'Carraa dhumaa tokko qabna, nagaa buusuuf marii biyyaalessaa qofa' - Leencoo Lataa

Furmaanni rakkoo siyaasa Itoophiyaa qaamoleen siyaasaa gadi taa'anii mari'achuun, akkamiin walii wajjin jiraanna kan jedhu irratti wal tahinsa irra gahuu qofa jedhan namni siyaasaa Leencoo Lataa.

Itoophiyaan erga MM Abiy Ahimad bara 2018 gara aangootti dhufanii jijjiirama siyaasaa keessa galtus, nageenyi biyyattii walitti fufinsaan boora'uu fi hanga waraana Tigiraayitti galamuun goolama siyaasaa guddaa fideera.

Garaagarummaa ilaalcha siyaasaa uumame irraa ka'uun gara waraanaatti kan galame kan naannoo Tigiraay qofa osoo hin taane, walitti bu'insi saboota gidduutti darbee darbee mudatu rakkoo biraa taheera.

Namni siyaasaa gameessi Obbo Leencoo Lataa biyyattii tasgabbeessuuf marii biyyaalessaa gaggeessuutu furmaata jedhan.

''Gadi taa'anii Itoophiyaa akkamii yoo taate hundi keenya keessa jiraachuu dandeenya? Mirgi sabootaa akkamiin hojiirra oola? kan jedhu irratti mari'achuu barbaachisa,'' jechuun BBCtti himan.

''Rakkoo waggoota 50f walitti qabamaa ture irratti mari'achuu qabu. Carraa dhumaa kana qabna. Wal mari'annee biyya akkamii keessa jiraachuu qabna kan jedhu irratti wal tahuu qabna.

Gariin waa kennee gariin waa fudhatee.. haga ammaa garuu kaniin jedhe fudhadhuu malee sirni Itoophiyaa wal mariidhaan ijaaramee hin beeku.''

''Lolli kamuu nagaa fiduu hin danda'u...''

Lolli Tigiraay keessatti humnoota TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti erga banamee amma ji'oota saddeet lakkoofsiseera.

Garuu ammayyuu furmaata waaraa osoo hin argatiin turuun lubbuun kumaatamaan tilmaamamu darbuun miliyoonotaan uummanni qe'ee isaa irraa buqqa'uun, beelaafi darara garaagaraaf saaxilamaa akka jiru dhaabbileen deeggarsa namoomaa adda addaa himaa turan.

Obbo Leencoon qaamoleen lamaan maaliif wal dhaban? Akkamiinis gara furmaatatti dhufuu danda'u kan jedhu gaafatamanii, ''jaratu himachuu qabu. Maal irratti akka wal dhaban himachuu qabu. Wal dhabbiin Itoophiyaa keessa garuu Itoophiyaan biyya akkamiiti kan jedhu irratti, hundi inni qawwee qabus isa hin qabnes wal dhabbiin jira,'' jedhan.

''Itoophiyaan biyya afaan tokkicha dubbatudha kan jedhantu jira. Lakkii, biyya sabaa fi sablammiin keessa jiraatudha kan jedhutu jira. Lakkii, inumaayyuu as keessaa baanee biyya walaba taate ijaarranna kan jedhutu jira,'' jedhan Obbo Leencoon.

Mootummaan federaalaa qaama shororkeessaa jedhee farraje TPLF walin lolatti jira. Gariin dhukaasa dhaabuu labsus waraanichi naannoo Affaar keessatti ce'eera.

TPLF dhukaasa dhaabuuf haal-duree kaa'us mootummaan Itoophiyaa garuu ulaagaa isaanii kana hin simanne.

Lolli kun hoo qaama tokkoof injifannoo fiduun nagaa buusuu danda'aa? gaaffii jedhu Obbo Leencoon: ''lolli kamiyyuu nagaa buusuu hin danda'u. Nagaan kan argamu haasaa nagaan qofaani. Lola kamiyyuu abbaan fedhe yoo injifate nagaa fiduu hin danda'u,'' jedhan.

Dargiin warra Haayilesillaasee fixee aangoo qabate kan jedhan Obbo Leencoon, Dargiinis qawweemaan ari'amee Mangistuun Zimbaabuwee gale. Ammas waggaa 30 booda lolatti deebine kan jedhan namni siyaasaa kun, kana irraa barree ammaan booda lolli nu gahuu qaba jechuun mariidhaan furmaanni argamuu wayya jedhan.

Obbo Leencoo Lataa waggaa sadii dura ture gara biyyaatti kan galan. Garuu haalli yeroo isaan biyyatti galan tureef kan har'aa baay'ee garaagarummaa qaba jedhan.

Yeroo sana ho'aa ture, gammachuu ture, mootummaan kun biyya keessaa fi alaan deeggarsa guddaa qaba ture jedhanii, amma ''waan hunduu bushaa'eera'' jedhan.

Kanaaf haala waggaa sadii dura tureen ibsuun hin danda'amu, haala ammaa irraa ka'uun ibsuu qabna jedhan.