"Space Rangers": Wiirtuu Humna US misaa'ela gola addunyaa kamirraayyu dhukaafame adda baasuu danda'u

Kutaa iskiriinii kompiwuutaraan guutame kan qarqara magaalaa Deenver, Koloraadotti argamu keessatti, miseensi hojjettootaa dhiiraafi dubartootaa yuunifoormii uffatan sagalee ol kaasanii wacu.
"Yamanii dhuka'e!" gareen kunis dafanii sagalee tokkoon, "Copy, launch Yemen" jedhee deebii kenna.
Humna qilleensaa Ameerikaa keessatti loltoota osoo hin taane eegdota yookaan ammoo 'Rangers' jedhamanii beekamu.
Buufata naannoo magaalaa Deenver, Koloraadotti argamu taa'anii, addunyaa irratti bakka kam irraayyuu misaa'ela furguggifamuu hordofuufi bakka irraa furguggifame kaasee hanga dhaqee bakka haleeluu malutti hordofuu danda'u.
Dhiheenya kana gareen BBC kutaa hojii akeekkachiisa fi hordoffii misaa'elaa Buufata Humna Qilleensaa 'Buckley', bakka giddugaleessa sirna ittisa hawaa Ameerikaa, sa'aatii 24 hojjetu kan namni hundi seenuuf carraa hin arganne akka seenuu hayyamameefiira.
''Nuti gaazexeessitoota idil-addunyaa jalqabaa kutaa hojii akeekkachiisaa fi hordoffii misaa'elaa humni qilleensaa Ameerikaa seenne yoo taanu, hojjattoonni kutichaa iskiriinii gurguddaa kaartaafi daataa toora saatalaayitoota waraanaa dachii naanna'an agarsiisaniin marfamaniiru.
Eegdonni kunneen yeroo misaa'elli furguggifamu mallattoo ho'a 'infra-red' kan jalqaba adda baasudha. Yeroo muraasa booda iyyi biraatu jira, "Iraanii dhuka'e", itti aansee ammoo sagalee "Copy launch Iran" jedhu ni dhaga'ama.
Yeroo kana, shaakalaa jiran. Garuu ji'a darbe dhugaadhaan hojjechaa turan. keessumaa yeroo Iraan haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti raawwataniif deebii kennuudhaaf gara buufata waraanaa Ameerikaa Kaataar keessatti argamutti misaa'ela dhukaaste hojii muddamaa keessa turan.
Koloneel Anne Hughes miira guyyaa sanaa ''ulfaataadha'' jechuun ibsu. Haleellaan sun raawwatamuuf akka deemu dursanii odeeffannoo waan argataniif misaa'eloota Iraan sana hordofanii ergasii odeeffannoo sana humna ittisa qilleensaa lafarra jiruuf dabarsuu danda'aniiru.
"Dhuma irrattis dataa barbaachisuufi hojjettoota achi turan baraarre," jechuun akkamitti akka boqonnaa argatan ibsite

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koloneel Anne Hughes waggoota dhiyoo asitti kutaan isaanii garmalee hojiin itti baay'atee waraana Baha Giddugaleessaa fi Awurooppaa keessatti gaggeeffamaa jiru hordofaa akka ture dubbatti.
Yukireeniif akeekkachiisa kennaa turuu isaanii yeroon gaafadhu, Koloneel Hughes akkas jedhan; "humnoota Ameerikaafi michuuwwan ishee hundaaf akeekkachiisa misaa'elaa tarsiimoo fi tooftaa ni kennina" jechuun deebisan.
Ameerikaan Yukireeniif akeekkachiisa kennuu ishee ifatti hin mirkaneessine, garuu haleellaa Raashiyaa irraa dhufuuf jiru dursitee Kiiviif beeksisuu hin ooltu.
Buufanni humna hawaa Buckley mul'ata prezidaant Doonaald Tiraamp sirna ittisa misaa'elaa Ameerikaa, kan 'Golden Dome' jedhamuun waamamu keessatti gahee murteessaa qaba.
Sagantaa guddaa kanaaf doolaara biiliyoona 175 tu ramadeera, kunis sirna ittisa qilleensaa Israa'el 'Iron Dome' irraa kaka'umsa argateera. Garuu baasii isaa ramaddii Tiraamp caalaa baay'ee akka ta'e amanama.
Haata'u malee, meeshaaleen bu'uuraa golee kanaaf barbaachisan duraanuu Buufata Humna Qilleensaa Buckley keessatti kan jiran yoo ta'u, "raadooroonni" gurguddoon kubbaa goolfii gurguddaa fakkaatanii dishiiwwan saatalaayitii ulfaataa ta'an kanneen neetworkii saatalaayitii waraanaa waliin walqunnaman qaba.
Tarreewwan saatalaayitii kunniin dambalii raadiyoo urjii "supernova" boba'aa waggaa ifa 11,000 fagaatee jiru irraa milkaa'inaan fudhataniiru.
Ajajaan human qilleensaa Ameerikaa Letenaal Jeneraal Deeviid Miilar misoomni Golden Dome, kan sadarkaa jalqabaa irra jiru, balaa guddaa naannoo U.S. irratti dhufuuf beekamtii kennuu bakka bu'a jedhanii amanu.
Asitti Miilar doorsisa Chaayinaa fi Raashiyaa addatti dhufu kaasa.
Raashiyaa fi Chaayinaan misaa'ela haaypersoonikii saffisa sagalee dachaa shanii ol imalan kan qaban yoo ta'u, sirna furguggifamuu gartokkoon orbitii qilleensa keessaa ba'anii hordofuun rakkisaa ta'e yaalaniiru.
"Saffisaa fi fiiziksiin misaa'eloota kana addaan kutuuf barbaachisu qorannoo sirna addaan kutuu hawaa irratti hundaa'e barbaada," jedhu Letenaant Jeneraal Miilar.
Garuu sadarkaa kanatti waa'ee meeshaa waraanaa hawaa dubbachuu caalaa, waa'ee "dandeettii" dantaa Ameerikaa ittisuuf jiru dubbachuu filata.

Waggaa shan dura Humni qilleensaa Ameerikaa uumamuun isaa hawaan damee waraanaa ta'uu isaa ifatti labsuu ture. Pirezidaanti Doonaald Tiraamp damee waraanaa haaraa kana bara hojii isaanii isa jalqabaa keessatti kan jalqaban yoo ta'u, hawaa ''domeenii waraanaa haaraa addunyaa'' jechuun ibsan.
Raashiyaa fi Chaayinaan lamaan isaanii iyyuu misaa'ela farra saatalaayitii, akkasumas teeknooloojiiwwan quunnamtii hawaa cufuuf gargaaran yaalaniiru.
Letenaal Jeneraal Deeviid Miilar Raashiyaan ''dandeettii mataa waraanaa niwukilaraa hawaa keessa kaa'uu akka dandeessu agarsiifteetti'' jechuun ''hawaan naannoo dorgommii guddaa qabudha'' jechuun Ameerikaan ''waldhabdee achitti uumamuu danda'uuf'' qophaa'uu qabdi jedhan.
Koloraadotti Koloneel 'Phoenix Hauser' kan kutaa Odeeffannoo, Hordoffii fi Sakatta'iinsa (ISR) Humni Hawaa, kan Delta 7 jedhamuun beekamu, kan ergamni isaa waan hawaa ala ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofuudha, Torban guutuu saatii 24to'atama.
Gareen kun buufata isaanii naannoo Koloraado Ispiriingsitti argamu irraa iskiriinii tuqaawwan xixiqqoo kumaatamaan lakkaa'aman lafa naanna'an agarsiisan ilaalu.
Yeroo ammaa kana saatalaayitoonni gara 12,000 ta'an orbiitii keessa kan jiran yoo ta'u, dhuma kurmaana kanaatti lakkoofsi kun 60,000 akka gahu eegama.
Koloneel Hawuser xiyyeeffannaan isaanii inni guddaan Chaayinaa irratti akka ta'e ibsuun, ''balaa saffisaa'' jechuun ibsaniiru.
Chaayinaan yeroo ammaa gara saatalaayitoota 1,000 kan qabdu yoo ta'u, walakkaan isaanii kaayyoo waraanaaf kan oolu yoo ta'u, waggoota dhufan keessatti saatalaayitoota dabalataa kuma kudhaniin lakkaa'aman gara orbiitii lafaa gadi aanaatti furguggisuu hin oolan.
Hawuser hawaa "namaan guutamee fi multipolar" ta'uu isaa akeekkachiisa, hawaa irratti hirmaannaan duraanuu akka jalqabe hubachiisa.
"Amala ogummaa hin qabnee fi balaa mormitoota keenyaan argaa jirra, saatalaayitoonni isaanii nageenya hin qabne itti dhiyaachaa jirra," jetti.
Saatalaayitoonni kunneen tokko tokko meeshaalee elektirooniksii jaamsii, laayizerii fi illee neet fi harka roobootii saatalaayitoota biroo daandii irraa sochoosuuf itti fayyadamuu danda'an akka qaban ibsiti.
Har'a "lola qilleensaa" kan fiilmii waraana qilleensaa keessatti mul'atu waliin wal fakkaatu dhuguma hawaa keessatti raawwatamuu fi dhiisuu isaa gaaffiin ka'aa jira.
Garuu Koloneel Hawuser of eeggannoodhaan deebii kenna: "Hanga ammaatti sadarkaa kallattiin hawaa irratti hirmaachuu akka fiilmii 'Top Gun' irra geenye natti hin fakkaatu, garuu wal-qunnamtii gosa sanaaf qophaa'uu akka qabnu shakkii hin qabu."

Humni qilleensaa Ameerikaa hawaa keessatti waldhabdeen uumamuu akka danda'uuf qophaa'aa jira.
Akka Koloneel Fiiniks jedhanitti, waggaa tokko dura qofa, "dandeettii hawaa haleellaa qabaachuu ilaalchisee dubbatame hin turre." Amma, xiyyeeffannaan pirezidantichaaf "filannoo akka to'annoo iddoo weeraraa fi ittisaatiin olaantummaa hawaa galmaan ga'uu fi eeguu dandeenyu" kennuudha.
Waldhabdee ittisuuf karaan jiru "aangoo qabaachuu, dantaa keenya ittisuuf dandeettii mataa keenyaa qabaachuu qabna" jedhu Letenaant Jeneraal Miilar.
Garuu haleellaan dhiheenya kana Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti raawwatte, kan 'Operation Midnight Hammer' jedhamuun beekamu, Humni Hawaa Ameerikaa lafa irratti maal gochuu akka danda'u mul'ata.
Haleellaan xiyyaaronni tarsiimoo boombii B-2 raawwatanis barbaachisummaa waraanni Ameerikaa olaantummaa hawaa itti fufuu isaa ibsa.
"Waraanni Ameerikaa dandeettii hawaa irraa argannu hangam akka dhimmamu hubachuu qabna," jechuun Miiler itti dabaluudhaan, dandeettii samii irra deemuu fi walqunnamsiisuu, akkasumas GPS fayyadamuun haleellaa sirritti qajeelchuu kan dabalatuudha.
BBC'n akkaataa hojjattootni humna hawaa Ameerikaa haleellaa Iraan keessatti hirmaatan ilaalchisee ibsa jalqabaa argateera.
Lt. Jen. Miiler karoora kana keessatti hirmaannaa isaanii kan dubbatan yoo ta'u, "Wantoota nuti dhiheessine keessaa dandeettii waraana elektirooniksii fi elektiromaagneetikii keenya guddisuun hojii kana hunda keessatti ol'aantummaa mirkaneessuudha" jedhan.
Kunis ispeektirii elektiromaagneetikii kan dambalii raadiyoo, maaykirooweeyii, ifa mul'atu of keessaa qabu to'achuu fi ittisuu dabalata.
Lafa irratti kutaaleen waraana elektirooniksii Deeltaa III humna hawaa Ameerikaa naannicha keessatti socho'aa turan.
Ajajaan isaanii Koloneel Anjeeloo Fernaandeez, saatalaayitii sadarkaa olaanaa fi poodiiwwan ajaja saatalaayitii gara bakka kamiyyuu addunyaa kanaatti qajeelchuu danda'an nutti agarsiiseera.
''Qabeenya Ameerikaa eeguu akkasumas daandii qilleensaa mirkaneessuu danda'aniiru,'' jedhan.
Ergama kana dura, yeroo fi ergama kana booda, hojjattootni humna hawaa U.S. Delta 7 daawwachaa turan.
Koloneel Fiiniks Haawusar akka jedhanitti, ispeektarmii elektiromaagneetikii hordofuu kan danda'an ''Iraan yeroo haleellaa sanatti waan ta'aa jiru beekuu fi dhiisuu ishee, akkasumas haleellaan raawwatamuu akka danda'u akeekkachiisa tooftaa qabaachuu isaanii hubachuuf''.
To'annoo ispeektarmii maagneetii fi itti fayyadamni waraana elektirooniksii elementii ajaa'ibsiisaa eeguuf kan gargaare yoo ta'u, Humni Qilleensaa ergama kana osoo hin argamin akka xumuru taasiseera.
Humni Hawaa U.S. damee waraanaa haaraa ta'uu danda'a, garuu humna waraanaa Ameerikaatif murteessaadha.
Guutummaan waraanni U.S. "ol'aantummaa hawaa irratti hundaa'a," jedhu Letenaant Jeneraal Miller, kunis akka itti fufu mirkaneessuu barbaada.












