Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin Yukireen waliin 'kallattiin mariyachuuf' waamicha dhiyeessan
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen gaafa Caamsaa 15, 2025 Raashiyaa waliin 'kallattiin akka mariyattu' affeeran.
Waamichi Puutin dhiyeesssan kun kan dhagahame, hoggantoonni biyyoota Awurooppaa Mooskoon guyyoota 30'f dhukaasa dhaabuutti akka waliigaltu erga gaafatanii sa'aatii muraasa booda.
Halkan karaa foddaa TV Puutin ibsa wayita kennan Raashiyaan ''marii sirnaafi nagaa waaraa'' buusuu barbaaddi jedhan.
Wixatarrraa kaastee Raashiyaan haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuuf akka waadaa galtu dhiibbaa uumuuf Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmer gita isaanii Faransaay, Jarmanii fi Poolaandi waliin Sambata kaleessaa gara Kiivitti imalan.
Dubbi himaan Kiremliin Dimitiri Peeskov boodarra Mooskoon ''kana sirriitti itti yaaduu qabdi'' jedhan - garuu '' nu dhiibuuf yaaluun faayidaa hin qabu'' jedhanii akeekkachiisan.
Puutiin ibsa isaanii keessatti mariin kun Raashiyaa fi Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraarra akka qaqqaban gargaara jedhanii murteessuu akka hin dandeenye ibsan.
Hogganaan Raashiyaa kun mariin yaadame kun Turki magaalaa Istaanbulitti gaggeeffamuu akka qabu ibsuun, dhimma kanarratti bal'inaan Dilbata Pirezedantii Turkii Recep Xayyip Erdogaan waliin akka mari'atan dubbatan.
Kiiv waamicha Puutin dhiyeessaan kanaaf ammattti deebii hin kennine.
Magaalaan guddoon Yukireen Kiiv Sambata darbe kana garee hoggantoota biyyoota Yukireen gargaaruuf fedha qabanii Kan UK Istaamar , kan Faransaay Imaanu'eel Maakroon fi hogganaa Jarman Firiidrik Merz, akkasuma kan Poolaandi Doonaald Taask simatte .
Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zelenskiin ibsa waloon gaazexeessitootaaf kennameerratti hirmaataniiru.
Hoggantoonni biyyoota Yukireen deeggaranii kunneen, Puutin dhukaasa haal-duree tokko malee guyyoota 30f ''qilleensarra, galaanaarra fi lafarraan'' dhaabuuf yoo walii hin galle qoqqobbii ''haaraa fi guddaan'' damee anniisaa fi baankii Raashiyaarra akka kaa'amu akeekkachiisan.
Yaada dhihaate kanarratti Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliinis mari'achuu himan.
Kiir Istaamer boodarra BBC'tti akka himanitti, Pirezedantiin Ameerikaa yaadni isaanii hatattamaan dhukaasa dhaabuuf dhiyeessan '' guutamuu akka qabu ifatti ibsanii turan.
Walgahii sana booda Zelenskiin hoggantoota Yukireen waliin ''dhaabbatan'' jedhan galateeffataniiru.
"Har'a akkaataa nageenya waaraa, wabii qabuufi dhugaa ta'e ijaarruurratti xiyyeeffanna," jedhan.
Yaada dhihaateef deebii kan kennan Dubbi-himaan Kiremliin Dimetrii Peeskoov "Waan haaraadha. Garuu nu dhiibuuf yaaluun faayidaa hin qabu" jedhan.
Mooskoon kanaan duras dhukaasa dhaabuu dura biyyoonni Lixaa Yuukireniif meeshaalee waraanaa dhiyeessuu dhiisuu akka qaban ibsite.