Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartileen mormitootaa 10 adeemsi marii biyyaalessaa akka sirratu gaafatan
Adeemsi marii biyyaalessaa hundeeffama Komishinii dhimma kana qindeessu irraa eegalee rakkoo qaba kan jedhan Paartileen Siyaasaa Mormitootaa Itoophiyaa, dhimma kana sirreessuuf Gamtaa Paartilee Mormitootaa hundeessuu ibsaniiru.
Paartileen mormitootaa 10 ta'uun ibsa waliin baasan KFO, Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Uummata Affaar, Paartii Aranaa Tigraay, Dhaabbata Dimokiraatawaa Uummata Doongaa, Hibir Itoophiyaa, Paartii Uummata Affaar, ABO, Adda Bilisummaa Ogaadeen, Warraaqsa Biyyaalessaa Uummata Walaayittaa fi MEDREK jedhamu.
Waraana yaaddessaa biyyattii itti ce'aa jirtuuf falli marii karaa nagaati kan jedhu ibsi paartilee kun, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartileen biyyattii adeemsa mariibiyyaalessaa kan eegalan ta'us garuu mariin kun ammas gamanumaa rakkoo keessa galaara jedha.
Paartileen kunneen kurnan walitti dhufuun Gamtaa kan hundeessan, adeemsa marii biyyaalessaa, akkaataa hundeeffama komishinii qindeessituu marichaa fi qaamolee hirmaachuu qaban irratti dogoggoroota jiran akka sirrataniif dhiibbaa uumuuf ta'uu himan.
Adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa jalqaba irraa eegalee haga dhumaatti qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachisu ta’uu qaba kan jedhu ibsi kun, ''garuu jalqabuma irraa eegalee haalli itti komishiniin marii fi waliigaltee biyyaalessaa hundeeffame amanamaa miti, jedha.
''Komishiniin hundeeffame jedhamu kun qaamolee sochii siyaasa biyyattii irraa ugguramanii fi qaamolee mootummaa waliin wal waraanaa jiran akka quunnamuufi mariisisuuf qajeelfamni tumame tokkollee hin jiru,'' jedha ibsi kun.
Mariin biyyaalessaa kun hiika kan qabaatuu fi bu'aa eegamu kan fidu yoo karaa dhugaa fi shira hin qabneen qaamni dhimma biyyattii ilaallatu hundi keessatti qooda fudhateedha jedha ibsi kun.
''Gamtaan Paartilee Siyaasaa adeemsa dogoggoraafi shira mariifi waliigaltee biyyaalessaa gaggeessuudhaaf raawwatamaa jiru hubachuudhaan, shira kana dura dhaabbachuudhaan marii fi waliigaltee qaamolee hundumaa hirmaachisee fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuudhaaf yaada furmaataa fala ta’u dhiyeessuuf murteessinee jirra.''
Mariifi waliigaltee biyyaalessaa dhugaa ta'e mirkaneessuuf ulagaawwan yookiin haaldureewwan guutamuu qaban jechuun dhimmoonni paartileen kunneen ibsan keessaa guutummaatti waraana dhaabuun isa ijoodha.
''Naannoo Tigiraayi, Affaar, Amaaraa, Kaaba Itoophiyaa, Oromiyaafi Beenishanguliifi Somaalee dabalatee kutaalee Itoophiyaa mara keessatti waliigalteen dhukaasa dhabuu sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu raawwatamee lolaafi wal waraansi gaggeeffamaa jiru haala amansiisaa ta’een dhaabbachuu qaba.''
Kana malees, ibsi kun paartileen siyaasaa marti miseensota Komishinii Marii Biyyaalessaa keessaa bakka bu’ummaa ga’aa qabaachuufi adeemsa filannoo miseensotaafi ulaagaalee filannoo keessatti qooda fudhachuu qabu jedheera.
Wiixinee hundeeffama qajeeltoo marii biyyaalessaa keessaa tokko kan ta'e lammummaa Itoophiyaafi paaspoortii Itoophiyaa akka ulaagaatti kaa'uun haqamuu akka qabus paartileen kunneen gaafataniiru.
''Dhimma ajandaa qopheessuutiin wal qabatee, adeemsi iftoomina qabu kan qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti loogii tokko malee akka irratti mari’ataniifi mirkaneessaniif carraa kennuuf diriiruu qaba.''
Yeroo addunyaan tokko ta'aa jirtutti Itoophiyaanis qaama addunyaa waan taateef wanti biyyattii keessatti raawwatu akka idil-addunyaatti kan beekamuufi fudhatamu ta'uu qaba jedha ibsi kun.
''Kanaaf, mariifi waliigaltee biyyaalessaa kana haqa qabeessa gochuudhaaf qaamoleen idil-addunyaa walabaafi amanamoo ta’an akkaataa barbaachisummaa isaan keessatti qooda fudhachuu qabu jennee amanna.''
Gaggeesitoonni paartilee mormitootaa marii biyyaalessaa kanarratti qooda fudhatan akka hin miidhamneef yookaan ajjeechaan akka irratti hin raawwatamneef, hirmaattota marii biyyaalessaa ijoo ta’aniif tiki nageenyaa amansiisaan diriiruu qaba jechuun dhaamaniiru paartileen kunneen.
Gama kaaniin, Gamtaan Dubartootaa Miseensota Paartilee Siyaasaa, mootummaan Federaalaa, TPLF, akkasumas Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n waraana dhaabuun mariif akka taa'an gaafateera.
Mootummaan carraa jijjiiramaa biyyattiin argattee turte itti fufsiisuu dadhabuu komateera gareen kun.
Waraanaa fi goolama siyaasaa biyyattii mudate keessatti dhiibbaan dubartoota irra ga'e hammaataa ta'uu kan eere gamtaan kun, kana dura dhaabbachuuf hirmaannaan dubartootaa marii biyyaalessaa keessatti guddachuu qaba jedhe.
Qondaalli Gamtaa kanaa Dastaa Xilaahuun jedhaman, hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa 70 ta'uu qaba jedhan.
Komishinii marii biyyaalessaa keessatti dubartoonni bakka bu'ummaa guddaa akka argataniifi mariin kun hunda hirmaachisaa akka ta'uuf xalayaa galchuus ibsan.