa Kiiv fi Charniivitti humnoota Raashiyaa argaa hin jirru" jedhe. Itti dabaluunis pireezidant Vilaadimiir Puutiin "galmoota tarsiimowaa isaa keessaa homaatuu hin milkeessine" jedhe.

Ameerikaan marroo hedduuf meeshaa waraanaa fi maallaqaan Yuukireeniif deeggarsa kan goote yoo ta'u, amma meeshaa waraanaa farra taankii fi xiyyaara waraanaa ta'e salphaatti dugdatti baatamu 'kamikaze' jedhamu irratti lammilee Yuukireen US keessa jiran leenjisaa jirti.

Oduun humnooti Raashiyaa naannawa Kiiv fi Charniiv keessaa baate jedhu kan dhagaahame wayita biyyattiin gara Baaha Yuukireen naannoo Donbaas irratti akka xiyyeeffattu beeksifteen booda.

Loltoonni Raashiyaa naannawa Kiiv gadhiisanii bahan turanii deebi'u moo achumaan hafu kan jedhu wanti adda bahe hin jiru.

Qondaalli Peentaagoon maqaa osoo hin himatiin gaazexeessitootaaf yaada kenne kun akka jedhutti Raashiyaan kutaa waraanaa 130 gara Yuukireen kan bobbaafte yoo ta'u, 80 kan ta'an ammallee Yuukireen keessa jiru.

APn qondaala kana waabeffachuun akka gabaasetti loltoonni Raashiyaan naannawa Kiiv fi Charniiv keessaa baafte 24,000 ta'u.

Raashiyaan loltoota ishee naannawa Kiiv fi Charniiv keessaa haa baaftu malee gama Bahaatiin haleellaa cimsitee jirti.

Naannoleen Baaha Yuukireen lamaan jalqaba waraana kanaa irratti Raashiyaan beekamtii walabumma kenniteef Doneeshk fi Lunaask dhibbeentaa 90 ol harka humnoota Raashiyaa fi finciltoota Raashiyaan deeggaramanii galeera.

Naannoon wiirtuu Industirii Yuukireen jedhamee kan beekamu yoo ta'u, Yuukireen naannolee kana keessatti waggoota saddeetoof finciltoota Raashiyaan deeggaraman waliin lolaa turte.

Loltoonni Yuukireen achii qabdu gameeyyii fi meeshaas sirnaan kan hidhatan ta'anillee, Raashiyaan xiyyeeffannoo ishii guutummaatti gara kana deebisuun marfata keessa galfattee haleeluu dandeessi yaaddoon jedhu jira.

Haleellaa Raashiyaa kana sodaachuun namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Donbaas (Doneeshk fi Lunaask) keessaa baqachaa jiru. Aanga'oonni namoonni waraanni osoo hin hammaatiin akka bahan jajjabeessaa jiru.

Humni waraanaa Yuukireen loltoonni Raashiyaa sarara ittisaa Yuukireen Doneeshk jiru cabsuuf wal gurmeessaa akka jiran ibse. Magaalaa Maariyupool guutummaatti to'achuuf yaalii gochaa jiraachuus hime.

1px transparent line

Gama kaaniin:

  • Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin biyyoonni Awurooppaa guutummaatti boba'aa Raashiyaa fayyadamuu akka dhaaban gaafataniiru.
  • Ajjeechaa buchaa hordofee Raashiyaa miseensummaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN (UNHRC) keessaa haquuf miseensonni mana marichaa sagalee kennuuf jiru. Yaada Ameerikaan dhiyeessite kana Raashiyaan kan mormite yoo ta'u, biyyoota miseensa ta'an 47 keessaa harki 2/3ffaan yoo deeggare Raashiyaan miseensummaa keessaa haqamti.
  • Ajjeechaa Buchaatti humnooti Raashiyaa raawwataniin wal-qabatee Kaanadaan ambaasaaddara Raashiyaa Kaanadaa jiru waamuun gaafachuufi.
  • Ameerikaan waraana Yuukireen irratti Indiyaan michoomaan Raashiyaa waliin akka hin dhaabbanne akeekkachiifte. Raashiyaa waliin michooma tarsiimowaa ifa ta'e qabaachuun indiyaa gatii guddaa fi yeroo dheeraa turu kafalchiisa jedhann gorsaan Joo Baayidan.
  • Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin qoqqobbiin haarsaa Raashiyaan bilisummaa ishiif jecha kafaltudha jedhan.
1px transparent line

Waraana Raashiyaa fi Yuukireen guyyaa 42ffaa Suuraan

Magaalaa Borodiyaankaa humnoonni Yuukireen deebisanii to'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Borodiyaankaa humnoonni Yuukireen deebisanii to'atan
Gamoowwan manneen jireenyaa jijjigan - magaalaa Borodiyaankaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan manneen jireenyaa jijjigan - magaalaa Borodiyaankaa
Jiraattota Buchaa karaa irra deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota Buchaa karaa irra deeman
Buchaatti haadha awwaala ilma ishee biratti boochu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buchaatti haadha awwaala ilma ishee biratti boochu
Lammilee Yuukireen daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti Ameerikaa seenuuf eeggataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Yuukireen daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti Ameerikaa seenuuf eeggataa jiran