Waraana Yukireen: Joo Baayiden deeggarsa waraana Yuukireniif dolaara biliyoona 33 Kongirensii gaafatan

Baayiden

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, "Raashiyaan weerartuudha...akka itti gaafataman gochuuf dirqama qabna,'' jedhan Baayiden

Pirezidaanti Joo Baayiden deeggarsa Yukireeniif kan oolu dolaara biliyoona 33 tahu Kongirensiin biyyattii akka raggaasisuuf gaafatan- Kunis deeggarsa waraanaa, dinagdeefi namoomaaf kan oolu yoo tahu, dubbii isaaniin ammoo Ameerikaan Raashiyaa ''waraanaa hin jirtu'' jedhan.

Baayiden seera baastonni US waliigalticha raggaasisuun ''murteessaadha'' jedhanii Yukireen ofirraa akka ittistuuf oola jedhan.

Deegarsi akka raggaasifamuuf dhiyaates dolaara biliyoona 20 ka tahu, waraanaaf, dolaara biliyoona 8.5 kan tahu dinagdeef akkasumas dolaarri biliyoona sadii ammoo deeggarsa namoomaaf kan ooludha.

''Kun rakasa miti'' jedhan Baayiden guyyaa Kamisa kaleessaa yoo dubbatan. ''Garuu akka humnaan seenan kan eeyyamnu yoo tahe kana caalaa gatii nama baasisa.''

US Yuukireeniif deeggarsa akka gootu beeksiftu iyyuu kun deeggarsa isa guddaa taasiftedha. Baayiden akka jedhanitti deeggarsi US Yuukireeniif gama waraanaan taasifte taankii Raashiyaan gara Yuukireenitti galchite tokko tokkoo isaaf farra taankii kudhan, kudhan gumaachite.

Dubbii jabduu taasisan irratti gama biraan US, Raashiraa waraanaa hin jirtu jedhan. ''Yuukireen akka haleellaa hamaa Raashiyaa of irraa ittistu deeggaraa jirra,'' jedhan.

Kamisa kaleessaa dubbii himaan Ministera Dhimma Alaa Raashiyaa, deeggarsi waraanaa biyyoota Lixaa Yuukireeniif godhan, nageena ardichaaf'' yaaddoo guddaadha jedhan.

Deeggarsi amma Baayiden Kongireensin biyyattii akka raggaasisaniif gaafatan dachaa deeggarsa kana dura waraanaafi deeggarsa namoomaaf US baasii gooteeti.

Pirezidaantiin US kun doorsisa ifa hin taane Putiin biyyoota dhimma Yuukireen gidduu galan irratti haleellaa niwukileera fayyadamuu danda'a jedhaniin akka hin raafamne agarsiisuuf deeggarsa itti fufan.

Baayiden waa'ee deeggarsa maallaqaa kana lammiilee Ameerikaaf yoo ibsan- amma yeroo namootni hedduun qaala'insa jireenyaan rakkataa jiran keessa, waan rakasaa tahuu baatus homaa gochuu dhabuun ammo kana caalaa gatii waan nama baasisuufi jedhan.

Karoorri dabalataa qondaalotni US qabeenya abbootii qabeenyaa Raashiyaa Ameerikaa jiruu ugguruu qofa osoo hin taane mootummaan saamuun deeggarsaaf oolchuuf karoorfameera, garuu kun garee siivilii US biratti yaaddoo kaaseera. Garuu Kongiansiitti paartii lamaan irraa waan deeggarsa argatudha.

Doorsisa Raashiyaan qaama dhimma Yuukireen gidduu seene irratti haleellaa niwukilera raawwachuu akka dandeessu ibsite ilaalchisee Baayiden,

''namni tokkoyyuu itti fayyadama niwukileraa irratti dubbii gatii hin qabne dubbachuu hin qabu'' jedhan.

Mootummaan Kanaadaas qabeenya abbootii qabeenyaa Raashiyaa biyya isaanii keessaa bifa kamiinuu jiru kaan gurguruun deeggarsa Yuukireeniif oolchuuf hojjechaa jiru.