Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Korri Yukireen cinaa dhaabbachuurratti fuulleffate maal murteesse?
Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar karoora qabxiiwwan ijoo afur qabu kan waraana Yukireen dhaabsisuuf gargaaru labsan.
Karoorri kun weerara Raashiyaa Yukireen irraa qolachuufis akka gargaaru ibsan.
Karoora warra kaayyoo kanarratti fedhii agarsiisaniin hojiirra oolu ''coalition of the willing'' jedhamu kana keessatti UK, Faransaay fi biyyoonni Awurooppaa kaan hirmaachuun, deeggarsa Yukireen keessatti US akka hirmaattu ga'eesaanii ni gumaachu.
Kora aanga'oonni biyyoota 18 hedduunsaanii Awurooppaa irraa ta'an, dhimma Yukireen irratti taa'an irratti ''seenaa keessatti yeroo murteessaa ta'erra jirra,'' jedhan Istaarmar.
Kora kanarratti kan hirmaatan Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii biyyisaanii ''tumsa cimaa'' akka barbaaddu ibsatan.
Kora kanarratti tokkummaan Awurooppaa kan yeroo kamuu caalaa sadarkaa olaanaan mul'ateera.
Korri kun erga Zeleniskii fi Doonaald Tiraamp Waayit Haawus keessatti walitti dheekkamanii booda taa'ame.
Aab Istaarmar kora kana booda wayita ibsa kennan qabxiilee afur irratti walta'uu eeran.
Isaanis:
- meeshaaleen waraanaa hedduun Yukireeniif akka kennaman fi Raashiyaarratti dhiibbaan diinagdee akka cimu gochuu
- waliigalteen nageenyaa kamuu kan birmadummaa fi nageenya Yukireen mirkaneessuu ta'uu qaba, Yukireen marii nageenyaa hundarratti argamuu qabdi
- waliigalteen nageenyaa wayita taasifamu, akkaataa humni ittisaa Yukireen cimee weerara gara fuulduraatti mudachuu malu ofirraa qolatuun ta'uu qaba
- yaada marii Yukireenirraa dhihaatuuf kan dhaabbatu akkasumas nageenya egereef wabii kan ta'u qindoominni qaamolee fedhiin hirmaatanii ''coalition of the willing'' akka jiraatu
Ministirri Muummee Istaarmar maallaqa misaa'eloota ittisa qilleensarraa ta'an 5,000 ol bituu kan danda'u doolaara biiliyoona 2 deeggarsaan Yukireeniif kennaniiru.
Kun paawondii biiliyoona 2.6 kanaan dura Yukireeniif liqiidhaan kennamerratti dabalataan gargaarsa taasifamedha.
''Dogoggora kanaan duraarraa barachuu qabna. Waliigaltee Raashiyaan salphaatti cabsitee seentu hin fudhannu, of fooyyessuu qabna. Waliigaltee taasifnu kamiyyuu humna cimaa qabaachuu qaba,'' jedhan.
Ministirri Muummee UK kun biyyoonni kamfaan qindoomina jedhame kanatti seenuuf akka waliigalan hin ibsine, garuu kanneen kutannoo qaban karoora kana bal'inaan, saffisaan hojiirra oolchuu keessatti ni hirmaatu jedhan.
Waliigalteen kun tumsa US gaafata kan jedhan Aab Istaarmar, Raashiyaas akka hirmaachisan himan.
Garuu Moskoon olaantummaan gara feetetti akka nu ooftu hin eeyyamnu jedhan.
''Ifattin isinitti hima, nageenya waaraa fiduun murteessaa akka ta'e Tiraamp waliin waliigalleerra. Amma waliin taanee hojiitti hiikuudha,'' jedhan Aab Istaarmar.
US bulchiinsa Tiraamp jalatti michuu hin abdatamne ta'uu ilaalchisee kan gaafataman Istaarmar, ''taatee Jimaata mudate namni tokkoyyuu arguu hin barbaadu. Garuu an akka kootti US michuu hin abdatamne kan jedhu hin fudhu,'' jedhan.
Kora UKn qopheessite kanarratti Faransaay, Poolaand, Siwiidiin, Turkii, Noorway, Cheek Rippaablik, Deenmark, Jarmanii, Nezarlaandis, Roomaaniyaa, Fiinlaand, Xaaliyaanii, Ispeen fi Kanaadaan hirmaataniiru.
Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen ''Awurooppaa deebisanii hidhachiisuun'' yeroonsaa amma jedhan.
Hoogganaa olaanaan Nato yaada qondaala Awurooppaa kanaan waliigalu.
Mark Rutte korri kun biyyoonni Awurooppaa irree tokkoon ka'aa jiraachuu mul'isa jedhan.
Kunis akka Yukireen waan feetu argattuuf fi hanga waraanichi itti fufee jirutti dura dhaabbachuu akka dandeessuuf murteessaadha jedhan qondaalli Nato kun.
Kora sana booda Pirezidant Zeleniskiin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin US waliin waliigaltee albuuda gati-jabeeyyii mallatteessuuf duraanuu qophii ta'uu dubbatan.
Pirezidantichi waliigaltee mallatteessa jedhamee eegame Waayit Haawusitti osoo hin mallatteessin ba'anis, ammallee waliigaltecha mallatteessuu akka barbaadan ibsan.
Marii dheekkamsaan guutame Jimaata darbe Pirezidant Tiraamp waliin taasisan fi bu'aa malee xumurame booda ammallee US waliin mari'achuun ''iddoon Yukireen akka hubatamu,'' gochuuf akka hojjetan dubbatan.
''Michuuwwan keenya waraana kana keessatti eenyu weerartuu akka ta'e yaadachuu qabu,'' jedhan Zeleniskiin.
Bulchiinsi Doonaald Tiraamp marii nagaa Raashiyaa waliin eegaluu booda hariiroon US fi Yukireen laafeera, ammoo hariiroo gama nageenyaan biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf albuudota akkaan qaalii ta'an US'f kennuun ulaagaa jalqabaa ture.
Garuu erga Zeleniksii, Tiraamp fi Pirezidantii Itti Aanaa US JD Vaansi Waayit Haawus keessatti marii dheekkamsaan guutame taasisanii booda, dureen Yukireen waliigaltecha osoo hin mallatteessin akka bakka sanaa deemu itti himame.
Zeleniskiin kora Landan irratti Waayit Haawus keessatti jechoota walitti daddarbachuun ture US akkasumas Yukireen waan fayyade tokkollee akka hin qabnee fi dhugaatti Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akka fayyade dubbatan.
Garuu yoo affeeraman gara Waayit Haawus deebi'uun akka mari'atan ibsaniiru.
Korri Dilbata Landanitti gaggeeffame torbee hooggantoonni Awurooppaa dippiloomaasiirratti humnasaanii duguuganii hojjetan kan goolabedha.
Korri kun guduunfaa daawwannaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon, Ministira Muummee UK Kiir Istaarmar fi Pirezidantiin Yukireen Waashingitanitti taasisaniiti.