Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marii biyyaalessaa Itoophiyaa: Abdii fi yaaddoo ogeeyyii fi paartilee siyaasaaa
Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeessuuf deemtu kanneen hidhannoon qabsaa'an dabalatee qaamolee siyaasaa mara hirmaachisuu qaba jedhan ogeeyyiin dhimma siyaasa walitti bu'iinsaa fi marii biyyaalessaa irratti hojjetan.
Paarlaamaan Itoophiyaa yaa'ii Kamisa darbe gaggeessee tureen wixinee labsii komishinii marii biyyaalessaa hundeessuuf dhiyaate irratti mari'atee yaada dabalataa irratti kennuuf koree dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookraasiitti qajeelcheera.
Yaadni Komishinii marii biyyaalessaa hundeessuu kan ifa ta'e koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa marii biyyaalessaa hunda hammataa gaggeessuun barbaachisaa ta'uu ibsuu hordofee, manni maree Ministirootaa wixinee labsii qophaa'e irratti mari'atee, akka raggaasifamuuf paarlaamaaf wayita dabarsetti ture.
Itoophiyaan ammaan tana waraana waliinii waggaa tokkoo oliif turee fi badii guddaa geessisaa jiru keessa yeroo jirtu kanatti dhaabbilee idil-addunya dabalatee humnootni siyaasa Itoophiyaa keessa jiran barbaachisummaa marii biyyaalessaa irra deddeebiin kaasaa jiru.
Mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa kana yoom gaggeessuuf akka karoorfate, hirmachisummaa marichaa fi dhimmoota kaan irratti ibsa bal'aa hin kennine.
Haata'u malee paarlaamaa Itoophiyaatti gaafatamaa mootummaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Baljigee waa'ee wixinee komishinii marii biyyaalessaa ijaaruu yoo dubbatan, 'dhibdee hayyuuwwan siyaasaa biyyattii gidduu jiru furuun, sirna Dimookraasii ijaaruuf mariin akka godhamu Komishinii kana ijaaruun akka barbaachise' himaniiru.
Komishinichi dhiibbaarraa bilisa ta'ee akka dalagu kan taasifamu ta'uu fi waggaa sadiif akka turu ta'ee hundaa'ee akka barbaachisummaa isaatti dheerachuu akka malus himan.
Ministirri Deetaa Ministeera Haajaa alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Reediwaan Huseen mariin kun heera biyyaa fooyyessuu fi riifarandamii dabalatee dhimmootni hundi kan irratti mari'ataman ta'uu miidiyaa Tarkii Anaadooluutti himaniiru.
Haata'u malee yaada tiwiitarii isaanii irratti Roobii ganama barreessaniin mariin biyyaalessaa kun 'waa'ee TPLF ykn Shanee miti' jechuun barreessan.
TPLF qaama uummata Tigraay bakka bu'u isa tokkicha miti kan jedhan ambaasaaddar Reediwaan, 'yoo gareen kun hidhannoo isaa hiikee hoggantoota barbaadaman dabarsee kenne hireen keessatti hirmaachuu jiraachuu akka malu' Anaadooluutti himan.
"...achumaa lafa dhiituu ta'a"
Ogeeyyiin siyaasa walitti bu'iinsaa fi nagaa ijaaruu akkasumas dhimma marii biyyaalessaa irratti hojjetaa turan BBC'n dubbise, marichi bu'a qabeessa akka ta'u kanneen hidhannoon socho'an dabalatee qaamolee hunda hirmaachisuu qaba jedhu.
Landan yuunivarsiitii SOAStti siyaasa walitti bu'iinsaa qorachaa kan jiruu fi wal-dhiibdee furuufi nagaa ijaaruurratti hojjecha kan ture Barakat Dirribaa, 'mariin biyyaalessaa qaamolee siyaasaa hunda walitti fiduutu irra jiraata' jedha.
"Akka amantaa kootti marii biyyaalessaa hunda hammataa, hirmaachisaa fi bu'a qabeessa gochuuf amma haalli jiru hedduu mijataa miti.
"Haala mijataa uumuuf immoo waraana adeemaa jiruun walqabatee dhukaasni dhaabachuutu irra jira, namoota siyaasaa hidhaarra jiran hiikuun ni barbaachisa."
Amma dura Itoophiyaa keessatti mariin biyyaalessaa hirmaachisaa fi hunda hammataa ta'e godhamuu dhabuu isaatiin, uummata biyyattii qoodeera, waraanni amma biyyatti keessa jirus sababuma kanaan kan dhufedha jedha Barakat.
Ogeessi waggoota sadan darban marii biyyaalessaa irratti hojjechaa turaniifi maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan BBCn dubbise, "amma siyaasa Itoophiyaa shakkiin dhuunfateera" jedhu.
"Jalqaba amantaa uummataa uumuun ni barbaachisa, sana gochuuf warra hidhaman hiikuun, dhaabbilee paarlaamaan shororkeessitoota jedhaman labsii saniirra haquun, mariin biyyaalessaa eegaluun dura waraana dhaabuun ni braabachisa" jedhan.
Haala waraannii fi shakkiin jiru keessatti marii biyyalessaa gochuun hin danda'amu jedhu ogeessi kun.
Itti dabaluunis kanneen hidhannoon qabsaa'an dabalatee qaamoleen hundi yoo irratti hirmaatan bu'a qabeessa akka ta'u dubbatu.
"Warra hidhannoon qabsaa'an osoo hin hirmaachisiin warra as Finfinnee jiran qofa ykn kan boordii filannoon galmaahanii fi qaamolee kaan waammattee kan gootu yoo ta'e, achumaa lafa dhiituu ta'a anaaf. Sababni isaas rakkoo amma biyyi keessaa jirtuuf tokko kan hiree qabu warra hidhannoon qabsaa'u."
Mootummaa dbalatee, paartileen mormituu fi dhaabbileen idil-addunyaa waa'ee marii biyyaalessaa dubbataa jiraachuun isaanii yeroon kun yeroo sirrii ta'uu agarsiisa jedhu ogeessi kun.
Dhaabbilee siyaasaa waggoota lamaan darban keessa marii biyyaalessaaf waamicha gochaa turan keessaa tokko kan ta'e Koongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) gama mana maree paartilee siyaasaa Itoophiyaan afeerraan godhameefi irratti hirmaachuuf qophiirra akka jiru himeera.
KFOn ibsa Onkolooleessa 15 bara 2021 baaseen rakkoo siyaasaa biyyattiin amma keessa jirtuuf mariin biyyoolessaa 'haqa qabeessaa, dhugaafi hunda hirmaachise' qofatu furmaata jechuun, hal-dureewwan marichaaf ni barbaachisu jedhe ibsee ture.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gama isaan waa'ee maricha waan miidiyaarratti adeemaa jiruun ala quba akka hin qabne dubbi himaan paartichaa Lammii Gammachuu BBC'tti himeera.
Paartichi marii siyaasaaf qophii ta'uu kan hime Obbo Lammiin, haata'u malee marichi bifa walaba ta'een gaggeeffamuu isaan walqabatee, komiishinii mootummaan hundeessuuf deemu "walaba ta'a jennee amantaa irraa hin qabnu" jedha.
Mariin Biyyaalessaa Maali?
Mariin biyyaalessaa yeroo hedduu jijjiirama siyaasaa booda kan godhamuu fi sirna siyaasaa jiruun garaagarummaa fi rakkoolee biyyi tokko qabduu furuun yoo dadhabamu marii waliigaltee uumuuf taasifamudha jedha Barakat Dirribaa.
Mariin biyyaalessaa bu'uurarraa hunda hirmaachisaa (inclusive) akkasumas hunda hammataa (comprehensive) ta'uu akka qabu hima.
Ogeessi waggoota sadan darban dhimmicharratti hojjechaa turan BBCn dubbise, mariin biyyaalessaa yoo xiqqaate qooda fudhattoota sadi guuttachuu qaba jedhan.
Qaamolee maricha irratti hirmatan - bifa hunda isaanii hirmaachiseen (inclusiveness), Haala mijeessitoota (Conveners) - qaamolee walaba ta'an marichaaf haala mijeessani fi mootummaa itti bahiinsa marichaa hojiirra oolchuuf kutannoo siyaasaa qabu.
Mootummaan akka qooda fudhataa tokkootti hirmaata malee adeemsa maricha to'achuu hin qabu jedhu.
Waajjirri MM Itoophiyaa akka jedhutti komiishiniin hundaa'u "marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'e walaba ta'ee kan hogganuu fi qindeessudha".
Komiishinichi itti gaafatamawwan akka ajandaawwan marii qopheessuu, qooda fudhattoota/hirmaattota adda baasuu, marii gaggeessuu, akkaataa itti bahiinsi marichaa raawwatamu yaada dhiyeessuu fi hojiirra oolmaa isaa hordofuu qaba jedhe.
Mariin kun waliigaltee biyyaalessaa fi dhimma biyyaa irratti ejjennoo waloo uumuuf akka godhamus himee ture.