Waraana dhaabuufi adeemsi nagaa buusuu walxaxaa ta'uu mootummaan beeksise

Waraana Itoophiyaa keessatti deemaa jiru kara nagaan xumuruudhaaf adeemsi Gamtaa Afrikaa jalatti taasifamaa jiru murannoo gaarii kan qabu ta'uu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Ta'us garuu adeemsi nagaa kun walxaxaafi dheeraa akka ta'es Pirees Sakireetariin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum Wixata gaazexeessitootaaf ibsiteetti.

"Adeemsi nagaa kamiyyuu yeroo fudhata. Salphaa miti," jette.

Waraana waggaa tokkoofi ji'oota torba lakkoofsiseef karaa nagaan fala barbaaduuf, Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo aanga'oota Tigraay fi mootummaa Federaalaa waliin erga mariyatanii boodadha kun kan himame.

Jaarsa araaraa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Obasaanjoof Itoophiyaan bakka guddaa akka qabdus Billaneen ibsiteetti.

Obasaanjoon yeroo gara garaatti gara Itoophiyaatti kan deddeebiyan yoo ta'u, daawwannaa isaanii torban darbeetiin aanga'oota Tigraay, gama mootummaa Federaalaatiin ammoo Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee aanga'oota olaanoo waliin walarganiiru.

Obasaanjoon marii isaaniin booda, adeemsi nagaa kan harkifate ta'us, kan ji'oota ja'aan dura turerra kan fooyyee qabu akka ta'e beeksisaniiru.

Namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuun ammallee hojiirra kan jiru yoo ta'u, waliigalteedhaan walitti bu'insa dhaabuun nagaan akka dhufu gochuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Haata'u mnalee, dubbi himtuun ministira muummee kaleessa humnoonni Tigraay "ammallee dibbee waraanaa rukutaa jiru" jechuun himatteetti.

Humnoonni Tigraay gama isaaniitiin carraaqqii nagaa buusuuf taasifamuuf kutatoo akka ta'an kanaan dura himuun isaanii ni yaadatama.

Ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kenniteen Billaneen duula mootummaan seera kabachiisuu naannoo Amaaraafi magaalaa Finfinnee keessatti fudhachaa jiru irrattis dubbatteetti.

Tarkaanfii seera kabachiisuu mootummaan fudhataa jiru kanaan namoonni baayyeen naannoo Amaaraafi magaalaa Finfinnee keessatti hidhamaniiru.

Kanneen hidhaman keessas gaazexeessitoonni 18 kan jiran yoo ta'u, qaama mootummaa kan ta'e Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiaa tarkaanficha "seeraan ala" jedheera.

Billaneen garuu faallaa Komishinichaatiin namoota hidhaman keessaa garri caalaan abbaa taayitaa sabaa himaalee to'atuun beekamtiin kan kennameef akka hin taane ibsite.

Hidhaa jumlaa naannoo amaaraa keessatti raawwatama jiruuf, "qaamolee nageenyaa hayyamameefiin ala namoota soco'an irratti, akkasumas aangoon eenyu harka ta'uu akka qabu irratti ifa gochuudhaaf," carraaqqii mootummaan taasisaa jirudha jechuun dubbatteetti.