Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waliigalteen nagaa Yukireen miseensa NATO akka hin taane dhorkuu qaba' - Raashiyaa
Raashiyaan karoora waliigaltee nagaa USn dhiyaate yoo fudhattu, Yukireen miseensa Dhaabbata Waliigaltee Atlaantiik Kaabaa (NATO) akka hin taane dhorku wabii barbaaddi jedhan Itti aanaan ministira dhimma alaa biyyattii
Ministirri kun itti dabaluudhaanis Raashiyaan waliigaltee nagaa kamirraayyuu akka hin qoqqobamne akka barbaaddu dubbataniiru.
Aleeksaandar Girushko dhaabbata oduu Raashiyaa Izvestiyaa jedhamutti akka himanitti, "wabii nageenyaa cimaan qaama waliigaltee kanaa akka ta'u ni gaafanna" jedhan.
''Walabummaa Yukireen fi biyyoonni NATO iyyata miseensummaa ishee diduun isaanii qaama wabiiwwan kanaa ta'uu qaba,'' jechuun cimsanii dubbataniiru.
Waraana Yukireen waggoota sadiif ture kanaaf furmaata karaa nagaa argachuuf mariin itti fufeera.
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin dubbachuuf beellama qabataniiru.
Ameerikaa fi Yukireen Raashiyaadhaan yaada dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f dhiyaate irratti akka waliigaltee irra ga'an gaafataniiru
Pirezidaanti Puutiin dhukaasa dhaabuu kan deeggaran ta'us, nagaa waaraaf haal-duree cimaa kaa'amuu qaba jedhan.
Naannolee biyyota lamaan wal falmisiisaa keessa jiran keessaa takko naannoo dhiha Raashiyaa Kursk jedhamudha.
Waraanni Yukireen Hagayya darbe weerara taasiseen naannoo tokko tokko to'achuu danda'eera.
Puutiin biyyi isaanii naannoo Kurski guutummaatti to'achuu ishee fi loltoonni Yukireen achi jiran gara Raashiyaatti citaniiru jedhan
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu gama bahaatiin to'annoo fi hordoffiin taasifamuu danda'u irrattis gaaffilee hedduu kaasaniiru.
Gama biraatiin ammoo prezidaantiin Yukireen Volodimyr Zelenskii Puutiin dhukaasa hatattamaa dhaabuuf tattaaffii dippilomaasii taasifamu ''balleessuf'' yaalaa jira jechuun himataniiru.
Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti guyyaa aangoo qabataniitti waraana kana akka xumuran irra deddeebiin dubbataa turaniiru.
Tiraamp waraana kana xumuruu fi marii jalqabuuf Puutiin waliin daqiiqaa 90 bilbilanii turan.
Ergamaan addaa kun waliigalteen kun naannoo Yukireen Raashiyaan qabattee jirtuuf qubsuma akkamii akka kennu gaaffii dhiyaateef deebii kennuu irraa of qusate.
Raashiyaan yeroo ammaa lafa Yukireen harka shan keessaa tokko to'attee jirti.