Chaayinaan misaa'elaafi xiyyaara waraanaa Iraanitti gurguraa jirtii?

Misaa'ela Chaayinaa HQ-9 fageenya dheeraa lafa irraa gara qilleensaatti furguggisu

Madda suuraa, Getty Images

Imbaasiin Chaayinaa Israa'el keessa jiru gabaasa miidiyaaleen Iraan dhiheenya sirna misaa'ela ittisa qilleensaa fageenya dheeraa HQ-9B Chaayinaarraa argatte jechuun gabaasan haaleera.

Dhaabbanni oduu afaan Ingiliffaa Landan keessa jiru 'Middle East Eye' jedhamu gaafa Adoolessa 7, qondaala Arabaa maqaan isaa hin ibsamne gaafate tokko wabeeffachuun, akka gabaasetti misaa'elli Chaayinaan hojjetame erga dhukaasa dhaabuun Iraan fi Israa'el giddutti Waxabajji 24 labsamee yeroo muraasa booda Iraaniif dhiyaataa akka turetu gabaafame.

Maddeen Arabaa akka jedhanitti, biyyoonni Arabaa fi Waayit Haawus tattaaffii Tehran sirna ittisa qilleensaa ishee cimsuuf taasiftu quba qabu.

Gabaasa kanaaf deebii kennuudhaan Imbaasiin Chaayinaa Tel Aviiv jiru qabiyyeen gabaasa kanaa ''sirrii miti'' jechuun miidiyaaletti himeera.

Sirni ittisa qilleensaa Iraan yeroo waraana Israa'el waliin taasifteen miidhaan cimaan irra akka gahellee eerama.

Imbaasiin Chaayinaa Israa'el jiru kun Kibxata darbe akka ibsetti gabaasa meeshaalee oomisha misaa'elaa fi sirna ittisa qilleensaa chaayinaa irraa gara Iraanitti dabarfamaa jira jechuun dhiyaate cimsee haalera.

Chaayinaan meeshaalee waraanaa jumlaa babal'isuu cimsitee akka mormituu fi biyyoota waraana irratti hirmaataa jiraniif meeshaa waraanaa gonkumaa akka hin ergine ibse.

Xiyyara waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

''Chaayinaan akka miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti meeshaalee waraanaa jumlaa erguuf of eeggannoo fi itti gaafatamumma ni fudhatti"jedha ibsichi

Haa ta'u malee marsariitiin idilee imbaasii Chaayinaas ta'e miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa ibsa kana hin maxxansine.

Gama biraatiin ammoo, biloogarri Chaayinaa mootummaa hin taane, gabaasni dhaabbati oduu Iraan Mehir Chaayinaan ittisa Iraaniif meeshaa gurgurte jedhu irraa bahe itti yadamee odeeffannoo Tehran geggeessite fakkaata" jedheera.

Iraan maqaa Chaayinaa fayyadamuun deeggarsa Chaayinaa waan qabdu fakkeessuun Israa'elii fi Ameerikaa sodaachisuuf kan itti fayyadamte ta'uu ibsa.

Xiyyaarota waraanaa Chaayinaa

Xiyyaarota Waraanaa Chaayinaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen kun gabaasawwan Iraan xiyyaarota waraanaa Chaayinaan hojjetaman J-10C bitachuuf marii deebitee eegalteetti jedhuuf xiyyeeffannoo guddaa kennaniiru.

Gabaasni Waxabajjii 27 gaazexaan Hongi Kongin bahe tokko seenaa dhimma kanaa eeruun waggoota 20 darban keessatti Chaayinaa fi Iraan waliigaltee kana irratti yeroo hedduu waliigalteerra gahuu dhabuu isaanii ibse.

Maxxansi kun gaazexaa Raashiyaa Kommersanti wabeeffachuun akka barreessetti, Teehiraan bara 2015 xiyyaarota J-10C 150 bitachuuf yaada dhiyeessiteetti jedhe.

Garuu Chaayinaan kaffaltii boba'aa ykn gaazii uumamaa waan hin fudhanneef, akkasumas Iraan hanqina sharafa alaa fi qoqqobbii meeshaa waraanaa UN irra kaa'e irraa kan ka'e ,ilkaa'uu akka hin dandeenye barreesse.

Mariin bara 2020 erga qoqqobbii kaa'amee booda deebi'ee kan eegale yoo ta'u, sababoota wal fakkaatuun garuu waliigaltee dhumaarra utuu hin ga'amin hafeera.

Dhaabbanni oduu Taayiwaan 'NewTalk' akkasumas Adoolessa 5, 2025 akka gabaasetti Ministirri Ittisaa Iraan Aziz Nasirzadeh walgahii Dhaabbata Tumsa Shaangaayii Waxabajjii 26 gaggeeffame irratti xiyyaaronni waraanaa J-10C akka bitaman gaafateera.

Dhaabbatichi maddeen Iraan keessa jiran wabeeffachuun akka ibsetti Iraan xiyyaarota waraanaa gara 400 akka barbaaddu ibseera.

Adoolessa 8, Ministeerri Ittisaa Chaayinaa gaaffii waa'ee "biyyoota tokko tokko" Chaayinaa irraa xiyyaarota waraanaa J-10 bitachuuf marii taasisaniin deebii waliigalaa kan kenne yoo ta'u, Beejiing "gurgurtaa oomisha waraanaa biyya alaa irratti ilaalcha of eeggannoo fi itti gaafatamummaa qabu fudhatti'' jedhan.

Haa ta'uu malee biyyoota haalotni hin dangessine fi michoota Chaayinaa ta'aniif meeshaalee waraana barbaachisu qooduuf fedhii qabdi" jedheera.

Iraan xiyyaarota waraanaa J-10 biyya alaatii galchuuf yaaduu ishee ilaalchisee gabaasa bahan kanneenin alattis Indooneezhiyaan xiyyaara kana bitachuufis mari'achaa akka jirtu himama.

Miidhaa akkamii qabaata?

Da'o Lanijiangi, biloogara waraanaa fi qondaalli waraana Chaayinaa duraanii, barreeffama dhaabbata oduu mootummaa Guwangcha irratti baaseen, haala amma jiruun xiyyaarota waraanaa J-10C bitachuun faayidaa akka qabu shakkii qaban ibseera.

Amma wanti Tehran barbaachisu xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa qaban osoo hin taane, raadara farra xiyyaaraa fi sirna ittisa qilleensaa amanamaa xiyyaarota waraanaa Israa'el F-35 ittisuuf gargaaran ta'uu hime

Akkasumas Israa'el akkuma xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa gara Iraanitti erguu jalqabdeen 'haleellaa dursaa' raawwachuu akka dandeessu akeekkachiiseera.

Gaazexaan Taayiwaan Chaayinaa Taayims ejjennoo Beejiing kan deeggaru maxxansa isaa Waxabajjii 27 baase irratti Birgaadeer Jeneraal soorama ba'e Li Chengchi jedhaman wabeeffachuun Chaayinaan xiyyaarota waraanaa Iraanitti gurguruuf fedhii qabaachuu dhiisuu akka dandeessu ibse.

Sababiin isaas tarkaanfiin kun hariiroo dinagdee Beejiing Israa'el waliin qabdu balaadhaaf saaxiluu waan danda'uuf.

Akkasumas xinxaltootni siyaasaa biroo Chaayinaan meeshaa waraanaa akka HQ-9 Iranitti yoo gurgurte balaa tarsiimoo akka ishee mudatu akeekeera.

Akka isaan jedhanitti, tarkaanfiin kun walitti bu'iinsa Iraan fi Israa'el akkasumas Ameerikaa gidduu jiru hammeessa.

Akkasumas qoqqobbii haaraatti kan geessu yoo ta'u, madaallii waraanaa Baha Giddugaleessaa ni booressa, miira biyyoota akka Sa'uudii Arabiyaa ni kakaasa jedhau.

Dabalataanis, laafinni sirna ittisa qilleensaa Iraan keessatti mul'atus amanamummaa meeshaalee waraanaa Chaayinaa miidhuu akka danda'u fi dhimmi kun Beejiingis ta'e Tehranif kan faayidaa qabu akka hin taane ibsan.