Puutiin dhugaa dhukaasa dhaabuuf qophiidha ammoo yeroo bitachaa jira?

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin biyyisaanii lola dhaabuuf qophiidha garuu, ''wantoonni garaagaraa jiru'' jedhu. Innis kan ergamaa US Isteev Wiitkoof waliin Kamisa darbe Kiremliin irratti mari'achuun dura kaa'an sun yaada isaaf furtuu waan ta'aniif abdii dhukaasa dhaabuu guyyoota 30 kamiyyuu balleessuu danda'u.

Isaanis gaaffii weerara guutuu Raashiyaa hunda keessattii fi kanaan duras qabaachaa turedha. Akkasumas Yukireen fi michootashee warra Lixaatiif baay'een isaanii fudhatama akka hin qabne ykn raawwachuun akka hin danda'amne mirkaneessuuf jiru.

"Yaadota diinummaa dhaabuuf dhiyaatan irratti waliigalle," jechuun haala gaariidhaan kan jalqabe yoo ta'u, itti dabaluunn: "Dhukaasa dhaabuun kun nagaa yeroo dheeraa kan fiduufi hundee rakkoo kanaa kan dhabamsiisu ta'uu qaba."

Barbaachisummaa nagaa yeroo dheeraa irratti namni walii hin galle hin jiru, garuu yaadni hundee Puutiin waraana kanaa kan naannawu fedhii Yukireen akka biyya walabaattijiraachuun kan wal qabatuudha.

Yukireen qaama Naatoo fi Gamtaa Awurooppaa ta'uu barbaaddi, hanga kanaatti kunis heera mootummaa keessatti galmaa'eera.

Pirezidaanti Tiraamp miseensummaa Naatoo irratti shakkii kan kaasan yoo ta'u, Puutiin ammoo tasumaa yaada Yukireen akka biyyaa irra deddeebiin kuffisan.

Yukireen waraanashee akka hin cimseefi dhiyeessii meeshaa waraanaa akka hin arganne dhaabuu barbaada kanaaf kana booda biyyoota lixaa irraa geejjibni hin jiraatu ture. Eenyu akka mirkanaa'e beekuu barbaada.

Jalqabuma waraana kanaa irraa kaasee Puutiin Yukireen, "waraana akka hin qabaannee" gaafachaa kan ture yoo ta'u, kanis Kiiiv fi michoota isheef mormaa ta'a. Puutiin faallaa kanaa wabii nageenyaa barbaada.

Raashiyaan humna waraanaashee irra deebiin hidhachiisuu ykn sochoosuu dhaabuuf waliigaltii? Sun waan hin amansiifne fakkaata gama isaatiinis laafinni tokkollee akka hin jirre, yeroo inni Kiremliin keessatti rippoortarootaaf haasaa taasisaniin.

Puutiin daawwannaa sarara fuulduraatti dhihoo fakkaatu Kursk, kan naannoo daangaa Raashiyaa Hagayya darbe irraa eegalee kan gartokkoon isaa Yukireen qabamte keessatti taasisaniin irraa miira tuffiitiin deebi'an.

Raashiyaan Kursk keessatti olaantummaa qabdi. Puutiin ejjennoo humnaa cimsachuurrattii mari'achaa jiruutti malee kan qabe dhabuu akka hin barbaanne ifatti itti dhaga'ama.

"Guyyoota 30'f tarkaanfii waraanaa yoo dhaabne maal jechuudha? Humni achi jiru hundi lola dhiisa jechuudhaa?"

Ministeerri raayyaa ittisaa Raashiyaa torban darbe keessa magaalaa guddoo Yukireen to'attee turte Sudzhaa gutummaatti to'achuu beeksiisee ture.

Puutiin lammiileen Yukireen hafan hundi dadhaboodha, kanaaf Raashiyaan amma maaliif waraanaa dhaabdi? jedha.

"Guyyoota dhufan keessatti uggurri qaamaa yoo uumame namni tokkollee tasumaa bahuu hin danda'u. Filannoon lama qofatu jira, innis harka kennachuu ykn du'uudha."

Adda waraanaa kiiloo meetira 1,000 (maayilii 620) guutuu irrattis waanuma wal fakkaatu kanatu ture. Haalli qabatamaan lafarra jiru saffisaan jijjiiramaa jira jedhee himana. Loltoonni Raashiyaa "qabatamaan naannoo hundaan gara fuulduraatti tarkaanfachaa jiru."

Raashiyaan dhiheenya kana gama bahaatiin milkaa'ina hanga tokkoo argattulleen, harki caalaan adda waraanaa hundtti wal fakkaataa miti.

Puutiin, dhukaasa dhaabuun guyyoota 30'f Raashiyaan gara fulduraatti tarkaanfachuu dhabsiisuun lammiileen Yukireen akka deebi'anii gurmaa'anii fi deebi'anii hidhatan kan dandeessisu ta'a jedhanii amanu.

"Wanti akkasii akka hin taaneef wabiiwwan keenya maali" jechuun gaafatan.

Hanga ammaattis haalawwan dhukaasa dhaabuu kamiyyuu akka jiraatu gochuuf malli hin dhiyaanne.

Biyyoonni lixaa 15 yeroodhaaf loltoota nagaa eegsisan kan dhiyeessan ta'us, isaan kan dhufan yoo waliigalteen nagaa dhumaaraawwatamee qofa malee dhukaasa dhaabuuf miti.

Raashiyaan haala kamiinuu qophii sana ammoo ni hayyamti jechuu miti.

Waan sun hundi jiraatulleen, Puutiin dhukaasa dhaabuun akkamitti Raashiyaa fayyadamuu akka danda'urratti shakkii kan qaban fakkaata. Keessumaa yeroo loltoonni isaa gara fuulduraatti tarkaanfataa jiraniitti.

Ilaalchi isaa guutuun "haalli lafarra jiru akkamitti akka guddatu irratti kan hundaa'e" ture.

Dubbii himaan Puutiin dursaan Raashiyaa ergamaa Tiraamp Isteev Witikoof waliin guyyaa Kamisaa wal arguun ''odeeffannoo dabalataa'' kennuufii dubbatan.

Dhumarratti, Puutiinif haasaan barbaachisaan kan pirezidantii Ameerikaa waliin ta'udha. Garuu ammoo Dimitirii Peeskov waliigaltee kanaaf ''bu'uura abdii gaarii'' jechuun dubbatan.

Dubbi himaan Kireemliin waa'ee marii bilbilaan karoorfame kana ilaalchisee, "Wiitkoof odeeffannoo hunda [Tiraampiif] erga kennee booda... sana booda yeroo irratti waliigalle'' jedhan.

Kaayyoon Puutiin Kamisa darbe, ergaa karaan dhukaasa dhaabuu haal-duree guutuun hin danda'amne jechuun danda'amuun kan guutame ta'uu dabarsuudhaan danqaa kaa'uu ture.