Marii biyyaalessaa 'haqa-qabeessaaf' haaldureewwan afur KFOn kaa'e maal?

Kongaransiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa Onkololeessa 15 bara 2021 baaseen rakkoo siyaasaa biyyattiin amma keessa jirtuuf mariin biyyoolessaa 'haqa qabeessaa, dhugaafi hunda hirmaachise' qofatu furmaata jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhihootti mariin biyyaalessaa ni taasifama jechuun ibseera.

KFO'n ibsa baasen waggoota sadan darbanis ta'e sana dura, 'gaaga'ama siyaasaa' Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa hundee gadi fageeffateefi hammaachaa dhufe furuuf mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise akka taasifamuu gaafachaa turuu ibseera.

Ta'us, waamichi inni irra deddeebiin taasisaa ture garuu dhageettii dhabee hafe jedha.

Miseensonni isa jalaa hidhamanii waajjiraaleen isaa jalaa cufamuu himachuun filannoon dimokiraatawaafi hirmaachisaa miti jechuun Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaan ji'a Waxabajjii gaggeeffamerratti qooda kan hin fudhanne KFOn, marii biyyoolessaa taasisuuf haaldureen murteessoo ta'an guutamuu qabu jedhe.

Haaldureewwan dhaabichi gaafate keessaa kan jalqabaa waraanni 'seera kabachiisuu' jedhuun eegalee amma gara 'dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuu biyyaaf' jechuutti cehe hataattamaan dhaabbachuu qaba jedhe.

Haaldureen lammataa marichi qaamota hawwaasa idil-addunyaatiin beekamtiifi deeggarsi kennameefiin, akkasumas bilisaafi amanamoo ta'anii garee kamiifu hin loogne, kanneen hunda biratti fudhatama qabaniin hoogganamuu qaba jedhe.

Gartuun hidhannoodhaan socho'an marii biyyoolessaa kana keessatti hirmaachuun haalduree sadaffaa dhiyeesse yoo ta'u, afraffaa irratti ammoo ''hidhamtoonni siyaasaa'' hundi hiikamanii hirmaattota marii kanaa akka tahan KFO'n gaafateera.

Dura Taa'aa Itti-aanaan KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu turtii BBC waliin taasisaniin, biyyattiin lola faayidaa hin qabnee keessa lixxee akka jirtuufi mataduree kan tahe lola kaabaa qofa miti kallattii hundaan biyyattii keessa lolatu jira jedhan.

"Yeroo hundumaa kan odeeffamu lola kaabaa kana qofa. Haata'u malee, Gumuz keessa, Affaariifi Somaalee keessattis lolli deemaa jira. Namni bahee galuuf yaadda'a. Olaantummaan seeraa hin jiru. Kanaaf, sodaa guddaa keessa jirra," jedhan.

Biyyattiin rakkoowwan akka seenaa, siyaasaa, dinagdeefi kan hawaasummaa hedduu harkaa qabdi kan jedhan Obbo Mulaatuun, qaamni hundi walitti dhufee waan bara dheeraaf ture kana hiikuutu fala taha malee lolaafi qawweedhaan falli hin argamu jedhan.

"Mariidhaan yoo ta'e malee ajjeesuudhaan, hidhuudhaan, gabbarsiisuudhaan falli dhufu hin jiru; kana waggaa dheeraa irra turreerra. Biyyattiin qawweedhaan uumamte, ammas qawweedhaan fala fidna jechuun hin danda'amu," jedhan Obbo Mulaatuun.

Mootummaan amma biyyattii keessatti hundaa'e mootumma haaraa jedhus Obbo Mulaatuun garuu isuma duraati malee ulaagaa haara'ummaa waan guute hin qabu jechuun himatu.

"Haaraa jechuun sirna haaraa jijjiiruudha, nagaa buusuudha, araara uumuudha, badhaadhina fiduudha, dimokiraasii gadi buusuudha. Kuni hundi hin taane.

''Kanaaf, nagaa fiduun hin danda'amne, lolli itti fufeera. Dhiigni namaa dhangala'aa jira, qabeenyi manca'aa jira. Kanaaf, lolichi hataattamaan dhaabbachuu qaba," jedhan.

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee haasaa hundeeffama manneen marii lamaanii irratti tasisaniin rakkooleen tokkummaa ummattoota Itoophiyaa miidhaa jiran marii biyyoolessaatiin furamuu qabu jedhanii ture.

"Mariin biyyoolessaa nuti hawwinu akka ta'uuf garaa bal'achuun, wal amanuun, mari'achuun, tokkummaa qabaachuun, akkasumas aadaa marii keenya guddisuu nurra jiraata. Karaa biraan ammoo haqaafi itti gaafatamummaan jiraachuu qaba. Kanneen miidhaman kiisamuu qabu," jedhan.

Biyyattii keessatti mariin biyyoolessaa hunda hirmaachiseefi rakkoo biyyattii furu akka ta'uuf lammiileen biyyattii hundi tumsaa fi deeggarsa jabaa akka godhuufis waamicha dhiheessanii turan.

Odeeffannoo dabalataa kana waliin walqabatan biroof: