Waraana Yukireen: 'Mucaankoo xiqqaan boru waan nyaatamu yaadda'uun daabboo dhokse'

Naadiyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaafi ijoolleen ishee sadii magaalaa Maarupool kan torban sadiif marfamte keessaa bahan

Magaalaa Yukireen marfamte Maarupol keessatti jiraattonni kumaatamni ibsaa, bishaaniifi gaazii malee danqamanii jiraatu. Jiraattootaaf deeggarsa qaqqabsiisuufi kaan baasuuf daandiin akka saaqamuuf yaaliiwwan hedduun taasifaman osoo hin milkaa'in hafan.

Warra baqachuu danda'an, keessattuu daa'imman isaaniif dararamni isaa baayyee cimaadha.

Naadiyaa Denysenkoo ijoollee ishee waliin torban booda Maarupool keessa baqatte. Jalqaba kan raawwatanis daabboo, bishaaniifi kan ittiin nyatan bitatan.

Haleellaa walitti fufiinsaan magaalattii irratti humnootii Raashiyaatiin raawwatamuun foddaan mana saanii cacabee ture. Guyyoota baayyeef waan muraasa qofa nyaataa turan. Bishaan dhugaatii ammoo hinturre.

''Bishaan qaruuraa argachuutti baayyee gammadne. Sakandiidhuma keessatti dhugnee fixne,'' Naadiyaan taatee wayita nagaan ijoollee ishee dhiiraa lamaa (kan waggaa 14 fi 5) fi intalashee (kan waggaa 12) waliin maatii bira geessee yoo yaadattu.

''Wayita waraanni eegaluutti mucaankoo inni xiqqaan 'Harmee daabboo naaf kenni' naan jedhe.''

Guyyaa keenyaa cimaa duuba, alkan ammoo gamoowwan jala dhokatanii dabarsu turan. Sababii dhukaasa cimaa dhagahamuutiin kan rafee buluu hin jiru jetti.

''Baayyee cimaa ture. Si'ool ture,'' jetti Naadiyaa dubartiin waggaa 39 fi kan magaalatii keessa bakka gabaa keessa hojjataa turte. ''Guyyaa kee kan jiraattuu ganama isaa maal akka si mudachu danda'u osoo hin beeknedha,'' jetti.

Yaaliin humnootiin Raashiyaa Maarupool to'achuuf taasisan gama loltoota Yukireen irra deebii cimaatu mudate. Haleellaa karaa samii, lafoofi galaana irraa humnootii Raashiyaatiin raawwatameen, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeeffamaniiru. Amma daandiiwwan, gamoowwan, hunduu daaraatti geedarameera.

''Haleellaa cimaa nurratti raawwataa turan. Eenyuufuu of eeggannoo hin taasisan ture.... Mucaankiyya 'dhohiinsii maalii ta'aa jiraa? jedhe na gaafate,'' jetti Naadiyaan.

''Anis 'omaa hin yaadda'iin, hojii wayitu hojjatamaa jira' jedheen.''

Naadiyaafi ijoollee dhiraa ishee lamaan
Ibsa waa'ee suuraa, Mucaan Naadiyaa xiqqaan ''Maaliif nu ajjeessuu?'' jedhee gaafataa ture

Wayita magaalaa keessa turaniitti, ollaawwan nyaata qaban xiqqoo daandiirratti bilcheessaa turan.

''Sababii manarra alli ho'uuf yeroo baayyee aluma teenya turre,'' jetti Naadiyaan. Guyyoota dhumaa isaanii lamaa keessattis, waan nyaataa omaa dhabanii ture.

''Maallaqa hanga barbaadde qabaattulleen magaalaa keessatti nyaanni bitachu dandeessu omtu hin turre.''

Jalqaba magaalaa keessaa bahuuf wayita yaalaniitti, konkolaataawwan baayyee arguun kan namoota baasa jedhanii yaaduun gara sana dhaqan. Isaanis ni haleelaman. ''Kaayyoodhumaan raawwatama ture,'' jetti.

Sababii namni wayi Naadiyaafi ijoollee ishee gara gamoo haleellameetti isaan dhiibeef xiqqoof lubbuun hafu himti.

''Wayita bakkichaa deemnuttis waan baayyee gaddisiisaa agarre.'' Konkolaatawwan miisaa'eliin haleelamaniiru. Konkolaachisaan, loltuun maatiisaa magaalaa ala baasuuf tures mataarra dhahameera.

Naadiyaafi warri kaanis waliin ta'uun nama miidhame sana gara lafa gamoo jalaatti geessan. Hakimiin waan hin jirreefu lilmoofi kirriidhuma kaaniitti fayyadamuun intalli tokkoos madaa isaa hodhiiteef.

"Erga kana hunda agarreen booda gara manaa erga deebiine, mucaankoo xiqqaan akkas jedhe na gaafate, 'Maaliif nu ajjeessuuf yaalaa jiruu?' jetti

"Maal itti himuun danda'a kanaaf? Sababii isaa hin beeku.''

Naadiyaa ijoollee ishee lama waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaan ijoolleen ishee waan keessa darban dandamachu ni danda'u ta'a jettee yaaddi

Guyyaa tokkoon booda gaafa Bitooteessa 17, magaalaa keessaa konkolaataawwan dhunfaatiin bahu danda'an. Jalqabas mandara Mangush jedhamtu qaqaban. Achiin gara Beerdyaansk kan humnoota Raashiyaan to'atamte gahan.

Achirraa atobisii yaabbachuun gara Zaaporizhiyaa deeman. Daandiinis buufataalee sakata'iinsaa loltoota Raashiyaa ykn humnootii rephee loltootaa Raashiyaan deegaramutiin guutamu himti.

''Nu sakkata'an, keessattuu dhiirootaafi bilbila harkaa keenya,'' jetti. Waan kana beektuufu suuraawwan Maarupool kaafte hunada dursa balleesu himti.

''Yoo magaalaadhaa baanutti, dhoqeen makamee ufannii koo baayyee xuraa'ee ture. Hin dhiqanneen ture. Bakka bishaan dhugdu hin qabneetti waa'ee dhiqachu yaaduu hin dandeessu.''

Isaan boodas Zaaporizhiyaa hanga Lviiv kan lixa Yukireeniitti argamtu gahuuf guyyoota shan itti fudhachu himti. Kunis bakka irra caalaa haleellaa Raashiyaaf hin saaxilamneedha.

''Amma nagaa qabna, nyaatas bitachu ni dandeenya. Garuu mucaan kiyya ammalleen nyaataa akka daabboo,mi'ooftuu fa'i oolkaa'a. Innis kutaa mana keessa jiraannu bakka garaa garaa olkaa'a,'' jetti.

Isheenis 'Maaliif? jettee wayita gaafateetti, ''Boru waanan nyaadhu akkan qabaadhuuf'' jedhe jetti.

Naadiyaa suuraa ofiishee Maarupool keessaa agrsiisaa
Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaan suuraa ishee Maarupool keessaa agarsiifti: ''Magaalaa keenya barbadeessan, kan hafe omtu hin jiru''

Naadiyaa ijoolleen ishee waan keessa darban kana irraa ni dandamatu jettee yaaddi. Naadiyaan intala gaaffiifi deebii BBC waliin taasifte kanaaf waliin dhufuu diddee takka qabdi.

Isheenis kan namaan waliin galtu taatulleen hanga ammaatti magaalaa haaraa keessa jiraniitti hiriyyaa hin horanne.

Isheenis guyyaa tokko erga waraanni dhaabbatee magaalattiin deebiite ijaarameen booda gara Maarupooliitti deebii'u barbaaddi.

''Magaalaa keenya barbadeessaniiru. Kan hafe omtu hin jiru... Magaalattiin miidhagduu fi baayyee guddaa turte. Baayyee bareedduu turte,'' jetti. Wanti magaalaa sana keessa hin turre tokkichii McDonaald qofaa ture jetti Naadiyaan.

''Kun hundi maaliif akka ta'ee naaf galuu hin dandeenye. Maaliif kana raawwatu?''

Gabaasaaleen dabalataa Orysia Khmimiak fi suuraawwan Romaan Golovchak'n

line

Odeessaalee waraana Yukireen biraa: