Mariin ariifachiisaa dhuma torbee Zeleniskii, Tiraamp fi Awurooppaa maal irraan gahe?

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin guyyoota sadiin booda Kiivitti deebi'aniiru.

Kunis gaafa Jimaataa Doonaald Tiraamp fi JD Vaans waliin waldhabdee keessa galaniin booda Waayit Haawus akka gadhiisanii bahan ajajamuu isaanii irraa eegale.

Dhuma torban darbee Landanitti simannaa ho'aa argachuun, bakka Daawuning Istiriittiin alatti ministira mummeetiin itti simatamee, Mooticha daawwate, akkasumas walgahii Dilbataa irratti ammoo hoggantoota Awurooppaa irraa deeggarsa cimaa argate. Taateen kunis mudannoo Waajjira Ovaal keessatti isaan mudateen baayyee faallaadha.

Yaa'ii Landaniin booda, Kiir Istaarmar hoggantoonni Awurooppaa Yukireen ittisuuf ''tumsa fedhii'' akka ijaaran yaada dhiyeessan, haata'u malee eenyu akka waa gumaachuun gadaanaadha.

Hariiroo Zeleniskiin Tiraamp waliin qabuu fi karoora Awurooppaan nageenya Yukireen wabii gochuuf qabdu irratti odeeffannoo haaraa kunooti.

Amma walitti dhufeenyi Zeleniskiifi Tiraamp maalirratti argama?

Pirezidanti Zeleniskiin maxxansa miidiyaa hawaasaa isaanii Sambata ganama walitti fufiinsaan maxxansan irratti, Yukireenii fi Ameerikaan kaayyoo waloo saanii hubachuun ''amanamaa fi kallattiin waliif ta'uu qabu'' jedhan. Akkasuma Ameerikaan maddii isaaniitiin ''caalaa cimtee akka dhaabbattu'' akka barbaadan himan.

Zeleniskiin Waayit Haawus gadhiisanii sa'aatii muraasa booda Fox News irratti kan mul'atan yoo ta'u, waldhabdeen sun ''baayyee dhugaatti haala cimaa'' ta'uu ibsuun, carraa aana fayyadamuunis lammiilee Ameerikaa fi Doonaald Tiraamp galateeffataniiru.

Akkasumas miseensonni mana maree Ameerikaa ifatti akka dhiifama gaafatuuf waamicha dhiyeessanis osoo hin raawwatiin dhiisan.

Tiraamp dhuma torbee darbee waljijjiirraa aariidhaan raawwatame irratti kallattiin yaada kan hin kennine yoo ta'u, namoonni paartii Rippabilikaan irra caalaan isaanii Tiraampiifi Vaansiif deeggarsa qaban ibsan.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Maayik Waaltz, walgahii aariin guutamaa Jimaata darbe gaggeeffame irratti Waajjira Ovaal keessa kan turan, hogganaa Yukireen kana "jaalallee duraanii" waliin wal bira qabanii kan ilaalan yoo ta'u, Af-yaa'iin Maayik Joonsan ammoo Zeleniskii akka aangoo gadhiisuf gaafatan.

Haata'u malee, miseensi Kongiresii Rippabilikaan Nebraaskaa giddu galeessa ta'an Doon Baakoon ''imaammata alaa Ameerikaatif guyyaa hamaadha'' jechuun, Senaatarri Alaaskaa Lisaa Murkowski ammoo, ''bulchiinsi kun michoota keenya irraa fagaatee Puutiin hammatee waan mul'atuuf garaa keessa dhukkubsadheera'' jedhan.

Dureewan Awurooppaa deebii attam kennan?

Jimaata galgala erga Waayit Haawus keessaa bahee yeroo muraasa booda barreeffamoonni miidiyaa hawaasaa irratti Zeleniskii deeggaran dhangala'uu eegalan.

Namoota adda ta'an keessaa lammii Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meloonii, kan hariiroo gaarii bulchiinsa Tiraamp waliin qabdu eeguu barbaadduu fi lammiin Haangaarii Viktar Orbaan, kan Doonaald Tiraamp ''nagaaf ija jabinaan dhaabbate'' jechuun faarsitedha.

Yeroo walgahiin Landan Dilbata dhufutti tarkaanfiin qabatamaan deeggarsa jechoota hordofuu akka qabu miira keessa ture. Hoggantoonni irra caalaan isaanii ammallee deeggarsa Ameerikaa murteessaa akka ta'ee ilaalchisuun of eeggannoodhaan ibsuuf.

Xumura yaa'ichaarratti, gargaarsi waraanaa Yukireen itti fufaa, Yukireen marii nagaa irratti akka argamtu waadaa galuu, waraanni Yukireen weerara Raashiyaa gara fuula ofirra deebisuu akka danda'uuf dandeettiisaa cimsuu fi loltoota gara Yukireenitti erguu, Yukireen ittisuuf "tumsa fedhii qaban" ijaaruu dabalatee, Istaarmar karoora nagaa qabxii afur qabu ibsan.

Waa'een wabiiwwan nageenya Awurooppaa hoo?

Istaarmar yaadni loltoota gara Yukireen erguu, kan lafoof boottii fi qilleensaaf xiyyaara kan dabalatu, kan deeggarsa qaamolee hedduu qaba jedheera. Haata'u malee, biyyoota dhuunfaa dhimmicha irratti keessoodhaan marii akka taassianiif dhiisuuf of eeggannoo godhan.

Biyyoonni Iskaandinaaviyaa yaada kanaaf banaa akka ta'an mallattoo agarsiisaniiru. Ministirri mummee Deenmaark Meet Firederiksan yaada dhihaate kana irratti ''sammuu banaa'' qabaachaa akka jirtu kan dubbatte yoo ta'u, Ulf Kiristersson Siwiidin ammoo yoo deeggarsa US qabaatte, biyyisaanii Yukireeniif wabii nageenyaa kennuudhaaf qophii ta'uu ishee dubbataniiru.

Jiiyorjiyaa Meloonii Xaaliyaan ammoo, garee Awurooppaa Yukireen keessa jiru irratti mari'achuu caalaa, yaa'ii biraa US hammate akka jiraatuf dhiibbaa gochuu filatte.

Akkasumas Poolaandi, yeroo dheeraaf deeggartoota Kiiv sagalee guddaa qaban keessaa tokko kan turte, loltoota erguu duraanuu kan dhorkitee yoo ta'u, gargaarsa namoomaa fi waraanaa Yukireen irratti daangaa muraasa keesse.

Hoggantoonni Awurooppaa amma walgahii addaa ittisaa irratti Kamisa dhufu Biraaselsitti irra deebi'anii wal arguu isaaniitiin dura, haala yeroo ammaa kana xinxaluudhaaf guyyoota muraasa ni qabaatu.

Kana irratti hoggantuun Komishinichaa Ursulaa voon der Leyen, waan, ''karoora bal'aa akkaataa deebiisanii Awurooppaa itti hidhachiisan'' jette ni dhiheessiti.

UKn karoora waraana dhaabuu Maakroon xiqqeessiti

Dilbata halkan gaazexaan Faransaay 'Le Figaro' jedhamu akka gabaasetti, pirezidant Imaanu'eel Maakrooniifi Istaarmar Raashiyaa fi Yukireen gidduutti, ''qilleensaa fi galaana irratti'' ji'a tokkoof waraanni akka dhaabatuuf yaada dhiyeessan.

Gadi fageenyi waliigaltee kamiyyuu kan hin mul'anne yoo ta'u yaadni Faransaayiin kaa'es kanuma qofa ture. Yaada kana jalatti gama lachuunu torban afuriif qilleensa irratti, galaana irratti fi naannoo bu'uuraalee anniisaatti waraana dhaabuuf walii galu.

Garuu, Maakroon lola sarara fuulduraa irratti lafa irratti taasifamu akka hin uwwifne yaada dhiheessee jira, sababiin isaas hordofuun baayyee rakkisaa ta'a.

Garuu Wiixata ganama ministirri humna waraanaa UK yaada waraana dhaabuu gadi xiqqeessuudhaan, ''waraana dhaabuun maal akka fakkaatu irratti waliigaltee hin godhamne'' jechuun cimsanii dubbatan.

Luuk Poolaard ammoo Raadiyoo Taayimsitti akka himanitti, "Faransaayiifi michoota keenya Awurooppaa waliin ta'uudhaan karaan akkamittiin... Yukireen keessatti nagaa waaraa fi kan walitti fufiinsa qabu uumuu dandeenyurratti hojjataa jirra."

Waraana dhaabuu kamiyyuu Raashiyaan irratti waliigalteerra gahuu qaba ture garuu ammatti ragaan isaan sana gochuuf fedhii qabaachuu agarsiisu hin jiru.

Gama Raashiyaatiin maaltu jira?

Vilaadmir Puutiin taatee Waashingitan ilaalchisee hanga ammaatti ifatti yaada kennuu baatanis, dubbi himtuun ministeera dhimma alaa Kiremliin, Maariyaa Zakaaroovaan garuu kun, ''guutumaan guututti kufaatii dippilomaasii Kiiv'' ta'uu dubbataniiru.

Wiixata ganama dubbi himaan Kiremliin Dimitrii Peskoovis isaan booda qeeqa walgahii Landan dhimma Yukireen irratti gaggeeffame irratti dabalaniiru.

"Achittis barbaachisummaa maallaqa Yukireeniif kennamu akka dhimma hatattamaa ta'etti cimsuun ibsi kennameera. Kunis qaama karoora nagaa akka hin taane ifaadha, garuu ammoo lola itti fufuuf kan hojjetamedha," jedhan Peskoov.

"Kanneen hafan ammoo gosa karoora nagaa qophaa'uun mariif dhiyaatu irratti hundaa'a. Adeemsa kanaaf deeggarsa ijaarsaa kamiyyuu amma, akkasumas tattaaffiin ijaarsaa kamiyyuu ni simatama."

Deebii waraana kanaaf kenname bal'inaan kan kennan Peskoov akkasumas "gamtaan warra dhihaa gartokkoon tokkummaa dhabuu jalqabaniiru" jechuun yaada dhiyeessan.