Waraana Raashiyaa-Yuukireen: Nato'n loltoota hedduu gara Baha Awurooppaa ergaa jiraachuu ibse

Jens Stoltenberg

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg, loltoonni hedduun gara Hangarii, Siloovaakiyaa, Bulgaariyaa fi Romaaniyaa ergamaa jiru jedhan

Barreessaa Olaanaan Nato Jens Stoltenberg akka jedhanitti jaarmiyaan kun addunyaa gara bahaa keessaa loltoota qabu dabalaa jira.

Aanga'aan Nato kun kana kan dubbatan, weerara Raashiyaan yuukireen irratti raawwataa jirtu irratti yaa'ii atattamaa taa'amuuf jedhu dursuuni.

Loltoonni dabalataa gara Hangarii, Siloovaakiyaa, Bulgaariyaa fi Romaaniyaa ergamaa jiraachuu himan.

Nato'n deeggarsa Yuukireen irratti waliigala kan jedhan qondaalli kun, keessaahuu haleellaa meeshaa waraanaa keemikaalaa, baayoloojikaalaa fi niwukilaraa Raashiyaan fayyadamuuf aggaamaa jirtu dura ni dhababata jedhan.

Pireezidantiin US Joo Baayidan marii atattamaa dhimma weerara Raashiyaa Nato'n gaggeessuu irratti hirmaachuu fi dhimmoota kaan irratti hooggantoota Awurooppaa waliin walarguuf gara Biraasels imalaa jiru.

Awurooppaa wayita ga'anittis qondaaltota michuuwwan isaanii waliin mari'achuun qoqqobbii dabalataa namoota siyaasaa fi tujaarota Raashiyaarra kaa'uuf akka jiran ibsameera.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa US Jake Sullivan aanga'oonni biyyoota miseensa G7 qoqqobbii kaa'amuuf jedhu tumsuun akka hojiitti hiiikan nan abdadha jedhan.

Sochiin aanga'oota lixaa kun bifa haaraan kan eegale erga Pireezidantiin Yuukireen Volodymyr Zelensky, paarlaamaa Firaansiif ibsa kennaniiti.

Pireezidantichi kubbaaniyyaawwan Firaansi kanneen Raashiyaa keessa jiran hundinuu akka dhiisanii ba'an gaafatan.

Gabaasaaleen ba'aa jiran akka mul'isanitti dhiheenya kana Israa'eel Raashiyaa waraanatti kakaasa sodaa jedhuun mosaajjii (software) Pegasus jedhamu Yuukireenitti gurguruu diddeetti.

Loltoonni Nato 40,000 ta'an qarqara addunyaa gara bahaa buufatanii jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Nato 40,000 ta'an qarqara addunyaa gara bahaa buufatanii jiru

Aanga'aan Nato Aab Stoltenberg hooggantoonni kamisa har'aa (24,03,2022) walga'uuf jiran Naton gama hundaan caasaa isaa gara bahaa akka cimsatu ni deeggaru jedhan.

''Waraana lafoo, qilleensa keessaa fi galaana irraan Nato cimsuuf hojjenna,'' jedhan.

Nato'n addunyaa gara Bahaa, naannawa Baltik irraa ka'ee hanga Black Sea ga'utti loltoota 40,000 qaba.

"Gara tarkaanfii atattamaatti wantoonni nu geessan hedduudha. Nageenyaaf jennee dubbiin badaa jira,'' jechuun gaazexeessitootatti himan qondaalli Nato kun.